Ya'reli

Ya'reli

Share

Artist

02/08/2022

Abdiin hinjirre Itoophiyaadha!

Walabummaan Oromiyaa waan hinhafe, bilusummaan Oromoo waan hinoolle!
Kana booda Itoophiyaa suphuun bishaan dhangale'e hammaaruf yaaludha, dadhabbii malee bu'aa waan hinqabne. Nutis jechuu baannu warrummaan ijaaran diigaa jiru,humni Tigraay biyyaa ta'uu dhoorku waan jiru hinfakkaatu.Gaafiin itti aanee dhufu kan eenyuti?
Obboleessoo, hayyuu waa xiinxalu yoo taate waan lafa irra jiru gulaali, dharraa garaa keetii qofa haasa'uun haxummaa miti.
Bilisummaa sabootaa humni ugguru hinjiraatu, biyyoota sabaa walabaattu dhalachuuf jira, lafa barii kan dhoorku, aduu akka dhiitetti kan hanbisu humni lafaa hinjiru!
Kan ta'uu qabu, barii dhufutti madaquudha, boruu keenya miidhagsuudha!
Boruun keenya bilisummaa, walabummaa, birmadummaa qabaata. Dimookraatessuun, nagaa waaraa fi fayyadama walqixaa mirkaneessun hojii keenyaa, dhimma har'a irraa kaasnee itti dhimmamuu qabnu.
Ifa keessatti namootni ija walti-bobaasuu malu herrega jedhuun dukkana filachuun fafa.
Ca'umsaa qabsoo ilmaan Oromootni argame mara kan maseense numa, ija keessa waldeebina.Kayyoo bilisummaa Oromoo akk alagaan eebbisee nuuf laatu feena. Isaan amansiisuf dhamaana. Madaalli qajeellummaa yaada keenyaa jibbaafi jaalala alagaa warra nuuf ta'etu jira. Sammuu gabroomef har'as Oromiyaan godina, kutaa biyyaa ykn naannoo bulchiinsati. Kana keessaa haa baanu yoo jettu, abjuun hindhugoomnetti, hawwii hinmilkoofnetti yaada kee akeeka.
Warri beekaa dhugaa ja'isan jiru. Warri dantaaf jecha dhugaa haqanqaalan jiru. Warri itti fakkaatee sodaatan ykn sodaachifanis jiru. Kun hundi keenyuma. Karatti waldeebisuun fardiidha.
Beekaan dhugaa ja'isu ni salphata, warra akkasii heddu agarre, karaa salphinaa hinfilatinaa, faallaa hawwiifi dharraa uummataa hindhaabbatinaa!
Dantaan ni darba, kan argates ni dhaba, aangoon, dunyaa... hundi akka fixeensa ganamaati. Dantaaf jecha beekaa bara gidiraa sabaa dheeressuuf hindhama'inaa!
Warri hubannoo dhabarraa yaaddoftan, burjaajii hayyootni keenya uumaniin raafamtan, Abishiraa, Oromoo sirna bulchiinsas beeka, biyya ofii bulchees beeka, bilisoomeef gidiraatti hince'u! Walaboomeef wal-diigutti ka'a jechuun hinta'u! Birmadoomee ollaa isaa waliin nagaan hinjiraatu jechuun olola dharaati, burjaajii shiraati! Yaadni akkasii calcala, gad-fageenya hinqabu! Ittiin saba yaaddessuun garuu qajeela miti!
Oromiyaa biyya, biyya walabaa turte, ammas walabummaa ishee deeffachuuf dhiigaa jirti. Saba gabrummaa falqetti, du'a tuffatee falamaa hadhooftuu irra jirutti, gabrummaa faarsun, 'obsaafi gara-bal'ina' akka haaratti Oromoo barsiisuf rakkachuun ni barbaachisa jedhee hinyaadu!
Kanarra kan hammaatu immoo yaada morkataa si faallessu yarsuuf, duulli qindaawan gaggeeffamu, waan dabaati!
Kun dhaabbachuu qaba, hatattamaan! Yaada mormii keenya ofuma keenya dhiyeeffachuu baruu qabna, gaafatamas fudhachuun dirqama!
Anaaf garuu, dubbiin impaayera Itoophiyaa waan dhumateedha.
Battee Urgeessaatin

Want your establishment to be the top-listed Arts & Entertainment in Awash?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


Oromia
Awash