Tolasaa Ayyaanaa Roorroo

Tolasaa Ayyaanaa Roorroo

Share

Humanity are first respect

15/03/2024
31/08/2023

Guyyaa/ 24/12/2015
BEEKSISA
Barattoota Kutaa 9ffaa Bara 2016 Mana Barumsaa Addaa Yuunivarsiitii Ambootti Barachuuf fedhii Qabdan Hundaaf
Akkuma beekamu Yuunivarsiitiin Amboo barattoota ciccimoo gara kutaa 9ffaa tti darban simatee kan barsiisu yoo ta’u, barattootni bara 2015 qormusa naannoo fudhattanii kanneen ulaagaalee armaan gadiitti tarreeffame guuttan akka galmooftan isin beeksisna. Haaluma kanaan barataa/tuun tokko galmeedhaaf ulaagaan inni/isheen guutuu qabu/du;
Qorumsa naannoo bara 2015 kan qorame/tte qofa ta’uu qaba/di
Qabxii giddu galeessaa qorumsa naannoo (Average) Dhiiraaf 78% fi isaa ol, Dubaraaf 73% fi isaa ol kan galmeessan
Qabxiin tiraanskiriptii kutaa 7-8 kan gosa barnoota A/Ingiliffaa, Herreegaa fi A/Oromoo kophaatti shallagamee giddu galeessaan Dhiiraaf 75% fi isaa ol akkasumas Dubaraaf 70% fi isaa ol ta’uu qaba.
Firii tiraanskiriptii barnoota hundaa kutaa 7-8 giddu galeessaa(Avarerage) Dhiiraaf 75% fi isaa ol akkasumas Dubaraaf 70% fi isaa ta’uu qaba.
Barattoonni ulaagaa hunda guutanii darbanii m/b kanatti baratan kamiyyuu gatii galmee waggaatti Qarshii 1000 (kuma tokko) qofa kanfaluuf fedhii kan qabu.
Ulfaatina qabxii filannoo barattootaaf keennaman
Firii qorumsa naannoo- 15%
Tiraaniskriptii- 5%
Qorumsa seensaa- 80%
Bakki galmee;
Wajjira Barnoota Aanaa keessanii yookaan Waj/Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Amboo
Guyyaan galmee gaafa 29/12/2015 hanga 02/13/2015 tti qofa
Guyyaa fi bakka qorumsi seensa kun itti kennamu beeksisaa biroon kan beeksisnu ta’a.

Want your school to be the top-listed School/college in Ambo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Ambo