Qubee Tv

Qubee Tv

Share

Qubee TV Is A Broadcast Media Channel Established To Be The Best In Ethiopia And East Africa.

Photos from Qubee Tv's post 19/05/2024

Taphoonni xumuraa Piriimeer Liigii Ingilaand har'aa hawwiin eegama.

Qubee Tv (Caamsaa 19, 2024) Finfinnee!
Taphoonni xumuraa Piriimeer Liigii Ingilaand bara 2023/24 har'aa xumura argata.

Har'a waaree booda sa’aatii 12:00 irraa jalqabee taphoonni 10 sa’aatii walfakkaatuutti ni taphatama, kanumaan Arsenaal Eevartan, Maanchiister Siitiin Weest Haam waliin morkiin taasiisan hawwiin eegama.

Waancaan liigicha osoo abbaa hin argatin tapha torbee 38ffaa qaqqabe, haata'u malee har'a Maanchiister Siitiin falmii Weest Haam waliin taasiisu injifannaan Shaampiyoonaa liigichaa ta’a.

Arsenaal Eevartan yoo injifatellee, Siitiin qixa yoo bahe yookaa yoo injifatame malee carraa shaampiyoonaa ta’uu hin argatu.

Arsenaaliifi Eevartan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 208 keessaa Arsenaal yeroo 104 yoo injifatu, Eevartan si’a 61 inijifachuun yeroo 43 ammoo qabxii qooddatan.

Photos from Qubee Tv's post 18/05/2024

Lammiileen Itoophiyaa lakkoofsaan 1,147 ta’an Saa'uud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi'an.

Qubee Tv (Caamsaa 18, 2024) Finfinnee!
Lammiileen Itoophiyaa Saa'uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan lakkoofsaan 1,147 ta’an har'a xiyyaara sadiin gara biyyaa deebi'an.

Ebla 4, 2016 eegalee hanga ammaatti lammiileen 25,800 gara biyyaa deebi'uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul'isa.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address


Oromia
Addis Ababa
1254