Weird Things About History

Weird Things About History

Share

Qubee Generation seenaa oromoo fi ethiopia dhugaa https://www.youtube.com/channel/UCbwPosFpYK6hPUQte0f7fYg

28/12/2020

ARSII fi SAFUU
--
Arsiin ilma Ambatoo Dayyooti. Gosa Oromoo baaldhinna lafa qubateefi baay'inna ummataatin guddaa ta'edha.
Arsiin ilmaan lama qaba: Siikkoof Mandoo.

Siikko ilmaan shan qaba (Shanan Sikkoo):
I. Bullaala
II. Jawwii
III. Ilaani
IV. Wocalee
V. Waaji

Mando ilmaam torba qaba (Torban Mandoo):
I. Raayya
II. Kajawa
III. Utaa
IV. Waayyu
V. Waanama
VI. Harrojji (Biltuu)
VII. Hawaxxuu

Arsiin laga Waabee gamaafi gamana jira. Lafti waabee gamaa Baale yoo jedhamtu ta gamanaa Diida'aa jedhaniin. Gosti Arsii Waabee gama jirtu gamanas ni jirti.
Arsiin lafa isaa yeroo hedduu:
* Baale
* Gadab
* Albasoo
* Diida'aa
* Laangannoo fi
* Dambal
jedhee maqaa jahan kanaan adda qoodee waama. Haa ta'u malee Caancoo, Booruu, Waayyuu, Duuroo, Harannaa, Laajjo, Fasasa, jedhanii lafa babaldha jahan armaan olii keessatti kan waamamanis ni jiru.
--
Magaalonniifi aanaaleen akka: Asallaa, Adaabbaa, Sinaanaa, Boqojjii, Itayya, Loodee, Heexosaa, Diigaluu, Xiijoo, Amiinya, Abboomsa, Agaarfaa, Eegoo, Haburaa, Heebanoo, Ogolcho, Kuyyara, Leemmuu, Bilbilo, Raayituu, Biltuu, Saddiqa, Silxaanaa, Suudee, Wondoo, Shiree fi kkf hundi isaanii maqaa gosa Arsii kan naannoo sanatti argamuuti.
---
---
Arsiin ummata woliin jireenya dinqisiisaa qabu. Ummata aadaa baldhoofi cululuqxuu qabu. Ka tuqan malee nama hin geenne. Ka haqaaf dhugaa isaa irratti du'u. Deegu ka wolii hirphu. Beelayu ka midhaan wolii fe'u. Ka xiqqaa guddaa kabaju. Maatii irra taree kan firaaf gosa soddaa kabaju. Woyyomaaf Siiqqee sodaatu. Ka keessummaa mana isaa bulte horii qaleefi miila dhiqee bulchu. Jaarsi Arsii keessatti kabaja guddaa qaba. Ka dubara dhiiratti fuudhu jaarsa. Ka dubbii hawaasumaa, waldhabdee garagaraa dubbate fixu jaarsa. Jaarsi Arsii biratti ulfaata, kabajaamaa, jaalatamaa.
---
Masoon yoo kufan waan caban seeti. Nu aadaan, safuun, duudhaan teenna baddeef aarree dubbannaa, gariin keessa lufee jibbaa ummata keenyaaf qabu video Shaashamannee saniin ibsataa jira.

Want your establishment to be the top-listed Arts & Entertainment in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Bole International Airport
Addis Ababa