Daanii
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Daanii, Tour Agency, Sebeta.
?
_________
Kan ati maasii jettu
Barii karaan fixeensa
Kan ati gaarii jettu
Tarii garaan bineensa
Afaan banee wakabee
Waan siif oo'u fakkaata
Rakkina kee yoo argu
'Maarshii' sagaliin kaata
Gaafa sicina jiru
Afaan dhadhaa odeessa
Xiqqooshee sirraa siqnaan
Kiyyoo shan siif qopheessa
Afaan damma dibatee
Garaa keessatti aada
Jireenya kee balleessuuf
Buusee baaseetu yaada
Toonii tooniin tarreessee
Sirratti fe'a biyyoo
Koodee kiyya siin jechaa
Dura kee kaa'a kiyyoo
Yooomuu hin shallagamu
Garaan namaa fagoodha
Kan garraamii fakkaatus
Darbee darbee hamoodha
Akka hin qabuuf malee
Namni maal naman goone
Nama jechuun bofadha
Bofa garaan hin loone
Garuu hunda miti! Waliif qoodaa!
06/04/2022
Oromiyaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Sebeta