Bargaay Labuu

Bargaay Labuu

Share

bargaay labuu

10/02/2025

Nama gargaaruuf nama ta'uun qofti gahaadha Obboleessi keenya Anas Husseen Galamso Qeeyroo ykn maqaan document barnoota fi akkaa'ontiwwaan (accounts) isa Boharsaa Husseen Galamsoo Qeeyroo jedhama dhalataa Aanaa daaroo labuu araddaa ejeertitii Obboleessi keenya baayyee dhukkubsaate bara 4 waan qabuun of yaalee humnaa isaatii ool taanaan ummaata oromootti iyyaate jira na gargaaraa lubbuu tiyyaas rabbii gadiitti dhibdee tana irraa na bararaa jedha dhukkubnii isaatis kaleen isaa lachuu hojii dhaabdee jirtii Alaa deemtee yaalamuu qabdaa jedhaniin manni yaalaa pawloositti yaalama turee ammaa furmaanni dhibee keeti Alaa deemtee jijjiiraachuu qofa jedhaniini Alaa San deemee kalee isaa lameen jijjiirachuuf mallaqaa Ethiopia million afurii fi Kuma dhibbaa shan (4500000 ) gaafatamee ummaanni oromoo Kan na beeytaanifi Kan nan beeynees na gargaara rabbii wajjiin dhibee tana harkaa na fudhaa jedha.

Namni Rabbii sodaattu video obbolessa keenyaa kanaa share godhaa 🙏 please brother gargaaraa Bilbilla isa:
0922637372
0910293348
Commercial Bank of Ethiopian
Boharsa Husen Gelemso
1000090483831
Awash bank
014250037016800
Cooprative bank oromia (bankii hojii gamtaa oromiyaa)
1053500028122

02/12/2020

Sabboontoota hedduu maaltu mila sakaale ykn hojjii ala godhe

Yaada kiyya

1.Warren Diyaasbooraa jajjabaa tahan yeroo isaan gara biyya dhufan kaadreen Mootumma ramaddii fudhatee Hoteela qabaniifi Qarshii mootummaatin kafalti nyaata ,cisichaa fi dhugaati hanga dubartii mana Bunaa ramadanii ji'ootaf waan ummata Kessatti saalfi tahe dubarti mana bunaa wajjin yeroo isaan ciisan ykn Dhiirti isaan qopheessan Dubartoota tenya jajjabduu wajji akka rafu godhanii video waan kana garsiisuun doorsisuu.

2.kayyoo isaati ala akka hojjatu Daldala ykn lafa kennaniifi ergasii akka inni dubbane gochuu

3.Mallaqaan bituu hanga tokko
4.Olola sobaatiin wal afaan deebisuu ykn wal dhabsiisu
5. Bilxiginnan Dokmentarii dukkana daheeffatanii ofiif hojjataniin akka isaan hojjatanii fakkeesuun maqaa xureesu,hidhuu ,biyyaa baasuu fi ajjeechaan dadhabsisuu yaalu.
6.Warren fekkeessani Qeerroo ykn sabboontoota akka diiganiif ramadiin kennamteniin badii isaaniitin Qaama dhugaa diiysisuu
7.Qeerroo ,Sabboontoota ,dhaabbilee siyaasa oromoo cinaatti falla diigumsaa isaan fakkessani jaaruun akka wal diigan ykn walirratti duulan gochuu.
8.Abshaalummaan hojjachuu daran , Qeerroo ,Sabboontoota fi gariin miraan ykn aariidhan tarkaanfii fulduraatiif hanqatee isa wajjin hojjaturrattis gufuu tahuu
9.Idoo gargar baafachuu dhabuun bakka hundatti babbalaquu
10.Dadhabbina namni dhuunfaa isarrattis tahee waan biroo hojjateen kayyoo dhaabbateef sanirra hidhannoo isaa hikkachaa deemu.
kana jechuun enyuufi Qabsaawa ? Maalifiin Qabsaawa ? wanti feetees dhuftu galmaan baheef na hanqisuu hin dandeessu jedhee ofitti himuu dhabuun.

11.namoonni kaleessa daba hojjachaa turan Hayyoota fi Jallawwan qabsootti maxxananii ykn sobboontoota tahanii idoo qabachuun ,Qabsaawa alatti dhoorkuu

12.Nama fakkenya akka Jawar Mohammed qindeese tarseemoon hojjachiisu dhabuun saphaloo kadiir

30/11/2020

Yuniversiitii Awrooppaa an itti baradhu keessatti guyyaa har'aa dhimmi siyaasaa Itoophiyaa yeroo ammaa ajandaa marii tahee seminar irra turre. Professor keenyaa fi barattoonni baay'een hubannoon waa'ee haala siyaasaa Itoophiyaa ammaantanaa qaban maal akka fakkaatu arguufin carraa argadhe. Dhuguma dubbachuuf haala biyyattiin keessa jirtu nu warra lammiilee jedhamnu caalaa barsiisotaa fi barattoota siyaasaa Awrooppaatu quba qaba. Akka Abiy Amad sabummaa balleessuuf (de-ethnicizihg Ethiopian politics) qabsoo guddaatti jiru namni keenya ''beekaa'' jedhamu osoo hin argin faranjootatu argee achii as nutti himaa jira. Yaalii namtichaa dura kana dhaabbataa jiru ammoo Tigraay tokkittii tahuu fi lolli Tigraay irratti banames qaamuma lola ideology kanaa tahuutu maryatamaa oole. Anis carraa argame kanaan dogoggora guddaa kana sirreessuufan yaale. Sabummaan akka hin banne kan lolalaa jiru Tigraay qofa osoo hin taane saba isa guddicha biyyattii kan tahe Oromoo akka dabalatu warra hin hubatin hubachiisuun galateeffatameera. Wantin hubadhe guddaan, Tigraay lolattee sagalee ishii addunyaatti dhageessifachuu danda'uu fi Oromoon ammoo sagaleen isaa dhokataa jiraachuu dha. Akka waan sabummaa dhabamsiisuuf duula godhamaa jiru keessatti Oromoon mormii hin qabnetti fudhatamee mormiin Tigraay qofti dhagahamuun akka Oromoo tokkotti na qaanfachiise. Gaaffii barataan lammii Faransaay tokko kanarratti dhiheesse deebisuun garuu salphaa hin turre. ''Oromoon yoo majority tahe maaliif sabummaa dhabamsiisuuf duulamaa jiru mormuu irratti sagaleen isaa qal'ate ree'' gaaffii jedhu. Deebii kanaaf kenne qabaadhuyyuu, asirratti garuu isinumtii akka ofiif deebiftan afeeruun filadha. Yaya Beshir

25/11/2020

Abiy “dhimma keessoo keenyaa isin hin galchu” jedhee addunyaa iyyaa jirtuuf tuffiin deebii kennee jira. Kana irraa wanti tilmaamnu addunyaa wajjiin akka hamaatti wal dhabee jira. Abbaa Irree hamaa mataa jabaatu tahuu isaa qabatamatti addunyaa beeksifate. Gama kaaniin “abbaa fedhetu du’a malee lola hin dhaabnu” jedhe. Addunyaan “yakka waraanaa hojjataa jirta” osoo jettuun didee kana dubbachuun akeektuu hammeenya Abiy biyya san keessatti deemuuti. Kanaafuu yoo akkanumatti itti fufe yeroo gabaabaa keessatti mana murtii addunyaa dhihaachuu mala. Addunyaa tuffiin inni ilaalu kanatu biyya san yoo xiqqaate 40% gargaaraa jira. Biyyi sun of dandeessee hin beektu. Gargaarsa alaa malee jiraachuu hin dandeessu; keessattuu gaaga’ama siyaasaa kana keessatti. Ammumayyuu rakkoo mudate argaa jirra. Mindaa ummata irraa muranii waraanaaf dhimma itti bahaa jiru. Hanga yoomiitti akkasiitti mindaa ummata irraa muru; yeroo jireenyi qaala’ee silaa mindaan dabalamuu qabutti. Gabaabumatti Abiy boolla keessaa hin baanetti kufe. Namni biyya saniif yaadu Abiyyiif harka rukutaa biyya akka hin dandamannetti balleessuun dogoggora guddaadha.ferhan Abdulselam

25/11/2020
Want your organization to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Addis Ababa
AWAY