Daandii Dhugaa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Daandii Dhugaa, Public Figure, Addis Ababa.
29/01/2026
Bulchiinsi magaala Fi Geejiba dhimma kana Seeraan nuf hordoofu qabna.
Gama nageenyatin yoo jenne Baay'eema nuf hin liqiimfamu waan ta'eef.
Dubartoota Fi barattoota biyyaa kan Safuu dhowwes Warra Miilla sadii Konkoolachiisu kanadha.
16/01/2026
Sirni awwaalchaa Dooktar Lataa Tasfaayee raawwate
Finfinnee, Amajii 8, 2018 - Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Yuunivarsitii Dambi Doolloo fi miseensa paarlaamaa Dooktar Lataa Tasfaayee raawwatameera.
Dooktar Lataan dhimma dhuunfaaf gara biyya Ameerikaa deemanii, kutaa hootela Hiiltan keessa boqotanii turan keessatti lubbuun isaani darbee argamuu odeeffannoo waan ni mul'isu.
odeeffannoowwan Seenaa jireenyaa isaanii akka mul'isanittis, Dooktar Lataan Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambidoolloo,
ganda 05tti Onkoloolessa 2, bara 1979 dhalatan.
Barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaas achumatti manneen barnootaa adda addaatti baratan.
Barnoota digirii jalqabaa Yuunvarsiitii Jimmaa irraa Barnoota Fiiziksiin eebifaman.
Qabxii Olaanaa fiduu isaaniitiin filatamanii kallattiin Yuunivarsiitii Finfinnee galuun damee Condensed Matter Physics jedhamuun Digrii Lammaffaa isaanii xumuran.
Yuunivarsiitii Finfinnee irraa damee Pure Physics tiin PhD ykn Digirii 3ffaa isaanii jalqabaa argatan.
Biyya Afrikaa Kibbaa, Free State University irraa damee Nano Materials jedhamuun ammas PhD lammaffaa argatan.
Biyya Ameerikaa, Key West University irraa damee Business Administration tiin PhD sadaffaa xumuraniiru.
Akkasumas, Biyya Hindii Narendra University keessatti barnoota Economics Digrii Lammaffaa (Masters) hordofaa turan.
Barruulee saayinsii (Science Journals) idil-addunyaa fudhatama qaban irratti qorannoowwan 80 ol maxxansaniiru.
Hojiiwwan qorannoo isaanii keessaa qorannoowwan turban (7) mirga abbummaa kalaqaa (Patent) argataniiru.
Yuunivarsiitii Walqixxeetti Barsiisummaan tajaajilaniiru.
Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaatti Barsiisaa fi sadarkaa Piroofeesara Gargaaraatti (Associate Professor) akkasumas Wiirtuu Material Science and Engineering Center of Excellence keessatti Daayireektara ta’uun tajaajilaniiru.
Yuunivarsiitii Dambi Doollootti: Waggoota ja’aaf (6) pirezidaantii ta’uun amanamummaa fi bu’aa qabeessummaa olaanaan tajaajilaniiru.
16/01/2026
Mee Jarrii Kun hundinu Baaburaa Jijjiiramaati. Konkoolachiistooni immo Qeerroof Qarreedha.
Mee Eessa Jiruu Bakka jiraaniiti quba Wal qabu laata?
15/01/2026
Baduun jiraa. Dhugumaa garuu baduun waan hin Oole Akka Amma jirru kanati.
Garuu ishii "እዮብ አለ"jettu kanatu Sii Balleesse Namana sirreeffadhu.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Culinary Team
Attire
Website
Address
Addis Ababa