Shagar Daily Post

Shagar Daily Post

Share

Shagar Daily Post is your source for comprehensive and informative news.

Photos from Shagar Daily Post's post 01/11/2025

📰 Hojiiwwan Ministira Muummee Dooktar Ahimad (Fulbaanaa–Onkoloolessa 2018)

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatii Fulbaanaa fi Onkoloolessa keessatti hojiiwwan hedduu raawwatan keessaa:

1️⃣ Bu’uuraalee Misoomaa:

Ijaarsa daandii, buufata humna ibsaa fi bishaan dhugaatii fooyyessuu irratti hojiin bal’aan hojjetame.Projektoonni misooma magaalaa fi baadiyyaa haaraa eegalaman.

2️⃣ Misooma Baadiyyaa:

Qonnaan bultootaaf deeggarsa tekinoolojii, midhaan filatamaa, fi bishaan ooyiruu ittiin waraabbatan kennamuu eegale.

3️⃣ Fooyyeessa Bulchiinsaa:

Tajaajila mootummaa dijitaalaa fi sirna bulchiinsa gaarii cimsuuf labsii fi mariin gaggeeffame.

4️⃣ Dippiloomaasii:

Hiriira biyyoota ollaa fi michuu addunyaa waliin cimsuuf daawwanni fi mariin biyyoota gara garaa waliin taasisame.

---

Photos from Shagar Daily Post's post 29/10/2025

Ministira Muummee Doktar Ahmad

Daaw'annaa har'a ganama Godina Shawaa Bahaatti taasisneen bu’aa hojii omisha qamadii gannaan argameefi haala sassaabbiisaa gamaaggamuufi hojii qonna qamadii bonee eegalchiisuurratti kan xiyyeeffate ture.

Naannawuma sanatti hojiilee kilaastaraa muuzii, paappayyaafi qurxummii ilaalleerra. Malli qonnaa aadaa ammallee jiraatus, makaanaayizeeshiniin bal’inaan qotuu dandeessisu guddachaa deemuusaatiin gahumsaafi omishtummaa qonna naannawichaa guddisaa jira.

Duuba deebinee hojmaata ture yoo ilaallu, otoo waggoota hedduu dura akka biyyaatti mala ammayyaa kana fakkaatu otoo jalqabneerra ta'ee omishni qonnaa keenya garaagarummaa guddaa akka qabu hubanna.

Har’ammoo omishtummaa waggaa waggaadhaan dabalu argaa jirra. Guddachuuf deeggarsi alaa kamiyyuu hindhufu. Jijjiirama dhugaa biyya keenyaa hogganu cimina, kalaqaafi tattaaffii mataa keenyaati.

Photos from Shagar Daily Post's post 17/09/2025

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Mootummaan Ida’amuu daandii haaraarra imaluu filata jedhan.

Kitaabni ‘Mootummaa Ida’amuu’ Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barraa’e guyyaa kaleessaa eebbifameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa sagantaa eebba kitaabaa kanaarratti dabarsaniin, kitaabni ‘Mootummaa Ida’amuu’ ergaa nuti seenaa hojjenna malee warra seenaa leellisu hin taanu jedhuun qophaa’uu ibsaniiru.

Mootummaan Ida’amuu daandii haaraarra imaluu kan filatu ta’uu ibsanii, imala Mootummaa Ida’amuu agarsiisuuf Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaafi Sudaan fakkeenya gaariidha jedhan.

Sudaan wayita nuti jijjiiramnu biyya naga qabeettii turte; gaaffiin dogoggoraa gaafa ka’u buufata Xiyyaaraa idil-addunyaa Kaartuum ijoollee isheen ijaarte diigdeetti jechuun ibsan.

Daandii Sudaanonni hordofaniifi filatan daandii diigumsaa waan ta’eef rakkoof saaxilamuu eeraniiru.

Nuti ammoo maallaqaa, yaadaafi hojimaataan Hidha Haaromsaa cabiinsa isa mudatee ture waliin fudhannee xumuraaf geenyeerra jedhan.

Hidhichi injifannoo Itiyoophiyaanonni waloon milkeessan ta’uu ibsanii, Mootummaan Ida’amuu milkaa’ina saammachuuf yeroo akka hin qabne hubachiisaniiru.

09/09/2025

“Badhaadhinni Itoophiyaa waan hin oolledha” Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Badhaadhinni Itoophiyaa waan hin oolledha; gargaaramtuu otoo hintaane gargaartuu taati jechuun Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dubbatan.

Sirni eebba Hidha Haaromsa Itoophiyaa Naannoo Beenishaangul Gumuz bakka hidhichi argamutti adeemsifamaa jira.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad bakkichatti haasaa taasisaniin akka jedhanitti; badhaadhinni Itoophiyaa waan hin oolle; gargaaramtuu otoo hintaane gargaartuu nitaati jedhaniiru.

Obboleewwan har'a nu cinatti argamtanii gammachuu keenya qooddattan, Itoophiyaan waan argatte hunda akka isiniif qooddu ifatti isiniif mirkaneessuun barbaada jechuun ibsaniiru.

Biyyoonni yaa’a gadii akka hinsodaanne kan gorsan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, Ijiptis ta'e Sudaan beela'anii Itoophiyaan nyaattee hinbultu jedhaniiru.

Photos from Shagar Daily Post's post 09/09/2025

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa eebbisiisaniiru.Ibsitu tokkummaa sabdaneessaa Itiyoophiyaanotaa kan ta’e hidhaan Haaromsaa eebbifameera.Gaabbii bara dheeraa kan ture ijaarsi hidhichaa xumuraan har’a sirna eebbaa Gubaatti gaggeeffameera.Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Af Ya’aii Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyawu Tashaagar, Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoo, Ministira Muummee Itti Aanaa obbo Tamasgeen Xurunaa, Pireezidaantoonni naannolee, Ministiroonnii fi hoggantoonni biyyoota garaagaraa bakka argamanitti hidhichi eebbifameera.

07/09/2025

Qaammee 2 Guyyaa Gamtaa

=========////===========

Qaammeen 2 Guyyaan Gamtaa har'a mata duree 'Heddumminni miidhagina Itiyoophiyaati'jedhuun kabajamee oola.Guyyaa Gamtaa kana hojiin tola ooltummaa walummaa Itiyoophiyaa mul'isan ni raawwatamu. Dhaabbilee fi namoonni dhuunfaan kan qaban waliif qooduun guyyaa walummaa itti agarsiisadha. Lammiilee harka qalleeyyii deeggarsa barbaadaniif deeggarsi ni taasifama.

Photos from Shagar Daily Post's post 05/09/2025

Nageenya waaressuun ergama olaanaa dhaabbilee nageenyaati jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.Mariin hoggantoota olaanoo dhaabbilee nageenyaa waliin godhamaa ture xumuramuu ibsa Dooktar Abiy Ahimad.

Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka milkaa’uuf nageenyii fi tasgabbiin dhimma ijoo ta’uu eeran.Hojiilee duudhaa fi aadaa ummataarratti hundaa’uun hojjetaman dabalataan gahee dhaabbilee nageenyaa olaanaa ta’uu eeran Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Shira, Kashalabummaa magaalaa fi Baadiyyaa, Gochaalee Kontiroobaandii, malaammaltummaa, daddabarsa namoota seeraan alaa fi maallaqaa akkasumas yakkoota biroo ittisuu fi to’achuun nageenya ummataa kabachiisuun murteessaa ta’uu bal’inaan mari’atamuu dubbatan.

Saamicha, ugguraa fi yakkoota iddoolee adda addaatti raawwataman karaa guutuu ta’een to’achuun barbaachisaadha jedhan.Qaamoleen nageenyaa ummata waliin qindaa’uun gochaalee akkasii qolachuu fi yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf xiyyeeffannoon akka hojjetan hubachiisan.

Nageenya naannawaa hojiilee bu’uuraalee misoomaa, iddoolee Albuudotaa, Indaastiriiwwanii, naannawaa manneen jireenyaa fi bakkeewwan tajaajila ummataa eeguun hojiin hundi gufuu tokko malee akka raawwatan tumsi dhaabbilee nageenyaa fi hawaasaa murteessaa ta’uu mari’achaan ka’uu eeran.

Fedhiin, qophummaa fi dandeettiin ummanni nageenya isaa kabachiisuuf qabu yeroo gara yerootti cimaa dhufuu gamaaggamameera jedhan.Aadaa fi Duudhaalee ummataa fayyadamuun qaamolee hidhannoon socho’an gara daandii nageenyaatti fiduuf hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Qaamoleen nageenyaa hojiilee nageenya mirkaneessuu hojjetaniif deeggarsi odeeffannoo fi Loojistiiksii kennamaa jiraachuu dubbatan.Dandeettii ummataa kana caalmaatti gabbisuun nageenya waareesuun murteessaa ta’uu xumura marichaarratti kallattiin kaa’amuu ibsan.Qaamolee miidiyaalee hawaasummaa fayyadamuun imala Badhaadhina Itiyoophiyaa gufachiisuuf socho’an xiyyeeffannoon hordofuun barbaachisaa ta’uus ka’eera jedhan.

Dhaabbileen Nageenyaa faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf qophummaa olaanaa qabaachuu gamaaggamameera.Dhaabbileen nageenyaa yeroo madaalanii fi duudhaalee heera mootummaarratti hundaa’uun ijaaramaa jiraachuu mirkanaa’eera jedhan.Ijaarsi kun hojii idilee ta’uun yeroo kamiiyyuu, eessattuu, haala kamiiyyuu keessatti dhaabbilee nageenyaa qophii ta’an ijaaruun akka itti fufu kallattiin kaa’amuu ibsan.Dhaabbileen nageenyaa Itiyoophiyaa birmadummaa, bilisummaa, daangaa, nageenyaa fi Imala Badhaadhina biyyaa kabachiisuuf dandeettii fi ga’umsa qabaachuu mirkanaa’uu eeran.

01/09/2025

"Abbayyaan biyyee qofa otoo hintaane, warqii Itoophiyaa gaarreen keenyarraa dhiquunsaa gaabbii dabalataati"Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Abbayyaan biyyee qofa otoo hintaane warqii Itoophiyaa gaarreen keenyarraa dhiqee fudhachuunsaa gaabbii dabalataati jechuun Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad turtii Gubaarratti taasisaniin akka ibsanitti, hidhi Abbayyaa boca amma jiru kan qabate bu'aa seeneffama barootaan tureefi dubbatameeni.

Itoophiyaanonni waggoota darbaniif pirojektoota akka hidha Abbayyaafi kana fakkaatan hojjechuuf fedhii qabu turan kan jedhan Ministirri Muummee, bo'oowwan, walaloowwan, jechamoonni, sirboonniifi barreeffamoonni waa'ee Abbayyaa dubbataman dhaloonni ammaa waa'ee dhimmichaa yaada gurmaa'e akka qabaatu taasiseera jedhaniiru.

Yeroo sana sababni hintaaneef, hanqina maallaqaa, dandeettii teeknikaafi ji'oopolotikaan mijataa waan hintaaneef ta'uu ibsanii; amma kan ta'eefimmoo hanqinni ji'ooplotikaa gara dhaabbii fooyya'aatti ce'aa jiraachuu keenyaan ta'uusaati dubbataniiru.

Abbayyaan, barootaaf bishaan, qurxummii, biyyeefi jirma baatee akka deemu kaasuun; amma kan hafe timni wayita sakatta'amu warqiin argamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Abbayyaan biyyee qofa otoo hintaane, warqii Itoophiyaa gaarreen keenyarraa dhiqee fudhachuunsaa gaabbii dabalataa nutti uumaa jira jedhaniiru.

01/09/2025

Adeemsi ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa dadhabsiisaa ta'us firiin isaa gammachiisaadha jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi deebii addaa 'Duudhaa Gubaarraa' jedhuun taasisaniin, Adeemsi ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa dadhabsiisaa, hirmaachisaa, dhiphinaa fi addunyaa walnyaachisaa ture jedhan. Yeroo Qormaataa fi morkii hedduu dabarse jechuun eeran.

Mana Maree Nageenyaa dabalatee qaamoleen garaagaraa dhimma hidhichaarratti mari'achuu himuun, Itiyoophiyaan ijaarsa isaa akka dhaabdu akeekkachiifnii fi sodaachisoon adda addaa taasifamaa akka ture ibsan. Hojiilee guyyaa guyyaan raawwatamurratti dhiibbaan gargaraa godhamaa ture jedhan Dooktar Abiy turtii isaaniin.

Dhaabbileen idil-addunyaa pirojektoota akka Hidha Haaromsaatiif liqii fi gargaarsa kan hin kennine ta'uu eeranii, biyyoonni qabeenya fedhii isaanii walsimsiisuu hin dandeenye hanqina qabeenyaatiin duubatti hafuu himan.

Abbayitti fayyadamuu dhabuun keenyaa gaabbii bara dheeraa ta'uu dubbachuun, haa ta'uutii Abbayyaan bishaan, Biyyoo fi Qorxummii qofa osoo hin taane Warqee keenya fudhatee imalaa ture jedhan. Adeemsi ijaarsa isaa dadhabsiisaa ta'uu ibsuun, firiin isaa garuu daran gammachiisaadha jechuun eeran.

Photos from Shagar Daily Post's post 30/08/2025

Itiyoophiyaan dameewwan hundaan cimtee itti fufteerti, Imalli gara Badhaadhinaatti taasifnu hin gufatu MM Dooktar Abiy Ahimad.

26/08/2025

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Itti aantuu Pireezidaantii Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkikeez waliin mari’ataniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, har’a ganama Itti aantuu Pireezidaantii Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkikeez waliin dhimmoota gam-lameerratti mari’anneerra jedhan.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Addis Ababa