Waarso
Sabboonummaa jechuun eenyummaa namaa jibbuu miti. Kan ofii jaalachuudha. Oromummaan keenya eenyumma
27/09/2020
Waggaa 103 dura guyyaa akka hardhaa fulbaana 16 (akka laakkofsa habashaatti) Lij Iyyaasuun walqixxummaa amantaa labse. Kutaa biyyattii hunda irraa waamicha godhe. Amantaa Kiristaanaa fi Amantaa Islaamaa dabalatee, Amantaalee biroottis biyyattii keessatti walqixa, Itoophiyaan hunda keenyaaf walqixa jedhe.
Eega inni walqixxummaa amantaa fi sab-daneessummaa labsee booda leellistoonni amantaa tokkoo (Orthodox) fi saba tokkoo (Amaaraa) ilkaan itti ciniinatanii itti kahan. Achumaanis fonqolchanii biyyattii gara duubaatti oofuu jalqaban.
Waggaa 103 booda, jaarraa 21ffaa keessa doofaan sanyiin Minilik tokko asi bayee kunoo Orthodoksiin biyya, ani hordofaa Minilikiiti, biyya bakka Minilik biraa deemetti deebisa jedhee biyya gara duubaa oofaa jira. Nafxanyichi ani nugusa ofiin jedhu kuni Jaarraa 21ffaa keessa taa'ee dhoqqee jaarraa 19ffaa bukeessa, Iyyaasuun ammoo yeroo sanatti ijoollees ta'u Jaarraa 19ffaa keessa taa'ee akka nama Jaarraa 21ffaa keessa jiruutti yaadaa ture.
Madaan Abiy jaarraa 21ffaa keessatti Oromoo fi Amaara jiddutti uume akkuma kan Minilik sana waggaa jaarraa gara jaarraattuu hin fayyu!! Doofaa jaarraa 21ffaa biyya gara jaarraa 19ffaa oofaa jira!!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Harar