H kemal
Oduu bashannansiisaafi wayitaawaa gurraan isin gahuun dirqama keenya.isinis #like & follow# tuqa
17/12/2025
Imaama keenya guddaaf jallatamaa she abdukarim waggotan dura waa'ee qorichi ulfa dhaabu harka daa'ima dhalatee irrati mul'achu himanii turan Adhunyaanimmo reef brazil keessatti taateen kun ammas taanaan dinqifatti
30/05/2025
Abukiin xahaa qamar maal akeekkasiraa laata
27/04/2025
Biyyi tokko guddina diinagdee galmeessisaa gaafa deemtu diinonni isiis haaluma sanaan baay'ataa deemu.
Akkuma namni dhuunfaa walitti inaafu biyyoota gidduus miirri akkasii hinuma jira.
Keessattuu warri dursanii guddatan warra reef ol guddataaru mataa keessa woqaruu hin dhiisan.
Kanaafuu guddina diinagdee milkeessuun cinaatti humna ittisaa; jechuunis Raayyaa Waraanaa jabaa meeshaalee waraanaa ammayyaa sirriitti hidhate ijaaruutu irraa eegama.
Kan Itoophiyaas kanarraa adda miti. Itoophiyaan diinota keessoofi alaa hedduudhaan biyya marfamtee jirtudha.
Warri keessoo warra alaatiin hariiroo uumuun biyyattii nagaa dhowwaa akka jiran beekamaadha. Shiftoota keessoo qulqulleessaa, ollaattis ce'uun kanneen akka Al Shabaab rukutuun humna dhabsiisuun akka as hin ceene godhaa kan jiru Raayyaa Ittisa FDRIti.
Humna Ittisa Biyyaa FDRI cimsuuf hojiin gama mootummaatiin hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamudha.
Hojiin kun karooraan hojjetamaa jira malee haala yeroo irratti hundaa'ee miti. Waraanni jiraatee dhTijani Nasir Usmann hojiitti hiikamuun isaa ittuma fufa.
Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI, meeshaa ammayyaa hidhachuun cinaatti baay'ina hoomaa waraanaa leenjii barbaachisaafi murteessaa leenji'e dabaluuf karoora qabatee hojjetaa jira.
Yeroo adda addaas dargaggoonni fedhii qaban Raayyaa Ittisa Biyyaatti akka makatan beeksisa baasee galmeessee leenjisa.
Raayyaan Ittisa Biyyaa seera ittiin bulmaataa jabaa qaba. Seera isaa kanaan nama kamuu dirqamaan leenjisuun dhorkaadha.
Dargaggeessi Raayyaa kanatti makatu gaaffilee jalqaba gaafatamu keessaa tokko "fedhii qabdaa?" kan jedhudha. Namni lakkii fedhii hin qabu jedhe gara dhufetti deebi'a malee leenjii hin seenu.
Ololli amma deemaaru hojimaataafi seera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI kana hubachuu dhabuurraa ykn immoo fedhii siyaasaa dhuunfaa galmeeffachuuf kan godhamaa jirudha.
Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo calallii godhu gaaffii fedhii qabdaa jedhu namoota galmaa'anii dhaqan ni gaafata, yoo namni sun dirqamaanin dhufe jedhe battalumaan gara qe'eetti akka deebi'u gaggeessa.
Dogoggora caasaan gajjallaa uumuu malu fidanii akka waan Raayyaan Ittisa Biyyaa godhaa jiruutti godhanii dhiheessuun sirrii miti. Namni dirqamaan qabamee deeme yoo jiraatellee fedhii hin qabu yoo jedhe leenjii seenuu hin danda'u waan ta'eef hinuma deebi'a.
Kun seera waraanichaati. Waraana birattimmoo seerri seeruma, godhi hin godhiinidha, isaan biratti seerri akka warra siyaasaa barreeffama qofarratti kan dubbifamu miti.
Galmeedhaan walqabatee hanqinni yoo jiraate akka sirraa'u gaafachuun sirriidha, garuu duulli kun dhugaa ummataaf yaadameetii gaaffiin jedhu xiinxalamuu qaba.
Warri dhimma galmee rayyaa ajandaa godhaa jiru kun ummatichaafis dhimmamanii miti. Sababni isaas kanaan dura yeroo adda addaatti ijoolleen Oromoo Raayyaa Ittisa Biyyaatti makachuu qabu jedhaa warra turanidha. Fedhiin isaanii waa buraati.
Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRItu shiftoota sa'aa 24 keessatti Finfinnee seenna jedheefi warra mandara keessa deemee ummata azzabu kallattii qabsiisee dhaadannoo isaanii biyyootti make.
Raayyaa kanatu TPLFiin Finfinnee dhaqqabdee Shawaa Roobiit geessee ummata keenya haleeluuf dhaadataa turte cabsee qe'eetti ol deebise.
Warri har'a wocaa jiru kun karaan warra meeshaa qabatanii sun milkaa'u malee karaan ittiin as bahan akka hin jirre hubatanii, humna kana dadhabsiisuu qabna karoora jedhuun as bahan.
Sana keessaa tokko galmee Raayyaa Ittisa Biyyaa fashaleessuudha. Ummanni Oromoo sirna kana hubateera, tikfachuu akka qabus galeeraaf.
Hin milkaa'ani!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Seqqabari
Jimma