Omer Mohammed
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Hadiisa ibnu Asaakir sanada sahiiha isaanii kheessatti akkana jachuudhaan dubbatan;
---
'' Sayyidunaa Bilaal (RA) eega Ergamaan Rabbii ﷺ addunyaa tanarraa godaanan booda Bilaal gama biyya shaam Daariyaa ja’amtu deemee achitti qubatee, duuba erga achitti xiqqo turee bubbulee booda, Ergamaan Rabbii ﷺ manaamaan itti dhufaniiti akkana ja’aniin,
" yaa bilaal maali akkanatti garaa jabaachuun? Gama khiyya ziyaaraa dhufuudhaaf hin yaannee? yeroon hin geenyee? Ja’aniin, Bilaal (RA) rifatee hirriibaa kha’ee, hoggusuma farda isaa yaabbatee gara biyya Ergamaa Rabbii ﷺ Madiinaa dhufe, eegasii booyaa gara qabrii ergamaaa Rabbiititti qaceelee qabrii isaaniirratti fuula isaatiin gara galee, yaa habiiba Rabbii isinirraa tureetiin jira dhiifama jachaa isaa booyuutti jiru,
Hassanii fii Husseen (RA) itti dhufan, Bilaal (RA) gara Hassanii fii Husseenitti fuula itti gara galee isaan hammatee dhungachuu jalqabe, eegasii Hassanii fii Husseen Radiyallaahu Anhum jamii'an, Bilaaliin akkana ja’aniin: " yaa Bilaal azaana Ergamaa Rabbiitiif masgiida isaanii kheessatti azaanaa turte san dhagayuu feenaa, amma nuuf Azaani ja’aniin, Bilaalis marhabba ja’eenii gara masgiidatti ol seenee bakka inni dur dhaabbatee ittiin azaanaa ture sanitti dhaabbatee azaanuu jalqabe,
---
‘’ALLAAHU AKBAR ALLAAHU AKBAR’’ hogguu ja’u biyti madinaa gutuun sossote, ‘’ASH-HADU AN LAA’ILAAHA ILLALLAAH’’ hogguu ja'u, sagaleen Bilaal khan zamana habiiba Rabbii san dhagayaa turan, eessaahi deebi'ee dhufe jachuudhaan warri biyyaa guutuun manaa bahee gara masgiida Ergamaa Rabbii ﷺ akka galaanatti yaa'uu jalqabanii daranuu biyti madinaa sossotee namni hundi manarraa bahe, ‘’ASH-HADU ANNA MUHAMMADAN RASSUULULLAAH’’ hogguu ja’u Bilaal dadhabatee gaggabee lafatti khufe azaana isaa achi bira khuchiisee fixuu dadhabee....
---
Duuba warri biyya madiinaa takkaa akka guyyaa sanii booyanii hin beekhan eega ergamaan Rabbii ﷺ addunyaa tanarraa godaanan booda.....
Akkasiin Bilaal yeroo xiqqo eega ture booda gara biyya irraa dhufeetti deebi'ee achumaan dhukkubsateee firaasha du’aarratti ciise, duuba jaartiin isaa Bilaal narraa du'uuf deema jattee way sheenaa too, way sheenaa too jachaa booyuu jalqabde, hoggu khana bilaal jaartii isaatiin, way sheenaa too hin ji’in, way gammachuu too, way gammachuu too ji’i malee, ja'eenii Boru bar obboleeyyan khiyyaa fii jaalalleewwan khiyya, akkasumas Ergamaa Rabbii khiyyaa jaalallee khiyya khaniin lubbuu khiyya daran fedhuun wajjiiniin wal arguudhaaf deemaa bar, khun ammoo si gammachiisuu qaba malee si rifachiisuu hin qabu ja’eenii, warra isaa sossobee jajjabeesse, duuba akkuma ja'an san Rabbiin taasiseef borumtii isaa numa akhiramee, jaalalleewwan isaati wajji Rabbi ida'een...
---
SUBHAANALLAAH DHIIROOWWAN RABBIIF JACHA AKKATTI WALJAALATAN ADDUNYAAN GUUTUUN ERGA UUMAMTE ARGITEE WAAN BEEYTU NATTI HIN FAKKAATU...
---
DHIIROO JAALALA AKKANAA KHANA YUNIVARSITUMA KHAMIRRAA BARATAN???
---
DHIIROO YUNIVARSIITIIN AKKANAA KHUN ZAMANA KHEENYA KEESSATTIHOO NUMA JIRAA???
---
NAMA YUNIVARSIITII KHANA SEENEE JAALALA AKKANAA KHANA ARGATUU BARBAADEEF...
EEE!!! WALLAAHI NUMA JIRA!
YUNIVARSIITIIN HABIIBA RABBII ﷺ ZAMANA HUNDA KHEESSA NUMA JIRA...
---
Warra Yunivarsitii khanarraa jaalala habibii isaatiin eebbifame Rabbi nu haa godhu.
---
Sheer waliif
Sheeer sheeer sheeer
Omer Mohammed
soomana kheenya akka Rabbiin nurraa qeeblu nyaataa fii dhugaatii irraa somanuu qofa osoo hin tahin, nabsee kheenya haala fokkottuu, haala ga'antii taaterraa hunda soomansiisuu qabna, maalif jannaan.
-------
Ergamaan Rabbii (saw) hadiisa isaanii kheessatti akkana jachuudhaan dubbatanii jiran,
''nama meeqaatamtu jira, soomana isaatirraa beelaa fii dheebuu malee qooda biraa hin arganne, (sunan ibn majah 1680)
-----
ammallee hadiisa biraa kheessatti akkana ja'an...
''soomana jachuun nyaataa fii dhugaatii qofarraa soomanuu miti, soomana jachuun haasawa badaa fii taba fokkotaarraa soomanuu dha,''
namni jacha cubbuu ykn haasawa khijibaatirraa yoo hin soomaniin nyaataa fii dhugaatii dhiisuu isaatirraa Rabbiin hajaa hin qabu, ja'an.
-----
hadiisa biraa kheessatti akkana ja'anii jiran.....
''waa shan soomana nama jalaa furan
haasawa khijibaa haasawuu
nama hamatuu
nama walitti diruu
cubbudhaan khakhatuu
ijaan waan haraam laaluu,'' waantoonni shanan khun namtichi osoo hin beekhin waan soomana isaa jalaa furanii dha...
Sooomana kheeenya soomana Rabbi biratti qeebalamtu Rabbi nuuf haa taasisu.....
waan soomana kheenya fursiisu hundarraahuu Rabbi irraa nu haa eegu.....
warra soomanni isaanii beelaa fii dheebuu qofa jalaa taate Rabbi nun godhin.....
Sheer godhaa
Abdallaah ibnu mas'uud irraa odeeyfame (RA)
Nabiyyiin Rabbii (SAW) akkana ja'an,
'' gabrattowwan Rabbii baatii Ramadaanaa khana kheessatti waan Rabbiin isaaniif qopheeyseef silaa beekhanii waggaa gutuun baatii Ramadaanaa taye ja'aniiti gaabban ture'' ja'an
baatii Ramadaanaa khana kheessatti waan Rabbiin gabrattowwan isaatiif qopheeyseef hunda warra argate Rabbi nu haa godhu....
Ergamaan Rabbii (saw) akkana ja'an,
''ummata khiyyaaf baatii Ramadaanaa kheessatti waa shantu khannamaaf, waan ummata na dura dabraniif hin khannamin.
------
1,ffaa. Halkan duraa baatii Ramadaanaa kheessatti Rabbiin gabrattoowwan isaa ija Rahmataatiin laala, namni Rabbiin halkan duraa kheessatti ija Rahmataatiin isa laale, zalaalam hin qixaaxamu...
-----
2ffaa. Jijjirama follee afaan nama somaneee Rabbi biratti miskii daran urgaawa...
-----
3ffaa. Hanga somana isaanii furanitti malaayikaan araarama Rabbii isaanii khadhattiif.
-----
4ffaa. Rabbiin jannata isaanii bareechee qopheeysee akkana ja'an, yaa jannata khiyya gabrattowwan khiyya saalihtoonni gama khee dhufanii sikheessatti qanani'udhaaf dhiyaatanii jiranii qophaawi ja'aan.
-----
5ffaa. Halkan maayyirratti Rabbiin hunda isaaniitifuu ni araaramaaf,'' ja'an.
hoggu khana sahaaboonni yaa Rasuulallaaah halkan sun halkan leeyilatul qadrii dhaa ja'anii gaafataniin,
ergamaan Rabbiitiis, lakkii khafaltii hojii itti ajajaman raawwatuu isaaniitiif argatanii dha, akkuma namuu khafaltii hojii isaa eega hojjatee raawwate booda khafalamuufitti, ja'an (musnada Ahmad hadisa lakk 7576).
----
Yaa Rabbi halkan duraa khana kheessatti ija Rahmata kheetiin nu laalii nu milkeessi...
----
اللهم
*يا خير الناظرين*
*يا خير الناظرين*
*يا خير الناظرين*
*انظر إلينا في ليلة النظرة الأولى من شهر رمضان*
*اللهم اجعلنا من أهل نظرتك، فإنك إذا نظرت غفرت، ولا تجعلنا ممن تعرض عنهم فنكون من المحرومين*
*اللهم اجعلنا ممن يتلهفون ويتشوفون ويتشوقون لنظرتك*، *واجعلنا ممن يفوزون بسر النظرة آمين آمين آمين*
لقد جاء شهر الصيام
جاء شهر الرحمة والغفران
جاء شهر العتق من النار
جاء شهر القرآن
جاء شهر الصلاة والتراويح
جاء شهر قيام الليل
جاء شهر المستغفرين بالأسحار
جاء شهر صلة الأرحام
جاء شهر الإحسان
جاء شهر إطعام الطعام
جاء شهر الافطار
جاء شهر الدعاء
جاء شهر الصدقات
جاء شهر الزكاة
جاء شهر الفقراء
جاء شهر الخير والبركات
جاء شهر الفطر
طوبى لمن كانت هذه الصفات في صحيفته
دمتم طيبين سالمين غانمين
وكل عام وانتم بالف خير
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the place of worship
Telephone
Website
Address
Addis Ababa