Ilaafi Ilaamee

Ilaafi Ilaamee

Share

Ilaafi Ilaameen miidiyaa bilisaa, odeeffannoo wayitaawaafi haqaa dabarsuudha.

05/07/2024

IJAARSA SIIDAA KUMSAA MORODAA
Gidduu kana ijaarsa siidaa Kumsaa Morodaa magaalaa Naqamtee tiin waqabatee olala garaagaraatu faca’aa jira.Waa'een Kumsaa Morodaa bal'inaan odeeffamaa jira. Isaan keessaa kaan Kumsaa yoo faarsan gariin immoo arrabsaa jiru. Ammaaf warra faarsan caalaa warra arrabsaa jiran irratti yoo dubbanne gaariidha. Ilaalchi kun waan lama irraa madda jedheen yaada. 1ffaa, dhugumatti quuqama dhugaa qabaachuudhaan yoo ta'u, inni 2ffaan immoo inaaffaadha.
Jalqabatti siidaan gaafa dhaabbatu caasaalee Biiroo Aadaafi Turizimii sadarkaan jiraniin qorannoon geggeeffama. Kunis abbootii gadaa, jaarsolii biyyaa, haadholii siinqee, hayyota seenaa, abbootii amantaa fi jirattoota hirmaachisuudhaan bu'aan qorannoo dhiyaata. qeeqaafi sirreeffamni jirus gaafas fudhatama. Adeemsi ijaarsa siidaa Kumsaa Morodaas kanuma keessa darbe jedheen yaada (qabatamaan beekuu baadhus).
Akkan yaadutti Kumsaa Morodaatiif siidaan kan dhaabbateef waan sirna gadaa eegee eegsiseef utuu hin taane, gama biraan bu'aalee adda addaa Uummata Oromootiif waan buuseef jedheen amana. Silas immoo namni gama hundaan guutuu ta'e hin jiru, hin jiraatus. Dhugumatti immoo Kumsaan barnoota ammayyaa babal'isuudhaan seenaa bareedaa qaba. Akkasumas amantii pirotestaantii gama lixaan dhufeef beekamtii kennuun isaas kan haalamu miti.
Gama biroon immoo waa'ee ijaarsa siidaa kumsaa kan murteessuu danda'u abbuma barbaade utuu hin taane, hawaasa naannoo sanaati. Yoo waan fedheyyuu ta'e hawaasichi yoo jaallate waan gootu hin qabdu (yoo qarshii ijaarsa siidaa deeggaruu didde malee). Anatu siif beekaan eessaaniyyuu nama hin ga'u. Uummatichis immoo uummata abbaan barbaade ka'ee anatu siif beeka ittiin jedhu akka hin taane beekuun barbaachisaadha.

11/03/2023

Kitaabicha argattee dubbisuun rakkoo hin qabu, garuu boru ganamaan Macaafa Qulqulluu kee qabattee waldaa Kiristaanaa dhaquu hin irraanfatin!
Dabtaraan warra Hindii kun erga du'ee biyyoon isa nyaatee barri akka bubbules hin irraanfatin! Humni du'ee biyyee keessatti hafe humna du'ee mo'ee biyyee keessaa ba'ee mirga Waaqayyo abbaas taa'e injifachuu hin danda'u.

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Addis Ababa