Naggasaa Sarbeessaa

Naggasaa Sarbeessaa

Share

Amboo +251947524055

Photos from Naggasaa Sarbeessaa's post 23/10/2023

== 😭😭==
Maaloo Dubbisaa godhaa jennee Jaalala Waaqayyoon sin gaafanna.
Waggoota Afurtama (40) darbaniif Kaartaa Seera qabeessa qabaachuun,Waaqayyo itti Waaqeffatamaa kan ture Waldaan Makkaani iyyesuus Dire Dawaa yeroo ammaa kana akka Diigamtee Hoteelli bakka sanatti ijaaramuuf Bulchiinsi magaalichaa Akeekkchiisa itti kenneera. Kanaaf Ji'a 1 Gidduutti Waldaa asi irraa kaasuu qabdu jechuun Ajaja itti baaseera.
Dhimma kana Namni hunduu kadhannaa dhaan akkasumas Barreeffama kana gochuun Waldaa Amantootaa kanaaf Sagalee haa tahu.
Namni hunduu ammas Share haa godhu.
World Christian Media
Christian tube - ክርስቲያን ቲዩብ

22/10/2023

✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Guyyaa Tokko Hiriyoota Lamatu Mana Dhugaatitti Utuu Haasa'anuu Dhimma wayiirratti Wal dhabuun Inni Tokko Isa tokko Reebee Ajjeese
Yeroo reebu kanatti Dhiiga Hiriyaasa kanaan Huccuun isaa baayyee Babbadee ture haa ta'u malee Achii baqachuu dhaan Ba'ee utuu fiiguu Nama tokkotti dhufe Akkas jedhee "Maaloo namatu narkatti du'e bakka tokko na dhoksi " jedheen Namichis Baayye gadduudhaan Huccuu isaa Irraa baasee kan isaa itti uffisee "Egaa Isa kanas hin xureessiin Adaraa" jedheen Kana Booda Warri Isa barbaadan Itti dhufuudhaan Isa Huccuu Dhiiga Qabu Uffatee Jiru Reebichaa hamaa Erga Irraan Geessisanii Booda Fuula Seera Yeroo Geessan Murtee du'aa itti kennan Inni Ajjeese Garuu Bilisa a'e.......................................
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Kun egaa Seenaa Gooftaan Keenya Yesuus Fannoo irratti nuuf hojjate Sana Wajjin Wal fakkaata
Argitee? Guyyaa Gaafa Yesuus Gara Ulaa Fannootti Deemuuf jedhuu sana Namni Maqaan isaa Jedhamu Biyya Irratti Jeequmsa Kan Fidaa Ture Wajjin qabamee ture Yesuus Garuu Yakka Kamillee hin Raawwaanne Garuu Lubbuu namaa Galaafata Ture san Gad dhiisanii Yesuus Garuu "Haa Fannifamu " Jedhan
Mat 27:15-26
Yesuus Egaa Sababa Koof Sababa kee Dabarfamee Fannootti Kenname

Inni Homayyu Utuun dubbatiin Mirga isaaf utuun falmatiin Maaliif na rukuttu utuun jedhiin dabarsee Of nuuf kenne
Kanaaf.........
"Inni bifa Waqayyummaatiin utuma jiruu
Ulfina Waaqayyummaa isaa Abbaa isaa Wajjin Wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin Lakkoofne.
Filp 2:6....

Egaa kun hundii Anaaf siif jedheeti
Waan dubbiftaniif Galatoomaa
Sher
Kanan Dubbise irraa

&_Sher_it

Kanaafuu Dhumarratti
jeedhii darbi kaa

11/10/2023

✍️✍️👉👉👉!!!

Kufaatiidhaan eegala
Jalqabni milkaa'inaa
"Gufadheera" jettanii
Bakka sana-n taa'inaa!

Hurufa heddummaatti
Jireenyi biyya lafaa
Jabaan kufus ni ka'a
Dadhabaan achitti hafa!

Kaayyoo kamuu qabaadhu
Nama hojjatu yoo taate
Aarsaa male hin geessu
Galma qabattee kaate!

Kanaaf seenaan hayyootaa
Waan baayyee nu barsiisa
Kufanii ka'uu beekuuf
~Albert Enistaayintu
Daandii nutti agarsiisa!

Abdii kutachuu dhiisee
Al torba kufee ka'ee
Xurree qaroominaarra
Kutannoo cimaan ga'e!

Fakkeenyati fudhattee
Ittiin galaana ceetu
Thomas Edson laali
Obsaaf kutannoo feetu

Ji'a sadii barate
Mana barumsaa galee
Waan gadadoos rakkinni
Lakkuu isarratti dhale,

Gidiraa biyya lafaa
Obsee garaatti baatee
Balbii har'a ibsannu
Tiriikaa aaddunyaaf laate!

Galmasaa hin hanqifne
Rakkinni isa hudhanii...
Irra deddeebiin yaalee
Yeroo kuma kudhanii,

Obsaan yaadee kalaqee
Dukkana ibsuuf maloota
Gumaacha guddaa kana
Kaa'ee darbe dhalootaa!

Abdii akkan kutanne
Gaafa kutatte abdii
Rakkoon si kuffisuutti
Ofumaaf kuftee cabdi!

Miti gaafa maramtee
Carqiin awwaala buutu
Gaafa hamileen kee du'e
Dhugaan kan ati duutu!

Kanaafuu.....

Karri tokko cufamu
Lamatu siif banama
Hireen abaarin ciiftee
Galgalaafi ganama

Jiruu biyya lafaatu
Qorumsadha obbolee
Hedduunis obsa dhabee
Abdii kutuun okkole!

Bakka kuftee ka'i
Laali bitaaf mirga
Daandiin biraa jira
Siif baadhatee silga,

Ati abdii akkan kunne
Dursii abdii kutadhu
Bakka har'a jirturraa
Fuulduratti butadhu

Kuftee achitti hin hafin
Ol ka'i ni dandeessaa
Hin dhaabbatin tiradhu
Gaaf-tokko galma geessa!💪💪

Photos from Naggasaa Sarbeessaa's post 06/10/2023

Ani Raajiin dhagahee
Budaa nyaate jedhani
ullaan gommaatti bahe

Har'a bullee bariinaan
Wanta haaraa dhageenya
Mootummaanis rakkate
Biyyis dhabde nageenya

Dubartittiin Buraayyuu
Daa'imman kichuu qalte
Gaangeen obbo Birhaanuu
Baakkootti ilmoo dhalte

Jaartiin Aanaa Fantaallee
Kudha sadii heerumtee
Akka durattii miti
Barana dubbiin cimte

Barattoota keenyatti
Exit Examiin dhufee
Eebbifamuu hin danda'u
Namni qoramee kufe

Waan addaati jedhame
Akka guutuu biyyaattuu
Guyyaa adii argineem
Qeesii mortee awwaaltu

Waraabessi dhukkubnaan
Dhaqee ciisee yaalamee
Manguddoon jaarraa lamaa
Arsii lixaatti argame

Alaabitti ishee kana
Funaaneetan guggube
Si'achi arguun fedhu
Har'a irraa jalqabee

Isa dhiiga nu dhaabu
Alaabaa isa lummuxxii
Qeerroowwan shaashamannee
Gadi yaaftee kukkutti

Surree jilbarraan cittee
Barii lilmoon hodhatuu
Sichi biyya keenyarratti
Dabtaraan hin hojjetu.

Hammam nu doorsistanis
Gooftaan jira nu faana
Yaa lummuxxii alaabaa
Maal fuuta Bataskaanaa???

06/10/2023

Yoo dureessa taate 👉waa qaba siin jedhu
Yoo iyyeessa taate 👉si tuffatuu
Yoo furdaa taate 👉hin yaadu sin jedhu
Yoo qa'aa taate 👉dhibe qaba sin jedhu
Yoo nama jaalatte 👉fayifaa dhaf siin jedhu
Yoo nama jibbite 👉nama hin jaalattusiin jedhu
Yoo nama gorsitee 👉kan ofiittu hin beeku siin jedhu
Yoo caaldhistee 👉garaattii dhibee baata siin jedhu
Yoo dubbatee 👉dubbaata sii godhuu
Yoo dargaaggoo waliin deemte
👉Sagagaaltuu siin jedhu
Yoo erumuu baate 👉dhabbattee hafte siin jedhu
Yoo deeggartuu 👉fakkeessa siin jedhu
Yoo moormuu baate 👉shororkeessa siin jedhu
Yoo hojii qabaate 👉firan siin jedhu
Yoo hojii dhabdee 👉wallala siin jedhu
!

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Amboo
Addis Ababa