Oromiyaa Daily Post

Oromiyaa Daily Post

Share

Odeeffannoo Sirrii fi Woqtawa Ta'e Isiin Biraan Gahuf Carraqna.

17/12/2025

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Dura Taa’a Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimmud Alii Yusuuf fi garee isaanii waliin mari’ataniiru.

Mariin kun Yaalii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii (COP32) Itiyoophiyaan Afriikaa bakka buutee qopheessitu akkamitti milkeessuun danda’amu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Komishiniin Gamtaa Afrikaa hoggansa Maahimmud Alii Yusuufiin COP32 milkeessuuf Itiyoophiyaa deeggaruuf murannoo qabaachuu Dooktar Abiy Ahimad ergaa isaanii keessatti ibsaniiru.

10/12/2025

Guyyaan Farra Malaammaltummaa 22ffaa biyyattii keessatti haalaan kabajamaa jira. Sagantichatti hirmaachuun ergaa dabarsan Ministira Muummee Itti Aanaan, Obbo Tamasgeen Xurunaatti dhimma dhaloota namuusa gaarii qabu fi malaammaltummaa hadheeffatee balaaleffatu horachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan jijjiirama galmeessisuuf malaammaltummaa qoratanii dura dhaabbatanii hojjechuu akka itti fufan dubbatame. Koreen Farra Malaammaltummaa Biyyaalessaa hundeeffamuu fi furmaata waaraan kennuun hojii ijoo ta’uu himameera.

05/12/2025

“Itiyoophiyaan dameewwan diinagdee ijoo irratti guddina bu’aa qabeessa galmeessaa jirti.” – Obbo Ahimad Shidee

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen, Itti Aanaa Daayrektera Dhaabbata Maallaqa Addunyaa waliin ta’uun ibsa kennaniin,
Itiyoophiyaan waggoota lamaan darban deeggarsa misoomaa guddaa argachuun hojii misoomaa fi riifoormii Diinagdee Gooroo saffisaa taasisaa jirtu ibsaniiru.

Dhaabbatni Maallaqa Addunyaa immoo fooyyessa mandhalee diinagdee fi hirmaannaa dhuunfaa guddisuuf tumsaa fi deeggarsa itti fufuu mirkaneesse.

Photos from Oromiyaa Daily Post's post 02/12/2025

Baatiwwan Onkololeessa fi Sadaasaa keessa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hojiiwwan misoomaa, nageenyaa, teeknooloojii fi dhimma alaa hedduu raawwatan.

Jilli isaanii:

-Yaa’ii hoggantoota Afrikaa Kibbaa irratti hirmaachuun faayidaa dippiloomaasii olaanaa argamsiise.

-Pirojektoota misooma naannoo Amaaraa – Jallisii, Istaadiyeemii Bahiir Daar, Gorgora Bidiruu Xaananesh fi magaalota tajaajila tuurizimii foyyeessan daawwatee deeggarsa taasise.

-Godina Saba Oromoo – Kamisee keessatti pirojektoota misoomaa fi hojiiwwan qonnaa qindaa’aa ilaaluun gumaacha jalqabame dinqisiisee jira.

-Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee fi Giddugala Istaartaappii daawwatee guddina teeknooloojii biyyattiif murteessaa ta’e jajjabeessan.

-Tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Manni Maree Ministirootaa sagalee guutuun raggaase.

-Hoggantoota biyyoota hedduu wajjin marii gaggeessuun hariiroo diinagdee, qonnaa, qilleensa, nageenyaa, misooma waaraa fi tumsawwan idil-addunyaa jabeessan.

-Ittaansee, Itiyoophiyaan COP32 akka qopheessituuf deeggarsa barbaachisu irratti koreen qindessituu hojii eegaleera.

Waliigalaan, hojiiwwan isaanii kunneen misooma biyyoolessaa, tajaajila tuurizimii, teeknooloojii, dippiloomaasii fi nageenya saffisaan cimsuu keessatti shoora guddaa taphatan.

30/11/2025

“Ida'amuun carraadha, badhaadhinni injifannoodha.” – Dooktar Abiy Ahimad Leenjiin Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota Olaanoo Paartii Badhaadhinaaaf kennan, kutaa 2ffaa har’a guyyaa galgala sa’a 2:30 irraa eegalee ni jalqaba.
Leenjiin kun:

-Hoggantoota dammaqsu
-Tarsimoo biyyoolessaa irratti hubannoo cimsu
-Hundee badhaadhinaa ammayyaa babal’isu
-irratti akka xiyyeeffatu kan karoorfamedha.

Photos from Oromiyaa Daily Post's post 29/11/2025

1. Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 50ffaa gaggeessuun dhimma ijoo hedduu irratti murtii dabarse.

2. Isa jalqabaa irratti, Tarsimoo Diijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 irratti mari’atanii:

Carraa hojii haarawaa uumu

Dandeettii teknooloojii guddisuu

Bulchiinsa gaarii cimsuu

Guddina diinagdee saffisiisu
Tarsimoon kun guyyaa ragga’ee irraa eegalee hojiirra oola jechuun murtaa’e.

3. Waliigaltee faayinaansii Waldaa Misooma Idil-Addunyaa lama irratti mari’atanii raggaasisan:

(a) Liqii Inarjii qulqulluu saffisiisu – SDR 294,900,000

Yeroo kaffaltii: waggaa 6 (haaraa) + waggaa 38 keessatti xumuramu

(b) Liqii Ce’umsaa fi Ogummaa Baha Afrikaa – SDR 20,000,000

Yeroo kaffaltii: waggaa 6 (haaraa) + waggaa 31 keessatti xumuramu

Dhala irraa bilisaa + 0.75% tajaajila kaffaltii

4. Liqiileen lamaanuu sirna bulchiinsa liiqii biyyattii waliin walsimu jedhamee mirkanaa’e.

5. Manni Maree Ministirootaa waliigaltee kana Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti akka qajeelfamu murteesse.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Finfinne, Oromia
Addis Ababa