Jechoota Hayyootaa

Jechoota Hayyootaa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jechoota Hayyootaa, College & University, Gulelle, Addis Ababa.

27/12/2025
20/09/2023

UTUU HIN DUBBISIN HIN DARBIN, kanan dubbiserraan isiniif qoodeeti

Jechoota Mimmiidhagoo:

1. Namni utuu kitaaba dubbisuu danda'uu kitaaba hin dubbifne, nama dubbisuu hin dandeenyerra hin caalu.
2. Namoonni hedduun hamma maqaa isaanii hin ga'an. Maqaa isaaniitu isaan caala.
3. Milkaa'inni wanta namoonni hin argin arguu danda'uudha.
4. Dandeettii / ga'uumsa keessa kee jiru qofaan dorgomi!
5. Beekumsa qaban irratti hundaa'ee namoota gosa 4 tu jira. Isaaniis:

Nama hin beekne , akka hin beekne, kan hin beekne.

Nama hin beekne, akka hin beekne, kan beeku.

Nama beeku, akka beeku kan hin beekne

Nama beeku, akka beeku kan beeku.

6. Yeroo hubachuu ilaalchisee namoota gosa 3 tu jira.

Har'a keessa ta'anii kaleessaaf warra jiraatan.

Har'a keessa ta'anii boriif warra jiraatan.

Har'a warra jiraatan.

7. Kaleessi dabreera, bor hin dhalanne, yeroon qabnu har'a qofa.
8. Eessa akka jirtu beekuu caalaa eenyu akka taate beekuutu si fayyada.
9. Diinni milkaa'inaa inni guddaan milkaa'ina mataa isaati.
10. Rakkinni namoota baay'ee humna dhabuu utuu hin ta'in akka humna qaban wallaaluudha.
11. Eenyuyyuu qofaa isaa jiraatee kan fiixaan baafate hin jiru.
12. Namni baay'ees si miidha baay'ees si fayyada.
13. Bilchinaaf karaan qaxxaamuraa hin jiru.
14. Milkaa'inni 99% kufaatiidha.
15. Yaalii dadhabi malee yaaluu hin dadhabin!
16. Carraatti utuu hin ta'in hojiitti amani!

Want your university to be the top-listed University in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address


Gulelle
Addis Ababa