Mustafe Alii

Mustafe Alii

Share

Karaalee milkaa'inaa
(Ways of success )

1 Ofitti Amanamummaa
2 Kaayyoo qabaachuu

Photos from Mustafe Alii's post 10/04/2025

Eid Mubarak 2017 2025 1446

====================

Dubbistu malee biraa hin darbin. 🙏

1→Maalif akka dhalatte, of gaafadhuutii hubadhu!
2→Waaqa si uume sodaachuu dirqama kee godhadhu!
3→Kabajaa fi naamusa kee eeggadhu!
4→Kaayyoo kee irratti kutannoo fi murannoo qabaadhu!
5→Osoo rakkoon hin dhufin, waaqa kee yaadadhu!
6→Yemmuu balleesite, dafii dhiifama gaafadhu!
7→Jireenya injifachuuf dursa ofiikee injifadhu!
8→Rabbii kee kadhachuu; amala taasifadhu!
9→Umurii dheerachuu yoo feete, waan gaarii hojjedhu!
10→Nama kamiifuu ilaalcha gaarii fi kabaja qabaadhu!
11→Haqaa fi dhara, ragaan xiinxali adda baafadhu!
12→Ejjannoo sirrii kan mataa keetii qabaadhu!
13→Qabeenyas dhabdu, amalaa fi naamusaa gaarii qabaadhu!
14→Namummaa keetin, of tahii mul'adhu!
15→Hiriyyaa nama hamatuu fi nama sobu; irraa fagaadhu!
16→Sammuu keetin of abboomii jiraadhu!
17→Yeroo gaa'ilaaf nama filattu, bareedina bifaa osoo hin taane, bareedina qalbii ilaalii filadhu!
18→Haqaa fi mirga keef, sodaa tokko malee falmadhu!
19→Lammii fi biyya keef, bilisummaa dheebodhu!
20→Barnoota amantaa kee, xiqqoos taatu baradhu!
21→Yemmuu duroomte, hiyyeesota yaadadhu!
22→Warroota dhukkubsatan, bira dhaqii gaafadhu!
23→Haadha fi abbaa kee, kabajii kunuunfadhu!
24→Nama tola ooltummaa siif oole, hundaa galateefadhu!
25→Waan filattu, adda baafadhu!
26→Du'a booda jireenyi jiraachuu isaa qalbifadhu!
27→Furtuu jannataa fudhachuuf, Goofta Yesuusin Waaqa kee godhadhu! sababni isaas isa malee jireenya bara baraa akka hin qabne jalaa murii beekii.
28→Eessaa, maalif, eenyun, maaliin akka dhufte; Eessaa fi maalirra akka jirtu; akkasumas, eessaa fi maaliif akka deemtu; sirriitti gadi fageenyaan xinxalii hubadhu!
29→Gorsa koo xiqqoo kana, adaraa kee qomatti naaf qabadhu!
30→Hiriyaa keefis share godhii dheebuu jireenyaa baafadhu!

⌲ Hundumaa olitti Waaqni hubannaa fi ogummaa akka siif laatuf, hifannaa malee kadhadhu!
Like& đź’•đź’•
Follow

Want your university to be the top-listed University in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Addis Ababa