Jossy Habte
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jossy Habte, Addis Ababa.
01/03/2024
8 Yesus immoo deebisee,
“‘Waaqayyo gooftaa keetiif jilbeenfattee sagadi,
isa duwwaafis hojjedhu!’
kan jedhu caafameera” jedheen.
ኢየሱስ ግን እንደዚህ ብሎ መለሰለት፣ “’እግዚአብሔር አምላክህን አምልክ፣ እርሱንም ብቻ አገልግል’ ተብሎ ተጽፎአል፡፡”
Jesus answered him, “Get behind me Satan! For it is written, ‘You shall worship the Lord your God, and you shall serve him only.’”
11/01/2024
Yoon maal jedhee yoon maalis godhee si gammachiisa
Olmakeetu gooftaa guutee na ollachiisaa
Gaarumman kees arjumman keeso hin laka'amuu
Jallikees ararrikees hin tilmamamuu
1ximi 2:4 ..Waaqayyo,
namni hundinuu akka fayyu,
dhugaa beekuu biras akka ga'u in fedha.
እርሱ ሰዎች ሁሉ እንዲድኑና እውነትን ሁሉ ወደ ማውቅ እንዲደርሱ ይፈልጋልና፡፡
5 Waaqayyo tokkicha,
inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha;
inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.
አንድ እግዚአብሔር አለና፣ እንዲሁም በሰዎችና በእግዚአብሔር መካከል፣ ሰው የሆነ ክርስቶስ ኢየሱስ አንድ መካከለኛ አለ፤
01/09/2023
Faarfannaa Oromoof nama bu'uura isa jalqabaa buuse
------‐--------------
Oneesimos Nanib (Abban Gammachiis) nama MQ gara Afaan Oromootti hiike akka ta'e beekamaadha. Kana malees macaafota hedduu gara afaan Oromootti deebisuufi Afaan Oromootiin nama barnoota ammayyaa saba keenya gidduutti jalqabe dha. Kanaafis barumsa amayyaafi hogbarruu Oromoof nama bu'uura kaa'e akka ta'etti seenaan isa yaadata. Muuziqaafi faarfannaa Oromoof bu'uura buusuutti nama isa halqabaa ta'uusaa meeqan keenyatu beeka laata? Abbaan Gammachiis biyya Swedinii yeroo ture wanta baayyee inni barate keessa tokko Meeshaa Muuziqaa xabachuu si'a ta'u meeshaa muuziqaa Harmonium (fakkii armaan gadii ilaalaa) jedhamu biyya Swedinii fudhatee gara Ertiraa dhufee ture. Yeroo hojii MQ hiikutti qabamee ture muuziqaa xabachuuf yeroo honqabu ture. Bara 1899 ti yeroo hojii hiika MQ fixee manaaxxansaa galche, St.CHRISCHONA Switzerland irraa xalayaa barreesseen, " yeroon Asmaraatti deebi'u mana gaasha qabu yoon argadhe Harmonium koo barbaadeen bakka mijatu tokoo dhaabeen xabadha. Yaadaamee waggoota saglan darbaniif muuziqaa kana xabaxhuuf yeroo hinarganne!" jedhee ture.
Abbaan gammachiis faarfannoota hedduu afaanota gara garaa irra hiikee kan ofii isaatiis itti dabalee macaafa " Galata Waaqayyo Gooftaa Maccaa" jedhuun maxxansiiseera. Faarfannootni kunis farfannoota Afaan Oromoo warra jalqaba waldaa kristaanaa keessatti farfataman so'a ta'u Abbaan Gamachis immoo Oromoo meeshaa muuziqaa ammayyaa xabate isa jalqabaati. Gumaachi Abbaa Gamachis gama kanaan godhe kan sichi bal'inaan qoratamu qabudha. Faarfannaa Afaan Oromoof nama bu'uura isa jalqabaa kaa'e ta'uunsaa garuu mamii tokko iyyuu hinqabu! Akkuma biyyoota biraa faarfattoota ol adeemoo jajjabeessuuf " Oromo Gospel Music Award" nubarbaachisa. Maqaa badhaasa kanaas Onesimos Nesibitti mogaasuudhaan gumaacha Abbaa Gammachiis gama kanaan godhe dhalootni akka yaadatu gochuun hojii waldaan Macaafa Qulqulluu ( Oromo Bible Society - OBiS ) Oromoo irraatti hojjetaa jiru.madisaa OBiS
Click here to claim your Sponsored Listing.
Website
Address
Addis Ababa
27/09/2023