Mallaqa Shaggar
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mallaqa Shaggar, Journalist, Addis Ababa.
11/11/2023
Daandiin keenya Ida’amuu, Galmi keenya Badhaadhina!
Jijjiiramni kamuu akka salphaatti kan gadi dhaabamu miti. Jijjiirramni akka biyyaatti dhufe, abdii fi sodaa, humnoota jijjiiramicha barbaadufi hin barbaanne jidduutti falmii jabaan gaggeeffamaa tureera.
Qaamoleen garagaraa fedhii fi dantaa mataa isaanii irratti hundaa’udhaan jijjiiramicha tarkaanfachiisaa waan jiraniif, jijjiirama kana bu’uura cimaarra dhaabufi gadi jabeessuf qabsoo cimaa gaafata.
Humnoonni jijjiiramicha barbaadan jijjiirama dhufeefi hoggantoota jijjiiramichaa abdii guddaadhan eeggatu. Jijjiirramichi gochoota badaa, seeneffamaafi hanqinaalee sirna moofaa keessa turan adeemsa keessa jijjiiree, sirnaafi hojimaata gama hundaan haaraa ta’een bakka buusa jedhanii abdii guddaan eeggatu.
Faallaa kanaatiin ammoo, humnoonni jijjiirramichi itti dhufee daandii qaxxaamuraatin duroomuufi taayitaarra turuu baran, daandichi waan jalaa cufamuufi faayidaan isaanii itti hir’atuuf sirni ture hanqinni isaa sisirratee akka itti fufu gochuuf qabsaa’u.
Waggoota afran-shanan darban keessa sababa walitti bu’iinsa humnoota lamaan gidduutti uumamaa tureen, abdii fi gidiraan, tokkummaa fi adda addummaan, dinqisiiffannaa fi balaaleffannaan idil-addunyaa, guddinaa fi harkiffannaan, bilisummaa fi wal-dhabdeen garagaraa seenaa Itoophiyaa keessatti karaa ta’ee hin beeknen akka keessummeeffaman dirqisiise.
Jijjiiramni biyyaalessaa kun qormaata hedduu keessa darbaa jiraatus, daandii badhaadhina irraa ija osoo hin libsatin imala keenya itti fufnnee jirra. Galmi keenya Badhaadhina hundagaleessa..
11/11/2023
Rasaasa Hiyyummaa Nyaatu!
= = =
Biyyi keenya Itoophiyaan tulluu hiyyummaa diigdee mul'ata badhaadhinaa dhugoomsuuf hirmaannaa lammiilee isheen oomisha qamadii rasaasa tulluu hiyyummaa diigu irratti xiyyaeeffannoo kennitee hojjechaa jirtuun milkaa'ina guddaa gonfatte.
Milkaa'ina kanaaf ga'een Naannoon Oromiyaa qabdu daraan olaanaa waan ta'eef naannoon keenya haala mijaataa damee qonnaaf qabdutti fayyadamuudhaan humna namaafi lafa jiru qixaan hojiirra oolchuun misooma si’eessuufi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojjachuu bira darbuun dorgommii daldala biyya alaatti galuu dandeesseetti. Injifannoo kana daraan itti fufsiisuuf oomisha Qamadii jallisii bonaa cimsuun barbaachisaa waan ta'eef bara kanas lammiileen hunduu qixa barbaadamuun hojjechuu qabu!
11/11/2023
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
28