Geda News Network
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Geda News Network, Media/News Company, Addis Ababa.
Maqaan “JAWAAR’ tokkichi qarshii meeqa? Biyya tanatti muuxannoo Jawaar arrabsuu qofaan baay’etu masaraa dabalatee bakka baay’etti qacarame, baay’etu doolaara sharafate, baay’etu osoo miilan deemu V8 fi Viillaa keessatti of arge, baay’etu osoo Finfinneellee hindhufin Ameerikaa deeme…Maqichi silaa carraa hojiis uumaa jira, biizinasasi maalif iwuqinnaan kennameefii akkuma ‘Xpress money fi Dahabshill’ san ajentiiwwan maallaqa sharafan keessatti hin ramadamne?🙄
12/09/2021
Bu'aa marii fi qorannoo Hayyootaa, dargaggoota fi ogeeyyota diinagdee kan tahe JIRRAA MIIDIYAA NEETWORK/JMN/ koonsartii jalqabaa Godina Addaa Naannawa Finfinnee Sabbataa Hoteela Intarnaashinaala Magarsaa Baatuutti fulbaana 16,2014 ganama keessaa sa'aatii 3: 00 irraa eegaluun haala adda taheen gaggeessuudhaaf qophii xumuree jira. Koonsartii Jirraa Miidiyaa Neetwork kanarratti artistoonni bebbeekkamoon, hayyoonni, Abbootin Gadaa, Maanguddoonni, Miidiyaalen gurguddoon, Abbootin Qabeenyaa garaa garaa irratti argamu.
Koonsartii kanarratti marii baldhaan dhimma diinagdee irratti ni gaggeeffama. Akkasumas sagantaan gurgurtaa Aksiyoona miidiyaa Jirraa ni gaggeeffama.
Koonsartiin Jirraa Miidiyaa Neetwork/JMN/ Biyya keessaa fi biyyoota garaa garaa keessatti sagantaa marii diinagdee fi koonsartii kan itti fufu taha. Kana hubachuun guyyaa jedhame kanatti sagantaa kanarratti argamuuf akka qophooftan dhaamsa isiniif dabarsina.
- https://www.facebook.com/Jirraa-MiidiyaaNetworkJMN-103957057814336/
https://t.me/joinchat/PYDDdE4zYbxjYzRk
Odeeffannoo dabalataaf
+251920442404
+251911285536
+251945240083 irratti bilbiluun odeeffannoo barbaaddan argachuu dandeessu.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Addis Ababa