Burqaa Dharee

Burqaa Dharee

Share

Burqaa Dharee

23/08/2025

Gootni yoo dhukkubsate wallaansaa fii tajaajila qaba.
Yoo du’e ammoo Sirna Awwaalchaa kan tarree gootaa qooda isaan malu qaba.

Nuti Ummanni Oromoo kun nama nuuf qabsaawe hunda yeruma rakkoo fii gidiraa jireenyaatiin halawwatee du’aaf afaan qarree gahe agarra.👁👁

Artist Nagayoo Guutamaa Miseensa HWB tan bara 1994 Dirree Qabsootti dhaabbatte keessa ture.

Wallee warraaysaa hedduu wallisuun Ummataa fii qabsaawota agarsiisaa ture.
Bara 1993 irraa eegallee hanga bara 1997 dhumatti anaa fii Artist Nagayoo Guutamaa waliin qabsaawaa baane.

San boodas nu biraa qabamee harka diinaa bu’ee bara hedduu mana hidhaa Wayyaanee keessatti hiraarfamaa ture.
Erga hidhaa bahees jiruun itti hin tolle.

Mil’uu fii abaarsa goottan Oromoof falmateetu nutti jira.
Kun homaa shakkii hin qabu!
Amma muummeen yaada kiyyaa Artist Nagayoo Guutamaatiif haa dirmannuu jechuu kiyya!

Please itti haa hiixannuu!
Xuuxxoon 50 nama tokkoof ba’aadha.
Nama 50’maaf garuu fuffuunfannaa fii tapha. Jechuu kiyya!

Qabsaawaa fii Artist Nagayoo Guutamaa Jaala kiyya kan Hadhaa dirree qabsoo, gaddaa fii gammachuu, beelaa fii dheebuu, daaraa fii addeenya akkasuma toobaa fii caama baddaa fii gammoojjii Oromiyaa keessatti waliin habbuuqqanne dhiira bakka dirree falmaatii fii bakka dhugaatti wal beeynu ture.

Amma ammoo dhibamee haala hamaa keessa jira.
Erga dhalatee guddatee qabsoof nama Haawwan isaatii bahe takkaa boqatee haara galfatee hin beekhu.

Yaa Ummata keenya osoo namni galata qabaatee goota isiniif qabsaawee hiree Oromummaa gaarii tana isin badhaaseetu guyyaa fii galata Oromummaa isin biraa qaba ture.

Garuu maal jenna?
Mee namuu namni Rabbiin laaffiseef waanuma dandeessan haa gargaarruu please!

Accountii isaa =1000601848547
Hancufti ida’aa galaanaatii namni Oromummaa fii Islaamummaas akkasuma Kiristaanaa fii Waaqeffannaas qabdan Artist Nagayoon isin maraaf qabsaawee gargaaraa please

“Namni du’a hiriyaa ifii arge yan ifiitis argee jira.”👁👁 ja’an.
Bakka Nagayoo of kaayee yeroon laalu hedduun ofittis

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Addis Ababa