Anole Press

Anole Press

Share

Feደraሊስት

22/05/2023

Mootummaa ummataa kan ummataaf laalatu dhabuun waan nama hin goone hin qabdu.

Ummanni Oromoo naannawa warshaa warqii laga Dambii jiraatu waggoota hedduuf dhibee garagaraaf saaxilama ture ilmi dhalatus qaama hir’uu ta’ee dhalataa ture.

Bara 2018 irraa calqabee mormii ummataatin cufatus waggoota sadi booda bara 2021 irraa jalqabee sirreeffama fi itti gaafatamummaa tokko malee hojiitti deebi’e ammas balaa dabalataaf ummata saaxilaa jira.

Human right watch warshaan laga Dambii keemikaalli inni itti fayyadamu fayyaa namaafi beeyladoota irratti miidha guddaa kan qabu waan ta’eef akka cufatu gaafatee ture.

Mootummaan ummataaf naatoo hin qabne garuu galii achirraa argamuun sharafa biyya alaaf yaadda’uu malee ummataaf yaade hin beeku.
Link gadiin Gabaasa Human Right watch dubbisaa.

https://www.hrw.org/news/2023/04/26/ethiopia-companies-long-ignored-gold-mine-pollution

Photos from Anole Press's post 19/05/2023

Waraanni Bilisummaa Oromoo waraana discipline ol aanaa qabu fi seera waraana idil addunyaa eegee socho’udha.
Xiyyeeffannoon isaas qaama isa waraanu sirna qofarratti akka ta’e beekamadha.

Tarkaanfii yeroo adda addaatti fudhachaa jiruun yeroo tokkos saboota biroos ta’ee bu’uuralee misooma irratti xiyyeeffatee hin beeku.

Akka fakkeennatti yoo laalle iddoo hidda mormaa mootummaa ta’an kan akka Daandii baaburaa Ethio-Djibouti, Madda Elektiriika Ethiopia, Humna bishaani magaalota gurguddoo, Riqicha gurguddoo biyyatti, Daandi guddicha Ethio-Kenya cufuu osoo danda’uu, ummata bal’aaf jecha Discipline waraana idil addunyaa kan qabu waan ta’eef bira darbee waraana isa loluuf dhufe qofa irratti xiyyeeffate imala isaa itti fufee jira.

Waraana mootummaa isa loluuf dhufe kan du’erra baala buusee darba, isa madaaye waldhaane fayyisaa, isa booji’ame kunuunse akka fedhii isaanitti nagaan gaggeessa.

Garuu faallaa kana waraanni mootummaa gochoota cigaasisoo hedduu ummata nagaa irratti raawwachaa jira.

Waraanni mootumma ga’uumsa WBO dura dhaabbatuun yoo dhabu ol dheebi’e ummata harka qullaa jiru ajjeesa dubartoota gudeedu hojii Guyyaa guyyaa isaa godhateera.

Photos from Anole Press's post 19/05/2023

“Inni ati kokkolfaa nyaattu kuni anaaf hirbaata” jedhe Oromoon. Mukni jimaa kunis ta’ee hawaasni diinagdeen isaa Jimaarratti hundaa’e saba keenyaf warra galataati. As biyya keessatti qofa miti alattuu gaafa diinagdeen saba keenyaa shira siyaasatiin kufee ture biqiltuu kanatu boqoo hawaasa keenyaa firaa fi diina duratti olqabe.

As biratti kan beekamuu qabu dhimmi jimaa dhimma qama’uu fi qama’uu dhabuu osoo hintaane dhimma fayyadamummaa hawaasa bal’aati. Dhimma haadholii fi daa’imman kumaatamaati. Dhimma qote bulaa fi oomisha dafqaan bulaa Oromooti.

Uummanni dhugaa qabaaf iyyachaa jira. Sagaleen hawaasa bal’aa haa dhagaa’amu, haa dhaggeeffatamu. Hawaasa kanaaf sochiin siyaas, diinagdee,amantii fi hawaasummaa hundi jimaadha, jimaanis waa hunda. Qaamni dhimmi ilaallatu bu’uuraa seeraa fi mirga hawaasatirra dhaabatee osoo dubbiin fagoo hindhaqin hatattamaan owwaachutu furmaata.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Addis Ababa