YASIN ORO

YASIN ORO

Share

Waan Beeknu Barsiisuuf Kan Hin Beekne Barachuu Aadaa ha Godhannu ��

12/08/2023

Namoonni baayyeen erga ati milkoofte harka siif rukutu malee yeroo ati imala milkii abjo'ottu kan sitti qoosutu baayyata✊🏽
Kanaafuu wacaa fi qoosaa namoota abjuunkee hin galleefi waliin yerookee hin gubiin fulduratti tarkaanfadhu.
Abjuunkee sitti mul’ate malee nama biraatti miti, namootni naannookee jiran yoo danda’an si haa gargaaran yoo dadhaban sirraa haa callisan itti himi.
Abjuunkee garuu guddaa fi kan si sodaachisu tahuu qaba, milkaa’uun isaa garuu tasuma hin oolu👊🏼

Milkeessuuf ammoo
💤Itti fufinsaan hojjechuu (Consistency)
🌀Cichoominaan hojjechuu (Commitment)
💠Naamusa olaanaan hojjechuu (Discipline)
Hedduu barbaachisaadha hubadhu, kana dhabuun ammoo abjuu keenya milkii dhorka✍🏼😽
Guyyaa Ajaa’ibsiisaa fi Abjuu keessan milkeessu itti dhamaatan siniif haa tahu. Nagaan oolaa....

WordPress.com: Build a Site, Sell Your Stuff, Start a Blog & More 12/08/2023

ARSII fi SAFUU


Arsiin ilma Ambattoo Dayyooti. Gosa Oromoo baaldhinna lafa qubateefi baay’inna ummataatin guddaa ta’edha.

Arsiin ilmaan lama qaba: Mandoof Siikko.

Siikko ilmaan shan qaba (Shanan Sikkoo):

I. Bullaala

II. Jawwii

III. Ilaani

IV. Wocalee

V. Waaji

Mando ilmaam torba qaba (Torban Mandoo):

I. Raayya

II. Kajawa

III. Utaa

IV. Waayyu

V. Waanama

VI. Harrojji (Biltuu)

VII. Hawaxxuu

Arsiin laga Waabee gamaafi gamana jira. Lafti waabee gamaa Baale yoo jedhamtu ta gamanaa Diida’aa jedhaniin. Gosti Arsii Waabee gama jirtu gamanas ni jirti.

Advertisements

REPORT THIS AD

Arsiin lafa isaa yeroo hedduu:

* Baale

* Gadab

* Albasoo

* Diida’aa

* Laangannoo fi

* Dambal

jedhee maqaa jahan kanaan adda qoodee waama. Haa ta’u malee Caancoo, Booruu, Waayyuu, Duuroo, Laajjo, Fasasa, jedhanii lafa babaldha jahan armaan olii keessatti kan waamamanis ni jiru.



Magaalonniifi aanaaleen akka: Asallaa, Adaabbaa, Sinaanaa, Boqojjii, Itayya, Loodee, Heexosaa, Diigaluu, Xiijoo, Amiinya, Abboosa, Agaarfaa, Eegoo, Haburaa, Heebanoo, Ogolcho, Kuyyara, Leemmuu, Bilbilo, Raayituu, Biltuu, Saddiqa, Silxaanaa, Suudee, Wondoo, Shiree fi kkf hundi isaanii maqaa gosa Arsii kan naannoo sanatti argamuuti.





Arsiin ummata woliin jireenya dinqisiisaa qabu. Ummata aadaa baldhoofi cululuqxuu qabu. Ka tuqan malee nama hin geenne. Ka haqaaf dhugaa isaa irratti du’u. Deegu ka wolii hirphu. Beelayu ka midhaan wolii fe’u. Ka xiqqaa guddaa kabaju. Maatii irra taree kan firaaf gosa soddaa kabaju. Woyyomaaf Siiqqee sodaatu. Ka keessummaa mana isaa bulte horii qaleefi miila dhiqee bulchu. Jaarsi Arsii keessatti kabaja guddaa qaba. Ka dubara dhiiratti fuudhu jaarsa. Ka dubbii hawaasumaa, waldhabdee garagaraa dubbate fixu jaarsa. Jaarsi Arsii biratti ulfaata, kabajaamaa, jaalatamaa.



Masoon yoo kufan waan caban seeti. Nu aadaan, safuun, duudhaan teenna baddeef aarree dubbannaa, gariin keessa lufee jibbaa ummata keenyaaf qabu video Shaashamannee saniin ibsataa jira.

Advertisements

REPORT THIS AD
Share this:
TwitterFacebook

Related
Jireenya Badhaatuu
November 28, 2018
Ibsaa Jireenyaa
December 14, 2018
{ JEECHOOTAA HAYYOOTAA } ■■■■■■■■■■■■■■■■■■■ \\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\\ ●-Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo, gadda waggaa tokkootti jijjiirama! ●-Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoo hin taane, nama sammuu hiyyoomeedha! ●-Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti! ●-Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si muudatan kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti! ●-Addunyaa kana irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu! ●-Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu! ●- Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta’u, garuu ufii isaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo irraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha! ●-Kan nama qaanessu ba’aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha! ●-Yoo rakkoon wahii si muudate rakkoo si muudate saniif yaaduu osoo hin taane, akkaataa rakkoo si muudate san keessaa itti baatu yaaduu qabda! ●-Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti addunyaa naannofti! ●-Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta’uu kan hin dandeenye yoo ta’u, balleessaan kee ta’uu kan danda’u kuftee yoo achitti hafteedha! ●-Wal beekuu irra, walii beekuu wayya! ●-Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu! ●-Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmanneef uf gooti! ●-Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana keessa jiruudha! ●-Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessa irra qophatan osoo hin taane, namoota akkaataa isan addeessa irra ittiin qophatan barsiisaniidha! ●-Addunyaan tun sirraa waan tokko eegdi waan ta’eef, waan gaarii tokko hojjadhu! ● Kaayyoo ufii galmaan gahachuuf dhama’uun har’aaf dhandhamni isaa kuraawaadha malee, boru firii fi dhandhamni isaa mi’aawaadha! ●-Nama shakkitu hin mindeessin, yoo mindeessite hin shakkin! ●-Wanti calaqqisu hundi, warqii sitti hin fakkaatin! ●-Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin! ●-Waggatti jiruu dabali malee, jiruutti waggaa hin dabalin! ●-Riqicha muka tokkoo irra osoo hin bahin dura, gorora takka liqimsi! ●-Balbalti carraa takka yoo si jalaa cufamte yoo ati abdii kutuu dhabde, tan biraa siif banamti! ●-Gatii yeroo beekuu yoo barbaadde, atileetii maaykiroo sekondii tokkoof moo’amee badhaasa meedaaliyaa warqii dhabe gaafadhu! ●-Aangoo qubaan si filaniin uf hin tuulin, qubaan irraa si buusaniitii! ●- Beekkumsa qabduun hin boonin, kan si caala beeku heddutu jiraatii! ●-Namni an beekaadhaa ufiin jedhu, wallaalaan akka isaa hin jiru! ●-Hanga dandeessetti bara baraan jireenya kee jijjiiri malee, akka barri wal sitti hin jijjiirre! ●-Barcumaa fi kabaja abbatu uf jalaan deema! ●-Bara rakkoo bishaantu muka namatti kora! ●-Waan garaan namaa baatu, Wadalli Harree hin baatu! ●-Lafa fardi sangaan hin jirre, maxaanatu itti arreeda! ●-Kan ati jechuu qabdu biyyi too maal naa goote jechuu osoo hin taane, an biyya kootiif maal godhe jechuu qabda! ●-Baay’ee haasahuu irra, baay’ee dhageeffachuu filadhu! ●- Hojii guddaa karoorfame irra, hojii xinnoo hojjatametu caala! ●-Bara jireenyaa kee keessatti yeroo dheeraa taa’umsaan dabarsitu irra, yeroo gabaabduu hojiin dabarsitutu bu’aa guddaa siif qaba! ●-Namni sabbata godhatanii mudhiitti hidhatan, Bofa namatti ta’ee nama hidda! ●-Akkuma jaalalli jiru jibbis jira waan ta’eef, icciitii yeroo jaalalaa haasoftan yeroo jibbaa haasahuun wallaalummaadha! ●-Jaalalli dhugaa fageenya karaatiin hin daangeffamu! ●-Jaalalli dhugaa furtuu jireenyati. ●-Jaalalli dhugaa ibsaa addunyaa fi gaaddisa jiruuti! ●-Nama jaalalli dhugaa kuffiseef, guulli harkisa lafaa itti hin gaafatamu! ●-Dhiira qawweef hin jilbiiffannetu, jaalala dhugaatiif jilbiiffata! ●-Yoo nama taate fedhii keetiif osoo hin taane, kaayyoo keetiif dursa kenni! ●-Beekaa jechuun nama dogoggora ufii ufitti. beekee,irraa sirraa ●-Moo’uu jechuun 1ffaa bahuu qofaa osoo hin tanee jijjirramas agaarsisudha ●-Obsii guddan dhagaa yoo affeelu aarin xinnon bishaan bobeessiti! ………………………………………. ■■Waan dubbiftaniif, galata guddaa qabdu!!! .share & like Maddi Hayyoota irra.
December 5, 2018
Bookmark the permalink.
Post navigation← ArsiJireenya Badhaatuu →
Advertisements

REPORT THIS AD
A WordPress.com Website.

WordPress.com: Build a Site, Sell Your Stuff, Start a Blog & More Create a free website or build a blog with ease on WordPress.com. Dozens of free, customizable, mobile-ready designs and themes. Free hosting and support.

Want your school to be the top-listed School/college in Jeddah?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address


Saudi Arabiaa
Jeddah
22230