TV MO'AA

TV MO'AA

Share

TV.MO’AA JIREENYA MO’IICHAAF

Photos from TV MO'AA's post 10/07/2026

Kantiibaan Aadde Adaanech Abeebee Finfinneetti Giddugala Yaalaa Teeknooloojii Ammayyaa Qabu Eebbisan

Mo'aa: Adoolessa10.2026-Finfinnee

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Hospitaala Raas Dastaa Daamxoo keessatti giddugala yaalaa ammayyaa, sadarkaa olaanaa qabu ijaarsisuun tajaajilaaf banuu ibsan.

Giddugalichi tajaajila yaalaa yeroon ammayyaa barbaadu hawaasaaf ni kenna jedhan Kantiibaa Adaanech.

Hospitaalichi duraan baayyee dulloomee waan tureef, dhukkubsattootaaf mijataa hin turre kan jedhan Kantiibaa Adaanech, meeshaaleen yaalaa dulloomoon tajaajila qulqullina qabu kennuu keessatti rakkoo uumaa turan; kunis dhukkubsattoota qofa osoo hin taane ogeeyyii fayyaatiif illee hojii isaanii sirnaan raawwachuuf rakkisaa ture jedhaniiru.

"Haala kana seenaa gochuudhaan ijaarsa gamoo ammayyaa abbaa darbii torbaa ta'e hojjenneerra" jedhan.

Giddugalichi tajaajila yaalaa daran fooyyessuuf kan qophaa'e yoo ta'u, teeknooloojii ammayyaa guutuu of keessaa qaba.

Giddugala yaalaa haaraa kana keessatti meeshaaleen yaalaa bara 2026tti oomishaman kan AI fayyadaman, kanneen akka Digital MRI, CT Scan, Ultrasound, Mobile X-ray, akkasumas warshaan oksijiinii sa'aatii tokkotti liitira kuma 30 oomishu ni argamu jedhaniiru.

Baay'inni sireewwan ciisichaa 147 irraa gara 360tti dabaluu kan eeran Aadde Adaanech, kutaan baqaqsanii yaaluu 3 irraa gara 7tti, kutaan kunuunsa cimaa (ICU) immoo gara 19tti guddateera.

Dabalataanis kutaan yaala ariifachiisaa bal'aa fi istaandaardii guutu ijaaramee hojii eegaluu himan.

Kutaan boqonnaa hojjettootaa, mana kitaabaa, waajjiraalee ammayyaa, galma walga'ii fi kaafteeriyaan hojjettootaa akkasumas dhukkubsattootaaf haala mijataa ta'een qophaa'anii tajaajilaaf banaamaniiru.

Fedhiin tajaajila fayyaa Magaalaa Finfinnee keessatti jiru mootummaa qofaan guutamuu waan hin dandeenyeef, damee dhuunfaas jajjabeessuun tajaajilli yaalaa duraan biyya alaa deemanii argatan biyya keessatti akka kennamu taasifamuu jalqabuun keenya hojii guddaa ta'eedha jedhan.

Kunis sadarkaa addunyaan damee fayyaa keessatti gahe bira ga'uuf hojii eegalleef ragaa ifaa ta'uu ibsaniiru.

"Giddugalichi saffisaa fi qulqullinaan ijaaramee tajaajila duraan ture baay'ee babal'isee tajaajila olaanaa akka kennuuf hojii kana keessatti kan hirmaattan, kan deggertanii fi kan ijaartan hunda maqaa koo fi maqaa yaalamtootaatiin nan galateeffadha" jedhaniiru.

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com//videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/.moaa2?lang=en 'Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address


Addis Ababa