Oro Tv
oro tv kessan. mara kaa oromoti peji kana wolin haa guddifnu
17/10/2021
Umuriin isaa waggaa 15. Sabni isaa Oromoo dha. Dhaloonni isaa Nageellee,Arsii dha. Mootummaan abba irree Abiyi dirqiidhaan daa'ima kana qabe gara lola Kaabaatti erge. Bakka lolati TPLFn booji'ame ijaa, afaan fi funyaaniin boo'a.
Ijoollee daa'ima akkasii gara itti dhukaasan hin beekne lola irratti bobbaasaa, as deebi'anii Ittiin dhaadatu!!.
17/10/2021
Jaalalleen / Niitin Kee Nama Biraa
Jaalattee Akka Jirtu Beektaa ?
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
◉ " Ishiin anaaf amanamtuudha, onneedhuma ishiirraa
na jaalatti, dhiira kamiyyuu goonkumaa hin yaaddu,
intala amantiitti jabduu taatedha, lubbuu ishiiyyuu
dabarsitee naaf laatti " jettee mudhii kee jabeeffattee
ishiidhaf ragaa ba'uu dandeessa. Intalumti ati akkana
godhattuuf tun osoo dhoksaatti jaalallee akka qabdu
irraa geessee amanuuf si rakkisa. Akkuma dhiiroonni
jaalallee/haadha warraa isaanitiif hin amanamne
dubartoonni tokko tokkoos akkuma dhiiraa kan biraa
waliin buburraaqun ni mul'ata. Siin ala kan biraa yoo
qabaatte mallattoo tokko tokko sitti agarsiisuu
dandeessi.
➲ Amala jijjiirratti. Yeruma ati jalqaba ishiin wal bartu
yookin fuutu walitti dhufeenya dhiirota baay'ee kan
qabdu yoo taate rakkoo hin qabu. Garuu dhiyeenya
kana hiriyoota dhiiraa yoo baay'iste shakkuu qabda.
Oduu yoo dhageesse yookin ishiniyyuu hiriyaa dhiiraa
akka qabdu sitti himnaan hordofuun bayeessa.
➲ Gargaarsa kee hagas mara hin barbaaddu.
Wantoota adda addaa dur si faana kan taasiftu amma
garuu kophaa dhuma ishii dalaguu dandeessi. Qofa
daandidhuma qaxxaamuruuf sitti rarraati. Amma
dhaabuu dandeessi. Yookin nama biraatu bakka kee
bu'ee daandii ceesisaa jira ta'a.
➲ Aaruu ni dhaabdi. Waan feete yoo balleessite omaa
itti hin fakkaatu. Dur yoo ati bilbiluma daftee daftee
bilbiluufii baatte ni aarti. Amma garuu alaa yoo bultee
galte dhimma ishii miti. Jaalala kee fixatteera
jechuudha.
➲ Icciitii eeguu baay'isti. Akka qofaa oolmaa ishii
baay'ee sitti hin odeessitu. Qofa lafumaa kaatee waan
hunda sitti odeessitee si nuffisiistu sun har'a atiyyuu
yoo gaafatte deebii quubsaa argachuu dhiisuu
dandeessa. Sababni isaas waan ati akka hin barre
tokkotu jira yookin tokko faana haasoftee
dadhabdeera ta'a. Bilbila ishii sin tuqsiiftu. Sitti
kennituyyuu password walxaxaadhan kan
cufameedha.
➲ Humnaa ol gaarii siif taati. Yoo ati balleessite siin
hin loltu. Yoo ati waan ishii miitu dalagdeyyuu
kolfiteetuma bira siif dabarti. Garaa si roraasti
gaarummaan ishiin siif taasistu. Osuma dubartii biraa
biratti si agartee yookin dhageesseyyuu callistee si
ilaaluu dandeessi.
➲ Jaalalli ishiin siif qabdu ni dabala. Qofa hojii malee
waa'ee jaalala siif qabduu sitti kaasuu dhiisuu
dandeessi. Amma garuu guyyuma guyyaan sin
jaaladha siin jetti. Bilbilaan si cinqiti. Siree irrattis
jaalala ishii siif ibsiti.
➲
◉ Mallattoo akkanaa omaayyuu waan irratti hin
argineef guutummatti amanuun sirra hin jiraatu.
Akkasumas mallattoo kana hunda waan agarsiiftef
nama biraa jaalattee jirti jettee tokkichaan hin
murteessin. Waanuma dhageessef, agarteef waa
murteessuf hin ariifatin. Hinaaffaa keettiirraayis
madduu danda'a. Waan ofii keetii akkas gootuf ishiis
akkasitti hin yaadin.
◉ Osumayyuu mallattoo kana hunda sitti agarsiiftee,
otuma dhageessee, osuma agartee, osoo jaalallee
biraayyuu qabaattee rakkoon keeti malee kan ishii miti.
Sababiin isaas waan sirraa dhabde tokkotu jira.
Wantoota ishiitti hir'iste hundayyuu gaafadhuu guutif,
dadhabdu sirreessaa deemi. Rakkoo kee garuu
ishuma qofatu beeka.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
43
Doha
56