Mekane Yesus Galan Furi Congregation

Mekane Yesus Galan Furi Congregation

Share

15 Inni, "Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa!

21/03/2026

WKWWMYI'tti Tartiiba Kabaja Ayyaana Dargaggootaa kan Bara 2018ALI
(Bitootessa 21-27, 2018ALI)

• Wiixata/Dafinoo, Bitootessa 21, 2018ALI: Soomaa fi Kadhataan (tajaajila hundagaleessa Waldaa Kiristaanaatiif: tajaajila hojii misiyoonii Wangeelaa biyya keessaa fi biyya alaatiif, hojiilee misoomaa fi hawaasummaatiif, waa'ee haala yeroo biyaatii fi guutuu addunyaatiifi kkf)
• Kibxata/Facaasaa, Bitootessa 22, 2018ALI: Hojii Qulqullinaa fi Eegumsa Naannootiin (Naannoo waldaa amantootaa, naannoo jiraannutti, mandaroota fi magaalotatti...)
• Roobii, Bitootessa 23, 2018ALI: Qophiilee fi Dorgommiiwwan Ispoortii Garagaraatiin (sosochii qaamaa, kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, fiigicha, harkisa funyoo fi kkf...)
• Kamisa, Bitootessa 24, 2018ALI: Qophiiwwan Og-barruu fi Aartii garagaraatiin (Faarfannaa, walaloo, diraamaa, tapha gaggabaabaa, gaaffii fi deebii, wal-dorgommii fakkii fi kkf...)
• Jimaata, Bitootessa 25, 2018ALI: Duula Tajaajija Wangeela Labsuutiin (naannoo keessa jiraannutti, mandarootaa fi magaalotatti, miidiyaa hawaasaatiin fi kkf'n Wangeela labsuudhaan)
• Sanbata Duraa/Xiqqaa: Bitootessa 26, 2018ALI: Konfiraansa hundagaleessaa fi galii walitta qabuudhaan (tajaajila dargaggootaa sadarkaa sadarkaadhaan jiru deeggaruudhaaf),
• Dilbata/Sanbata Guddaa Bitootessa 27, 2018ALI: Konfiraansa hundagaleessaa fi xumura ayyaanichaa

Milkaa'aa Nuuf Haa Ta'u!
''Ayyaanni Gooftaa Yesuus isin wajjiin haa ta'u!'' 1Qor. 16:23

EECMY Youth Ministry
https://t.me/eecmyyouthministry

12/10/2025

Sagantaa Eebba Kitabaa kan H/W Dabalaa Qana'aa bareeffame kan mata dureen isaa "ALBUUDA HAGUUGAME" jedhu Gaafa Onkololeessa 12/2025 haala gaariin eebbifameera. Namoonni sagantaa keenya irratti argamtan hundi keessan Waaqayyo guddaa isin haa eebbisu jenna. Akkasumas hirmaachuu otuu fedhii qabdanii haala garaagaraan otuu hin argamiin haftan isinis Waaqayyo isin haa eebbisu jenna.

Want your place of worship to be the top-listed Place Of Worship in Sebeta?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address


04 Kebele
Sebeta