Abiyu B. Kitila

Abiyu B. Kitila

Share

#Jesus Is My Life

15/07/2026

Margee hin dhiisanimoo?
Baga Geessan! Faarfannaa Gaa’ilaa kan cidha obboleessa keenyaa gaafa jimaataa karaa Egeree Media isin qaqqabaa! Baga gammadde !

09/07/2026

Addunyaa kana irratti wanti Yesusitti michoomuu caalaa gatii guddaa qabu hin jiru.

Photos from Abiyu B. Kitila's post 02/07/2026

BOFI MIILLA QABA TUREE?
Seera Uumama 3:14
-Namoonni tokko tokko bofi miila qaba ture jedhanii amanu.
-Kaan immoo abaarsi sun jijjiirama qaamaa osoo hin taane salphina fi kufaatii Seexana agarsiisa jedhu.

Macaafa Seera Uumama 3:14 keessatti, Waaqayyo bofa irratti akkana jedhe:
Waaqayyo gooftaanis bofichaan, “Kana waan gooteef, ati horii hundumaa, bineensa bakkee hundumaa keessaas abaaramaa in taata; ati garaa keetiin lafa irra in loota, bara jireenya keehundumaatti biyyoo in nyaatta. ”
#. Kana irratti namoonni yaada lama(2) qabu innis:
1. Kunis yeroo sana dura bofi garaa isaa irra hin loone jechuun agarsiisa jedhanii namoonni baay'een hiiku. Kanaaf keessaa hiikni beekamaan tokko, bofi miila qabaatee deemaa ture; cubbuu booda garuu garaa isaa irra akka lootu adabame jedhuu.
2. Namoonni tokko tokko immoo kutaan kun hiika fakkeenyaa (symbolic) qaba jechuun ibsu; jechuunis salphina fi kufaatii Seexanaa agarsiisa jedhu. Kana jechuun waa'ee Bofa utuu hin taane itti fakkeessudhaan (Symbolic) kufaati Seexanan jedha jedhu.

-Mee maal isinitti fakkaata?
-Yaada 1ffaa moo 2ffaa deggartu?

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Addis Ababa