Odaa tarbii
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Odaa tarbii, Legal, Oromiya, Addis Alem.
Qabsoo keessatti Icciitiin dhaalamuuti qabdi. Qabsaa'onni icciitii qabsoo dhaaluuti qabu. Icciitiin qabsoo akka annisaa qabsootti ilaalama. Garb-oomfataan si adams-uun dura icciitii kee adamsa. Icciitii kee erga adamsee of harkaan gahateen booda si adamsuu itti fufa. Utuu icciita kee of harkaan hin gahatiin adamootti hin seenu. Atoo icciita garboomfataa keetii adamsaa jirta moo akkanumaan ifaajja laata? Akkasumaan ifaajja taanan waree-gamni kee lakkaa'amee hin dhumu. Diin-a kee tuqxee dammaqsuun dura maal gochuu akka qabdu xiinxaluuti qabsa! Diin-ota kee weera-ruuf gaafa qophooftu eessarraan? Akkamittin? Qubsumni isaa eessa? Baay'inni lol-tuu isaa hangami? Meesh-aan isaa gosa akkamiti? Maal nyaata? Yoom nyaata? Reeshina gahaa qaba moo hin qabu? Uffanni isaa halluu akkamiiti?****jettee qorannoo geggeessuuti qabda. Qorannoon kee kan ragaan deggerame ta'uu qaba. Kana hunda argachuuf icciitiin itti adeemuutu sirraa eegama. Miseensi kee lol-tummaa, gootummaa, fi geggeessummaa qofa osoo hin taane icciita qabsoo isa akka sibiila boorrajjii irra jabaatu sirraa dhaaluuti qabu. Miseensi hooggana fakkaachuu, isa ta'anii argamuuti qabu. Israa'eelii fi Hamaas akka Adurr-ee fi Hant-uutti icciita walii adamsaa turan. Gareen basaa-saa Isra'el MOSAD fi SHIMBET icciita hooggantoota Hamaasii fi deggertoota isaanii booll-a seenee barbaadee IDFtti kennuun balaa-wwan gurguddaa irraan geggeesisaa ture. Hooggantoota ciccimoo dhaabichaas jalaa galaa-fataa ture. Ismaa'el Haanniyyeen kan ajjee-fame palastin keessatti miti, july 31, 2024 Iran keessattidha. Miseensi basaa-sa alaa Isra'el MOSAD hooggana siyaasaa cimaa kana hanga kutaa cisichaa isaa Teeran jiruutti hordofee galaa-fate. Isra'el balaa-wwaan gurguddaa Hamas irraan geessistuyyuu akka yaadde fi karoorsiteetti isheef hin milkoofne. Geggeessitoonni fi miseensonni Hamaas duguugg-aa irra hafuudhaaf icciita keessoo isaanii eeggataniru. Keessumaa meesh-aawwan elektrooniksii hundumaa ofirraa fageessuun xalayaan ergaa waliif gahaa turan!
Booj
05/01/2025
Billisumma nu fuuldura mul'ataa !!
Motummaan kufeef biyyi hin kuftu. Motumaan biyya facaaasaa jiru kufeef biyyi facaatu hin jirtu.
Sirni sirnaa mitii. “Sirna” isaan jedhanii waamuufuu hin tolu. Sirna Abiy kana sirna jennee yoo isa waamuun barbaachisaa ta’e, sirnichi inni gad-dhaabuuf yaalee, ammas gad-dhaabuf yaalaa jiru, sirna duguuggaa sanyii raaww’achaa jiru dha. Sirna nama nyaatu dha.
Sirna nama nyaatu hambisuun bara baraaf of nyaachisuu dhaaf kutachuu dha. Sirna nama nyaataa qawwee dhan ofirraa qoluun dirqama. Dirqamni kun kan keenya qofa utuu hin ta’in, dirqama namummaa, dirqama qaamoota addunyaa guutuuti. Sirna akkanaa kana qawwee dhan ofirraa kaan balaa fida yoo ta’e, “balaan” sun balaa warra sodaa bilisummaa qabuuti malee balaa uummatarra gahu miti.
(Dharraa fi Giddaa Ayyaanaa kan baraaruu dadhabee sirnicha. Saba keenya rakkoo akkanaa keessaa akka of hin baraarre kan maqaa “Shaneetin” qawwee hiikkachiisee sirnicha. WBO dhabamsiisuuf kan finxaaleyyii hidhachiisee uummata keenya irratti bobbaase sirnichuma. Gaafasis kan qabsoo qawwee qeeqqaa, “karaa nagaatu nu baasaa” akka ofirraa hin loolle uummatas qabsaa’ootas kan “gorsaa” (ykn arrabsaa) turan warruma akka Jawar Mohammed “siyaasa karaa nagaa taphanna” jechaa turee dha. Ummata qawwee hiikkachiisanii erga maqaa “qabsoo karaa nagaatin” raffisaa turan booda, as garagaranii, “qawween keessan maal isinii fayyade?” nuun jechuu barbaadu.)
Maraafuu, bilisa ta’uuf sirnicha kuffisuun dirqama. Walabummaa argachuuf impaayera diigun dirqama. Impayerrittiin gaafa lafa dhooftu mirgi keenya biyyeetti hin makamu. Biyyaa fi biyyoo irra dhaabbannuttu keenya ta’a. Santu abbaa biyyummaatti beekkama.
!
!
!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Culinary Team
Attire
Website
Address
Oromiya
Addis Alem