Miftaa Ahmadsaani

Miftaa Ahmadsaani

Share

Rabbif maale namaf gad hin jennu

17/02/2022

MALAA’IKOOTA AFUR DALAAGAALEE ISAANII WAJJIN !!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Rabbiin Subhaanahuu Wata’aalaa Malaaikoota hedduu uume. Isaan kan irraa uumaman Nuura ykn Ifaadha. malaaikoonni Akka ilma namaa dilii hin dalagan, waanuma Rabbiin irratti isaan uume hanga Guyyaa Qiyaamaatti dalagan.

Malaa’ikoota kanneen keessa arra Gurguddaa Afur Dalagaa isaanii wajjiin wal Isin barsiisa. Itti Dhihaadhaa.

1: Jibriil : Duree Malaa’ikootaa Wahyii Buusutti Ramadame
2: Miikaa’iil : Rooba Buusutti ajajame
3: Israafiil : Garrii Afuufutti Ajajame
4: Malakul Moowti : Lubbuu Fuudhutti Ajajame

• Jibriil : Inni duree malaaikootaati. Dalagaan isaa guddoon Ambiyoota Rabbiin ergetti wahyii ykn ergaa Rabbii itti fiduudha. Diin Islaamaa kan arra barachaa jirru, Qur’aanni Nuti qara’aa jirru, salaanni Nuti salaataa jirruufii wantoonni hedduun Bifa wahyiitiin Rabbirraa Gara Jibriiliin Rasuula keenya bira geesse.

• Miikaa’iil : Inni Malaa’ikaa Rabbiin Rooba buusutti isa ramade, ajaja Rabbiitiin Bakkaa fii Yeroo Rabbiin fedhetti Rooba Buusa. Dalagaan isaa guddoon tana.

• Israafiil : Malaa’ikaa Rabbiin Garrii afuufutti isa ramade. Garriin Yeroo lama afuufamti. Yeroo tan duraa afuufamtu uumaan Rabbiin uume hundi ni duuti. Yeroo tan lammaffaa afuufamtu ammoo ummaan Rabbiin uume tan duute hundi lubbuun itti deebitee qiyaamaa dhaabbatti.

• Malakul Moowti : Ykn Malaa’ikaa Du’aa jechuun kan yeroo ajalli gahe ajaja Rabbiitiin dhufee Lubbuu Namarraa fuudhu sani. Namni hedduun Izraail jechuun Beeka maqaan kun Qur’aanaa fii Sunnaa keessa hin jiru Kanaaf malakul moowtii jenna.

Barreeffamni Kun yoo isinitti tole dubbisaatii obboleeyyan keessaniif Share Godhaa.

By: Ibsaa Dhugaa

https://www.instagram.com/ibsaa_dhugaa/

08/02/2022
Photos from Galaana Gaaromsaa's post 08/02/2022
Want your school to be the top-listed School/college in Gelemso?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Gelemso
MIF