Shawaa

Shawaa

Share

ሸዋ የኦሮሞ ህዝብ ክንድ እና የኢትዮጵያ ከለላ አጥር ነው

07/02/2026

Obbo Alamaayyoo Irreensoo simboo uummata Amboo
Waaqayyo lubbuu kee haa maaru

10/01/2026

Seenaa Jeneraal Waaqoo Guutuu

Jeneraal Waaqoo Guutuu abbaa isanii Guutuu Usuu fi haadha isaanii aadde Qullo Alii Hasan irraa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1924 tti aanaa Madda Walaabuu lafa Odaa jedhamtutti dhalatan. Jeneraal Waaqoo Guutuu warra guddaa ilmaan hedduu qaban irraa dhalatan. Abbaan isaanii Guutuun dhiira 10 fi dubartii 9 wolumaa galatti ilmaan19 horan.Generaal Waaqoo Guutuu dubartii7 irraa ijoollee 49 ka argatan yoo ta’u, kana keessaa 15 lubbuun hinjiran. Gen. Waaqoo Guutuu ilmaan34 haawwota wajjiin uf duubattidhiisan. Generaal Waaqoo Guutuu Usuu akka Aadaa naannawaatti horii, gaala kkf horachuun, gaagura hidhachuun sirna kaayoo Oromo guututti qooda keessatti qabaataa guddatan. Generaal Waaqoo Guutuu Usuu akka lafaa dhufaa yarootti qondaala biyyi herregatu fi abdatu ta’uu isaanii ijoolummaan argisiisaa guddatan.Generaal Waaqo Guutuu daa’imummaa isaanii irraa jalqabanii nama irree qabu, nama xiiqii fi jibbansa diinaa qabu turan. Ganna 14’tti osoo abbaan isaanii hin beeyne horii gurguranii qawwee jalqabaa bitatan.

Bara dargagummaa isaanii ummanni diina jala akka hin deemne gorsuuf ijoollee gurmeessuun poolisa mootummaa tumuu turan.Akkuma guddataa deemaniin jibinsi diinaaf qaban itti guddataa dhufuun baalabbaatummaa naannoo isaanii harkaa qabaataa kan turanobboleessa isaanii ka hangafaa Camarrii Guutuu Amaara biyyarraa dhoorguu hin dandeenne jechuudhaan itti qoxxisuun baalabatummaa irreenirraa fudhatan. Haa ta’uu malee ganna tokkoof erga hojjataniin booda abbaan isaanii Guutuu Usuu hangafa isaanii irraa fudhachuun seera akka hin taanegorsanii baalabaatummaa irraa fuudhanii Camarriif deebisan.Ganna 34 tti namootii biraa wajjiin dirqamni naannawa ofii tiiksuu itti kenname. Naannawa bara 1960 irraa qabee nama waa’ee ummataa keessatti bakka qabu ta’utti hojii isaaniitiin of mirkanneessan. Isaanii haala kanaan jiraatu haalli naannawa kanaa jijjiiramaa dhufe. Haga gaafa ergaan Rabbii itti dhufteetti waggaa 45 guutuu Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa hoogganuun jireenna isaanii dabarsan.Mootummaan Ingiliizii Hayla Sillaasee baqarraa deebiftee aangoo itti kennite. Ummanni naannoo kanaa bara Xaaliyaanii woliin waan dhaabateef Hayla Sillaaseen gadoo itti bayuu eegale. Miidhaa Mootummaan Abashaa ummatarra geessaa ture keessaa inni guddaan ummata Oromoo lafarraa buqqisuu ture. Haalli kun hammaataa dhufnaan General Waaqoo Guutuu qawwee kaasuuf dirqaman. Maatii isaanii dhiisanii nama jaha woliin qawwee 7 qabatanii gaara Dunnuunitti diddaa gabrummaatiif bayan. Worri jalqaba isaan woliin bayan Kadiir Waariyoo, Muussaa Doyya, Huseen Abdurahman, Huseen Waaqoo Dhaddee, Aadam Jiloo, Roobaa Hindukko turan.

28/12/2025

Walaloo Dr Zalaalam Abarraa
Kana Diggaa Saqoo

Korma hin qabu, morma dhabu,
Gaafa xiqii, gaaf qalma anuu;
Korma jechuun dhadatee,
Jedhe Diggaa Saqoo, abbaan Joote,
Bara matta’aan dhugaa moote!
Jedhe Diggaa Saqoo, mootii Noolee;
Gaafas jaarsi sobaa oole.
Hora xinnoo hamma barruu,
Daangaa gubbaa ciisee jiru;
Mootii lama wal gidiru,
As ncinne, achi ncinne,
Mootii tokkoof qooda latee.
( Yosan Getahun )

Sirbi Jomoree,
“Yaa intala sanyii shira mormee citu mormaa,
Koottu takkittii tiyya naqorte dhiirummaa,
Nan qaba jechuun kan akka keedha;
Sirba sirbineen Kumkummeedha!”
''Korma hin qabu
Morma hin dhabu"
Diggaa Saaqoo mootiin Noolee
Gaafa jaarsi sobaa oole!'

Yoosaan walaloo sirba kanaan seenaa bara 1969 nu yaadachiise. Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Noolee Kaabbaa'tti mootiiwwan lamatu hora irratti wal lolaa turan. Mootiin tokko Diggaa Saaqooti. Mootii biraa waliin horarratti wal loalan. Garuu, abbaan horaa Diggaa ture. Sababa walii galuu dadhabaniif mootonni kunneen lamaan dhugaa argachuuf dubbii isaanii jaarsaan ilaallachuuf, akka aadaa
Oromootti jaarsoolii filatan.

Mootichi inni Diggaan falmu kun horri sun kansaa akka hin taane beeka. Kanaafuu, jaarsoliin akka Diggaaf hin murteessine harka lafa jalaan yoo hora kana murteessaniif matta'aa akka isaanif kennu waadaa seeneef. Diggaan qulqullummaan jaarsa lakkaa'achuu malee kana quba hin qabu.

Guyyaan gahe. Jaarsummaan taa'ame. Jaarsoliinis safuu cabsan. Mootii isa matta'aa kenne qofatti waamanii "Namni durse dhiiga buuse horri kun kansaa haa ta'u jennee murteessina ati waan barbaadde faladhu” jedhanii, “Akka nun hin himneef nuu kakadhu” jedhanii mooticha isa matta'aa kenne kaksiisanii gadhiisan.

Mootiin inni Matta'aa kenne korma sangaa dhoksaatti fidee bosona kaa'e. Ammayyuu Diggaan kana quba hin qabu. Gama lamaanin ummatni murtoo dhaggeeffachuuf ni ya'an. Akka amalasaanii jaarsoliin murtii kennuf qophaa'an. Akkas jedhanii, “abbaan dursee horatti dhiiga buuse har'aa kaasee horri kun kan
isaa haa ta'u'' jedhanii jaarsolin dhugaa jal'isan. Mootii inni matta'aa kenne ni dhaaddate. Lafa cire, ni caraane. Ni iyye! ''Horri kunoo duruu kooti; madda dheebuu sa'aaf nama kiyyaati'' jedhee sobaan dhaadatee qaluuf jedhe korma bosona ka'e gad baasee lafaan dha'e.

Diggaanis yaa'ii guddaa fi uummaticha dura dhaabatee haasa'e. Saba bal'aa fuldura dhaabbatee,... “Jarsoliif matta'aa hin laanne; korma fidee dhoksaan bosonaa hin keenye; dhugaa ofii yoo dhiigan argama ta'e korma hin qabu morma hin dhabu" jedhee mudhiisaa keessaa cuubee baasee of gorra'e. Gaafa jaarsoliin haqa jallisuu arguu caala, hora xiqqoo ofii dhabee qaamni shira xaxe yeroo itti fayyadamu arguurra dhugaaf aarsaa ta'e. Dhugaa hora isaaf aarsaa of godhe. Akkasitti jaarsoliin akka quba of nyaatan godhee, salphina isaanii yaa'iif mirkaneesse! Akkasitti Diggaa Saaqoo haqaaf morma laate.

Photos from Shawaa's post 06/12/2025

Maanguddoon Haftee warra Elemoo Dullee horteen warra Daadaa guddaan baddaa Cobii, mallattoo gootummaa warra Jalduu, Obbo Goobasaa Tuujjoo Gurmeesaaa hirkatan! lubbuun keessan diinqa rabbiitti haa boqottu.

29/11/2025

Mucaan kun Mitikkuu Galataa jedhama hojjataa mootummaati Aanaa Wancii G/Waraabuu Maasitti dhalate, Shaneen waggaa 4 kana abbaa isaa manatti ajjeeste, Mitikkuu immoo fuutee maallaqa kuma 200 gaafatte fudhatte erga fudhatteen booda baati 2 tursiifte ajjeeste. Seenaadhumaaf haa ta'uufinii

Via Tulema Press

22/11/2025

Gorsa shanan armaan gadii kana itti fayyadamaa.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
1. Bakka hundatti gaarii hojjadhu!
Gaafas maqaan kee bakka gaaritti waamama.
2. Eenyummaan kee qajeelaan bakka oolteen odoo hin taane, hojii bakka sanitti hojjatteen madaalama.
3. Hanga dandeessu namoota onnachiisi! Nama tuffachuu fii cabsuu namuu ni danda'a waan ta'eef, ati kabajuufii akka inni jijjiiramu jajjabeessuuf yaali.
4. Gammachuu argachuu kan dandeessu gaafa kaayyoo keetiif jiraattu. Kanaaf kaayyoo qabaadhu.
5. Yeroo keetti fayyadami! (Use time wisely)

Barrii kana dubbistee osoo like hin godhiinii fi nama biraaf hin qoodiin bira hin darbiin.

Want your organization to be the top-listed Non Profit Organization in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


4 Kilo
Addis Ababa