Qubee TV

Qubee TV

Share

Qubee TV Is An Entertainment, Educational and News Media Established With A Great Vision To Be The Best In Ethiopia And East Africa.

Photos from Qubee TV's post 07/06/2026

Dorgommii "Miss Shaggar 2026" gaggeeffameen Shamarree Meelaalaa Gizaw injifatte.

Magaalaa Shaggaritti dorgommii "Miss Shaggar 2026" gaggeeffameen shamarree Meelaalaa Gizaw injifachuun miidhagduu Shaggar taate.

Dorgommichi dorgomtoota 22 gidduutti kan gaggeeffame yoo ta'u, kanaanis Shamarree Meelaalaa Gizaw kutaa Magaalaa Furii irraa 1ffaan injifachuun Ambaasaaddara Magaalaa Shaggar taateetti.

Dorgommii kanaanis Meelaalaa Gizaw badhaasa waancaafi maallaqa birrii kuma 500 argatteetti.

Haaluma kanaan Shamarree Haannaa Kabbadee kutaa Magaalaa Furii irraa 2ffaa bahuun badhaasa maallaqaa kuma 300 akkasumas Shamarree Jaallannee Menkefuu Kutaa Magaalaa Sulultaa irraa sadarkaa 3ffaa bahuun badhaasa maallaqaa kuma 200 argatteetti.

Sadarkaa itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaan Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa (PhD) dorgommichi Magaalaa Shaggaritti yeroo jalqabaaf kan qophaa'e ta'uu himuun, kunis Aadaafi eenyummaa Uummataa beeksisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta'uu hubachuun Magaalaa Shaggar roga maraan beeksisuuf gahee isaanii bahachuu akka qabanis dhaaman.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


Addis Ababa