Jimma Zone Communication

Jimma Zone Communication

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jimma Zone Communication, Government Organization, Jimma.

Photos from Jimma Zone Communication's post 08/07/2026

Tajaajilli Lammummaa rakkoo namootaaf furmaata ta'uun cinaatti, hariiroo gaarii lammilee gidduuttis ni jabeessa.
********
Godina Jimmaatti bara kana sagantaa Tajaajila Lammummaatiin manneen harka qalleeyyii kuma 5 fi 500 ol ijaaruuf karoorfamee hojiitti seenameera.

Godinichatti Ganna baranaa irraa kaasee sagantaa Tajaajila Lammummaatiin gosoota hojii 72 tilmaama qarshii biiliyoona 44 ta'u qaamolee hawaasaa Godinichaa akkasumas dhaabbilee deeggarsa gara garaa hirmaachisuun hojjechuuf kan karoorfame yemmuu ta'u, Aanaalee gara garaattis gosoota hojii adda addaatiin hojiitti seenamee jira.

Haaluma kanaan guyyaa har'aa Aanaa Maannaa Magaalaa Yabbuutti ijaarsi mana harka qalleeyyii bakka hoggantoonni olaanoon Godinaafi Magaalaa Jimmaa argamanitti jalqabamsiifamee jira.

Aanaa Maannaatti bara kana sagantaa Tajaajila Lammummaatiin hojiiwwan gosa adda addaa lammileef fala rakkoo isaanii ta'an kan tilmaama qarshii biiliyoona 2 ta'u kan hojjetaman ta'uu bulchaan aanichaa Obbo Samaraddiin Ahimad himaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, akka Godinichaatti hojii tajaajila lammummaa waggoota darban hojjetamaa tureen lammileen rakkoolee adda addaatiif saaxilamaniifi dadhaboo ta'an rakkoo isaaniif fala argataniiru jedhan.

Bara kanas hojiin kun Ganna kanarraa kaasee qindoomina olaanaan kan hojjetamu ta'uu kan himan Obbo Tijjaaniin, gosoota hojii 72 tilmaama qarshii biiliyoona 44 ol ta'u raawwachuuf karoorfamee Aanaalee adda addaa irratti hojiin jalqabamee akka jiru dubbataniiru.

Sagantaa Tajaajila Lammummaa baranaa keessaa tokko kan ta'e ijaarsa manneen harka qalleeyyii yemmuu ta'u, barana akka Godinichaatti manneen kuma 5 fi 515 kan ijaaraman ta'uu fi kana keessaayis harki walakkaan bolokkeetiidhaan kan ijaaramu ta'uu Obbo Tijjaaniin ibsaniiru.

Photos from Jimma Zone Communication's post 07/07/2026

Gaarummaan Olka'iinsa Biyyaaf!
*********
Godina Jimmaatti hojiin Tajaajila Lammummaa labsame Aanaalee gara garaatti itti fufee gaggeeffamaa jira.

Haaluma kanaan guyyaa har'aa Aanaa Saxxammaatti sagantaan Tajaajila Lammummaa gosa gara garaa ijaarsa mana harka qalleeyyii dabalatee sagantaawwan adda addaatiin dabaalamee eegalchiifameera.

Bulchaan Aanaa Saxxammaa Obbo Kayiruddiin Abdulqaadir, aanichatti bara kana sagantaa Tajaajila Lammummaatiin rakkoo namoota harka qalleeyyii hedduuf furmaata kaa'uuf guyyaa har'aa ifatti jalqabameera jedhan.

Guyyaa har'aas Aanichatti ijaarsi mana harka qalleeyyii, sagantaan arjooma dhiigaafi deeggarsi uffannaafi meeshaalee nyaataaf oolan harka qalleeyyiif taasifamuu isaa dubbataniiru.

Sagantaa kanarratti Ittigafatmaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa argamuun saganticha jalqabsiisaniiru.

Photos from Jimma Zone Communication's post 06/07/2026

"Hojiin hojjennu kamiyyuu galmoota akka naannoofi biyyaatti qabaman milkeessuu isaatiin madaalamuu qaba." Obbo Tijjaanii Naasir.
********
Godina Jimmaatti waltajjiin idilee Mana Marii Bulchiinsaa kurmaana 4ffaa gaggeeffamaa ture murtoowwan gara garaa dabarsuun xumurameera.

Waltajjii mana marii kanaan gabaasni seektarootaa hanga kurmaana 4ffaatti raawwatamaa ture kan dhiyaate yemmuu ta'u, mariin irratti gaggeeffamee kallattiin ittaanus kaa'ameera.

Bara kana akka mana marichaatti nageenyi amansiisaan jiraatti karoorri gama misoomaatiin bahe akka milkaahuuf qooda qabaachuu, qindoomina olaanaa qqamolee nageenyaafi haqaa cimaan jiraachuu, hojii hunda dursa nageenyaaf dursa kennuu, karoora misoomaaf nageenyaa ajandaa ummataa gochuu, gurmaa'insi caasaa nageenyaafi ummataa cimaa ta'uun akka ciminaatti kan ilaalame akka ta'e ibsameera.

Gama misoomaatiinis seektaroonni hundi karoora barana qabatan dhibbeentaa 100 fi isaa ol raawwachuu, tokkummaan yaadaafi gochaa koreefi hoggansa gidduutti jiraachuu, hojii hunda qindeessanii deemuu irratti hojiin hojjetame milkaahaa ta'uu, hoggansi sadarkaan jiru diinagdee hogganuu jalqabuu isaa, hoggansi sadarkaan jiru rakkoo dandammatee ergama itti kenname bahachuu isaa, seektaroota keessatti maanajimantiin seektarootaa of danda'ee hojii hogganuu, manneen maree sadarkaan jiran sagantaa idileetiin hojii madaalaa adeemuu, humnoota waloo fayyadamuun hojiiwwan akka Godinichaatti hojjetames akka ciminoota ijootti kan ilaalaman ta'uunis addaan baheera.

Garaa garummaan raawwii hojii Aanaalee fi seektaroota gidduutti darbee darbee mullachuu, Aanaaleefi Gandootni tokko tokko ammas of danda'anii raawwachuu dadhabuu, seektaroota qindoominaan hojii hojjetan gidduutti ammas guutuu ta'uu dhabuu, kenni tajaajilaafi rakkooleen bulchiinsa gaarii guutummaa guutuutti furamuu dhabuu, aadaan hojiifi qusannaa jiru ammas xiyyeeffannoo kan barbaadu ta'uu, al-seerummaan gama gara garaatiin mullatu ammas xiyyeeffannaa olaanaa kqn barbaadu ta'uufi hordoffiifi deeggarsi taasifamaa ture fixataa ta'uu dhabuun immoo akka hanqinaatti ilaalamee jira.

Murtoo:- Gamoo Waajjira Poolisii Godina Jimmaa haaraa ijaaramu milkeessuu, karoora bara 2019 xumuruu, ummatni Godinichaa aadaa hojii fi qusannaa jabeeffatee tajaajila faayinaansiis akka argatu gochuu, haaromee milkeessuu, tuurizimii tokko ganda tokkoof, ijaarsa manneen kuusaa gandatti sadi, buufataalee biqiltuu torba ganda hundatti, tajaajila MESOB aanaa fi magaalota hundatti, giddu gala gabaa tokko aanaa hundatti, dijitaalessuu aanaalee hundatti, mandara moodeela tokko ganda hundatti, Tajaajila Lammummaa Gannaa fi Bonaatiin manneen harka qalleeyyii magaalota Godinichaa hunda keessatti manneen 20 ijaaruu, mootoo Bulchuun Nageenya jedhu iddoo hundatti hojiirra oolchuudhaan nageenya Godinichaa daran waaressuun akka murtootti mana marichaatiin darbee jira.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa, hojiiwwan misoomaafi nageenyaa hojjetaman milkeessuu keessatti hojiin ijaarsaaf siyaasaa itti fufiinsaan hojjetamu qooda olaanaa akka qabu himanii, hoggansi sadarkaan jirus qindoomina olaanaan hojjechuun baayyee barbaachisaa akka ta'e dubbataniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, murtoowwan mana marichaatiin darban kana hojiirra oolchuudhaaf nageenya irratti xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamuu qaba jedhanii, hojiiwwan karoorfaman hunda kallattii kaa'ameen raawwachuun baayyee barbaachisaadha jedhan.

Hojii galiiwwanii qindoominaan raawwachuu, gama qonnaatiin kallattii galmoota afran milkeessuun danda'amuun raawwachuu, akkasumas seektaroota hunda keessatti inisheetiivota harcaatii tokkoon maletti raawwachuu, qusannaa hawaasaa jabeessuuf xiiqiin hojjechuun dhimma murteessaa ta'uus dubbataniiru.

Xumura irrattis ummata diinagdeen gahoomsuu, barnootaaf teeknooloojii irratti xiyyeeffannaa addaatiin hojjechuu fi hojii sirna cimaa ijaaruuf taasifamaa jiru milkeessuuf hoggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannaa addaatiin raawwachuu akka qqbu Obbo Tijjaaniin kallattii kaa'aniiru.

Manni marichaas gabaasa seektarootaa dhiyaatee fi murtoowwan dhiyaatan sagalee guutuun raggaasisee jira.

Want your organization to be the top-listed Government Service in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Jimma