Jaalala Fi Jechoota Jaalalaa

Jaalala Fi Jechoota Jaalalaa

Share

Baga nagaan gara page kanaatti dhufte follow gochuu hin dagatiin 🙏Jaalalli Dursaa Waan Hundumaati

29/01/2026

Haala Amma uummati keessa jiru gaafa suuraan ibsinuu😁

10/01/2026

Seerota dinqisiisoo jahan Kooriyaa Kaabaa qofatti argamanii fi amanuuf ulfaataa ta'an

Pirezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Un dhimma gabbisa Niwukilaraa fi seerota ajaa'ibsisoo baasuun beekamu.

Seeroota dinqisiisoo jaha Kooriyaa Kaabaa qofa keessatti hojiirra oolaa jiran keessaa,

1. Of ajjeesuu yookaan yaaluun hanga dhaloota 3tti adabsiisa.

Miseensa maatii keessa namni tokko yoo of ajjeese yookaan yaalii of ajjeesuu yoo raawwate, adabbiin isaa miseensota maatii guutuu eeggata. Yakka of ajjeesuu qofaa utuu hin taane. yakkuma kamuu raawwachuun maatii hanga dhaloota 3ffaatti (Akaakayyuu, Abbaa, Ilma) adabsiisuu danda'a.

2. Muguu fi kolfuun nama adabsiisa

Waltajjii Pirezidaantii biyyattii Kiim Jong Un haasawa taasisuu irratti muguun adabbii du'aa fiduu danda'a. Namootni hedduun haala kanaan ajjeefamaniiru.

3. Fiilmii fi muuziqaan biyya alaa dhorkaadha

Muuziqaa biyya alaa dhaggeeffachuunis ta'ee fiilmii biyya biraa ilaaluun akka yakkaa guddaatti ilaalama.

Biyya sanatti lammileen wa'ee fiilmiiwwan Hooliiwuud fi Booliiwuud waanti beekan hin jiru.

Namni fiilmii US Ameerikaa utuu ilaaluu qabame, ajjeefamuu danda'a, fiilmii Indiyaa ilaaluun ammoo mana hidhaa nama buusa. Akeekni seera kanaa dhiibbaa biyyoota alaa hambisuu akka ta'e himti biyyattiin.

4. Bashannanaaf biyya biraa deemuun dhorkaadha

Bashannanni haa hafuuti bilbila biyya biratti yookaan biyya alaatti bilbiluun yakka. Bara 2007tti namni bilbila idil-addunyaa (International call) hedduu bilbile tokko ajjeefamera. Dhimmi addaa alatti nama bilbilchiisu yoo jiraate dhimmichi ilaalamee hayyama mootummatiin ta'uu ni danda'a

5. Jiinsii uffachuu fi rifeensa akka fedhanitti sirreefachuun dhorkaadha

Surree jiinsii Uffaachuun Kooriyaa keessatti seeran dhorkaadha. Seerri uffannaa jiinsii dhorkuu wayita ragga'u mormii heddu kaasee ture. Garuu akka seeraatti tumamee hojiira ooleera waan ta'eef seera kabajuun dirqama lammileeti.

itti fufa
beekumsa Wali gala akkas argachuuf fi godha

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Bb
Addis Ababa