Seba Boru Communication Office
This page is belongs to Waajjira Kominikeshiinii Aanaa Sabbaa Boruu please be follow it.
07/01/2025
29/2017
Darmee
Baga Geettanii Koree Qindeessituu Aanaa Sabbaa Boruu!
========================
Uummati Keenna Kan Biyya Keessaa Fi Biyya Alaa Hundi Baga Guyyaa Yaadannoo Dhaloota Gooftaa Keennaa Iyyesuus Kiristoos Kan Bara 2017 tiin Isin Geye, Baga Geettani,
Ayyaana kana Yeroo Kabajnu Jaalala, dhiifama, Tokkummaa fi Araara Gooftaan keenna Iyyesuus Kiristoos nu barsiise yaadachaa, Woljaalataa woliif Araaramaa, kan qabu isa hin Qabneef qoodaa Woliin haa Ayyaaneffannuutii.
Ayyaanni Ayyaana Dansaa hunda keennaaf haa ta'uu tii,
!
23/12/2024
/2017
!!!!
&&&&&&&&&&&&&&
Aanaa Sabbaa Boruutti Yaamichi Karaa Nagaa Fi Sirni Simannaa Miseensota WBO Karaa Nageyaatiin Harka Kennatanii Taasifame.
&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&
Yaamichi Karaa Nageyaa Kun Bakka Abbootii Gadaa, Jaarroleen Biyyaa, Abbootiin Amantaa, Haadholiin Siinqee fi Bakka Koreen Qindeessituun fi Koreen Qindeessituun Aanichaa fi Hawaasi Baldhaan Aanichaa Argamanitti Taasifamee Jira.
Bulchaan Bulchiinsa Aanichaa Mi'eessaa Keessummootaan "YOOYYAA Baga nageyaan dhuftan jechuudhaan Simannaa taasisaniin, boqonnaa wolworaansaa cufnee fuula keenna gara Misoomaatii deebisuu qabnaa jedhan.
Bulchaan Bulchiinsa Godina Gujii fi Miseensa paarlamaa Itiyoophiyaa kab. ergaa dabarsaniin, worri Yaamicha Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee dhageettanii galtan galatoomaa jedhanii, Worri Bosonatti hafanis karaa nageyaa filachuun yaamicha Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee dhage'uu dhaan karaa Nageyaatiin galuu akka qaban dhaamanii jiru.
Abbootiin Gadaa fi Haadholii Siinqee, Abbootiin Amantaa Fi Jaarroleen Biyyaas Kana booda Oromoon Oromoo Ajjeesuu hin qabu,Duuti nu geetti,Hojjannee Misoomna,Gaaffii qabnus Akka duudhaa fi safuu keennaatti Gaaddisa Jala teennee furachuu qabna jechuun Qaamolee hidhatanii Bosonatti hafaniif Yaamicha Kabajaa taasisaniin jiru.
10/12/2024
/2017
A_S_B_Darmee
&&&&&&&&&&&&&&
!!!!!!
&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&
Boruu Ganda_Horsiisee_Bulaa_Lookoo_Hurbuuqessaatti Murtii Aadaa Ijaaarramaa Ture Xumuramuun Eebbifame.
&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&
Manni Murtii Kun Bakka Piresidaantiin Mana Murtii Aanaa Sabbaa Boruu Kab.Obboo Abarraa Areerii, I/A Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Sabbaa Boruu Obboo Woddeessa Baallii, I/G Waajjira Bulchiinsaa fi Wolitta qabaa Mana Maree Kaabinee Aanaa Sabbaa Boruu Obboo Eebbisaa Taffarraa, I/G Waajjira Investimentii fi Industitii Godina Gujii Obboo Maabiraatuu Roobee Dabalatee Bakka Abbootiin Gadaa,Jaarrotiin Biyyaa,Haadholiin Siinqee fi Hawaasi Baldhaan Argamutti Eebbifamee Jira.
Bulchaan Ganda Horsiisee Bulaa Keessummootaa fi Hawaasa Gandichaatiin "YOOYYAA" eega jedhaniin booda, Inni Kun jalqaba malee xumuraa moti, Uummata Goota misoomaa akkanaa kana qabannee hin sodaannuu, Waan jalqabne ni xumurra Waaqayyoonis nu gargaara Jedhaniiru.
I/A Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Sabbaa Boruu Obboo ergaa dabarsaniin, Gandi Horsiisee Bulaa Gandootii Aanaa keennaa hunda dura dursitanii Mana Murtii Aadaa Waan xumurtaniif Baga gammaddan jedhanii, Ijaarsa Waajjira Gandaa, Mana Barumsaa Bu'uura Boruus xumuruu akka dandeettan woman shakkii hin qabu jechuun dinqisiifatanii jiru.
Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Sabbaa Boruu Kab. sirna eebbaa kanarratti argamuudhaan Manni Murtii Aadaa Haqa Uummata keennaa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf, uummanni keenna Baga gammaddan jedhanii, Jaarrolee Mana Murtii Gandaa tii fis hubannaa Seeraa kennanii jiru.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Alga