Hararghe Viewer.
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hararghe Viewer., Digital creator, Harar.
03/04/2025
‼️
Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa akka biyyaa hin baqanne ajajni qaama immigireeshinii biyyatiif bahee jira‼️
Perezidaantichi dolaara Ameerikaa miliyoona 300 oliin biyya Ameerikaatti gamoo bitachuu isaa kan shakkame yoo ta'u qorannoowwan malaammaltummaa sadarkaa olaanaa kan birootiinis shakkamee mootummaa federaalaatin gamaaggamamaa kan jiru ta'us odeeffannoon gamasii argame ni ibsa.
Kanaaf yeroo ammaa perezidaantichi biyya keessaa baqatanii akka hin baane ajajni darbeera.
Hattuu ni hatti malee hin baatu.
03/04/2025
MUL'ATAA❤💚❤
======================
Gaara Mul'ataa gaafa dhageettu jalqaba Gara sammuu keeti maanti dhufe. Qabsoo Bilisummaa Oromooti mitii? Sirrii jirta. Gaarri Mul'ataan lafa Seenaa fi iddoo hawwata turiizimii Godinni Harargee Bahaa qabu keessaa tokko ta'ee gaara qabeenya uumamaa kanneen akka biqilootaa fi bineesota garagaraa heddu ofkeessatti hammateedha. Dabalataaniis Gaarri Mul'ataan bara duriiti kaasee Seenaa qabsoo Ummata Oromoo faanas akka walqabatu maanguddoonni argaa dhageettii fi seenaanis ni dubbatu.
Gaarri Mul'ataa gaara guddaa Oromiyaa, Harargee Bahaa keessatti argamuufi qixxee galaanaa irraa olka'iinsa meetira #3405 irratti kan argamu ta'uu maddeen ni ibsu.
Source:- Biiroo Aadaaf Tuurizimii Oromiyaa Wobeeffanne.
Of Gaggeessuu (Self leadership)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Jireenya keessatti gaggeessuummaan gosa hedduu jira. Kanneen keessaa tokkoo fi isa jalqabaa kan tahe of gaggeessuu dha. Kun immoo gosoota gaggeessummaa keessaa ulfaataa kan ta'edha. Ogeeyyiin gaggeessummaa hedduun of gaggeessuun gaggeessummaa isa jalqabaa akka ta'ee fi salphaatti kan hin ilaalamne akka ta'e ibsu.
Of gaggeessuun imaammata mataa ofii danda'e qaba. Isaan kana gabbifachuun immoo dandeetti of gaggeessuu ni dabalu. Isaanis:
1. Of beekuu/ self awareness/ Inni kun akka nama dhunfaatti sonawwan jireenya ofi beekuu, ciiminaa fi dadhabina ofii beekuu, of madaalaa deemuu fi namoota irraa dubdeebbii fudhachaa deemuu of keessatti qabate.
2. Of hoggannuu/ self management/ inni kun ammoo dandeetti yeroo ofii bulchuu fi miira ofi bulchuu of keessatti qabata. Kana guddisuuf ammoo akka toftaatti kan nu fayyadan: waan gaarii ofitti himu/positive self talk/, hiriyaa irraa dubdeebbii fudhachuu, waan tahu barbaadnu fakkiin kaa'uu/ visual board/ qabaachuu fa'adha.
3. Of sissi'eessuu/ self motivation/
Si'aa'iinaaf wanti barbaachisaan tokko fi guddaan galma ofii beekuudha.
Si'aa'iinni= Galma + Humna(energy)+ Xiqqaa irraa eegalani hojjachuu dha.
4. Of guddisuu ykn of barsisuu / self development/: akka nama of gaggeessuu tokkotti guyyuu dubbisuu, leenjii adda addaa fudhachuu fi namoota nu gorsan yookiin mentor godhachu barbaachisa.
5. Of gamaagamuu/ self reflection/: guyyuu waan keessa ole of gaafachuu fi ciiminaa fi laafina keenya adda baasaa deemuu fi jireenyi keenya haala kamiin akka deemaa jiru beekuu barbaachisa.
Akka walii galaatti dandeetti kana guddisuuf fayyadan
1. Mul'ataa fi galma ofii haala SMART ta'een kaa'achuu
2. Yeroo keenya urgent and important fayyadamuun sirnaan hogganuu
3. Bilchina miiraa ofii guddisuu
4. Nama har'aa irra dhaabbatanii boritti eessa gahuuf akka deemnuu fi addunyaan garam deemaa jirti beekuu/proactive/ fa'adha.
02/10/2023
Today best photo.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Harar