Dhangaa Jaalalaa
Dhugaan Jaalalaa yoo si biituu baatte
si mataa kee
Jaalalti dhugaa si hin bittu OK
02/03/2026
✉️ Gorsi Dawaa Sammuuti
✓ Gorsa namni si garsu hin tuffatin bakka itti si fayyadu qaba.
✓Anatu beekaa hin baay'isiin kan si caalaa beeku jira.
✓ Hiyyeessa hin tuffatin boru isatu nama ta'a.
✓ Lolaaf hin ariifatin, miidhamuu dandeessa.
✓ Karaa hin beekne irra hin adeemin.
✓ Nama hammeenya kee haasa'u hin jibbin, boru isumatu gaarummaa kee haasa'a.
✓ Kan koo qofti haa caalu hin jedhin, nama si dhaggeefatu dhabda.
✓ Seenaa hin dagatin, dhalootaaf dabarsita
✓ Beeka jettee hin taa'in, waan atii hin beekiin baay'eetu jira.
✓ Balleessuuf hin fiigin, kan si balleessuutti baata.
✓ Sirriidha jettee waanuma hunda hin haasa'in dogoggora qabaachuu mala.
✓ Abdii hin kutatin turullee siif dabarti!
✓ Jal'ina namatti hin yaadiin, jal'aa taatee hafta.
✓ Hojii hin tuffatin, hiyyoomtee haftaa.
✓ Qabeenyaan hin booniin bor ni dhumaa.
✓ Namni ati jaallattu yoo dugda sitti gale daftee hammeenya isaa hin haasa'in, yoo walitti deebitan gaabbita.
✓ Waan na jalaa calliseef na jibbe hin jedhin, tarii haalli inni keessa jiru gaarii miti ta'uu mala! Waan dubbiftaniif galanni keessan
* Bakka bu'ee hin banne
* Bakka kufee hin cabne
* Bakka hattuun hin hanne
* Bakka shamee hin tortorre isiniif kaa'ee jira. Isin like fi share react fi comment dhaan na jajjabeessaa...
Galatoomaa 🙏
22/02/2026
Haadha manaa amaloota armaan gadii qabdu argachuun carroomuudha👇🏽
1. Haadha manaa yeroo ati bakka hojii keetiitii galtu, akka nama utuu sin argiin yeroo dheeraa tureetti hammattee si dubbistu.😚
2. Haadha manaa yeroo ati keessummaa fuutee manatti galtu, fuula ifaadhaan gammaddee simattu🥰
3. Kan yeroo ati dadhabdee utuu hin kadhatin raftu, harka ishee mataa keerra keessee siif kadhattu😔
4. Haadha manaa akka carraa walitti buutanii ykn wal loltanii, daqiiqaa tokko booda sin jaalladha jettee garaa si raastu😢
5. Haadha manaa yeroo qarshiin sirka jiru si jaallaattee, gaafa ati dhabdus sin jibbine😕
6. Haadha manaa yeroo ati qarshii kuma 3 itti laattu gammaddee, yeroo ati qarshii dhibba 3 itti laattu hin aarre😤
7. Haadha manaa qabeenya irratti hunduuftee sin jaallanne.👐🏽
8. Haadha manaa nama hamachuu hin beekne🥱
9. Haadha manaa yeroo ati uffata ykn kophee bituufii suuqii wajjiin deemtu, kan filaannoo hin baay'isne.🤦🏽♂️
10. Haadha manaa waaqayyoon sodaattu🥰
11 Haadha manaa hiyyeessotaaf garaa laaftu
12 Haadha manaa ogeettii
13 Haadha manaa maatii kootiif maatii ishee ija tokkon ilaaltu
14 Haadha manaa safuu Ummataa beektu
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Central
Addis Ababa