Dasee Js
King king
27/01/2026
๐๐๐๐ฎ๐ฎ 1๐ณ๐ณ๐ฎ๐ฎ ๐ฆ๐ฒ๐ฒ๐ป๐ฎ๐ฎ ๐๐ฒ๐ป๐ฒ๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐น ๐ง๐ฎ๐ฎ๐ฑ๐ฑ๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ
Taaddasaan bara Hayilasillaasee keessa Impaayera Itoophiyaa keessatti kutaa bulchinsaa Shawaa keessatti kan argamtu Salaaletti dhalate. Abbaan isaa obbo Birruun waraana xaaliyaanii irratti summii gaaziitin(poison gas) du'an. Haati isaa ammoo gadda kanarraa ka'uun ji'a sadi'i booda du'an.
๐๐ผ๐น๐๐๐ ๐ง๐ฎ'๐๐๐๐ฎ๐ฎ
Erga warri isaa dhumanii booda, Taaddasaan wasiila isaa Beekaatti kan miseensa Arbanyoochi, riphxee-loltoota Xaaliyaanii lolan, turetti dabalame. Boodarras qabamee hidhaan umurii guutuu fi hojii humnaa itti murtaa'ee Moqaadishoo, Somaaliyaatti hidhame. Amma Biriitish bara 1940 Moqaadishoo qabattee bilisa ba'utti achi ture. Taaddasaanis erga hiikkamee booda leenjii waraanaa Keeniyaa deeme fudhatee bara 1941tti Itoophiyaatti deebi'e. Achii gara sadarkaa liyuutenaantiitti ol guddatee Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaatti galmaa'e. Achi keessatti akka barsiisaatti yeroo dheeradhaaf tajaajillaa ture.
Bara 1954tti, Taaddasaan gara liyuutenaant koloneelitti guddatte; waraanarraas gara humna poolisiitti jijjiirramee. Humna poolisii akka ammayyomsuufis dirqamni itti kenname. Dura ta'aa "Faxnoo-Daraash(Rapid Forces)" ta'ee muuddame. Fonqolcha mootummaa bara 1960 fashaleessuu keessattis ga'ee guddaa tabatee amanamummaa Hayilasillaaseef qabu agarsiise. Yeroodhuma dura-ta'aa "Faxnoo-Darash" ture kanatti lammii Afrikaa Kibbaa sirna Apaartaayidiin qabsaa'aa ture Niilsen Maandeellaa leenjise. Shugguxii Liliesleaf jedhamtu kan Maandeelladhaa kennes isa ture. Taaddasaa Birruu bara 1953tti gara Birgaader Jeneraalitti ol guddate. Yeroo kana inni dura ta'aa "Faxnoo-Daraash", itti aanaa komishinerii Humna Poolisii Biyyaalessa, ajaajaa waraana naannoo fi dura-ta'aa Duula Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaalessaa ture.
๐ช๐ฎ๐น๐ฑ๐ฎ๐ฎ ๐บ๐ฎ๐ฐ๐ฐ๐ฎ๐ฎ ๐ณ๐ถ ๐ง๐๐๐น๐ฎ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐ธ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ
Taaddasaa Birruu jalqaba sochii sabboonummaa Oromoo hin balaaleffata ture. Erga muummicha ministeeraa Akliluu Habtawaldi wajjin
27/01/2026
Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina Wallagga Lixaa naannoo Gimbii ganda karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.
Abbaansaa fi harmeensaa walitti aansuun duโaan irraa adda baanaan Baaroon obbolootasaa lamaan Raaheel fi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessasaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti isa fidan.
Barnoota Isaa
Barnoota Isaa
Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa Makaana Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Finfinnee seenudhaan barnoota faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hin turiin yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jalqaba fudhate. Baaroon egaa turtiisaa yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaaโaa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarratti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pirezidaantii taโuudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee Yuunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa taโuudhan hojachaa ture.
Qabsoo Keessa Seenuusaa
Baroota kana keessatti baayโinni barattoota Oromoo yuunivarsiitii keessatti haa xiqqaatuyyuu malee, warruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Walโaansoon barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hin turiin ifatti baโuudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hin taane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuu
27/01/2026
โ๏ธ
Guyyaa 3 Asitti Albuuda Jiruu Kee Fi Maatii Kee Jijjiiruu Danda'u Harka Kee Haa Galchu.๐
As tuquun JOIN godhaa carraa qarshii yaalaa.๐ฅฐ
๐
https://t.me/Hap44lato
27/01/2026
Gootichi Oromoo Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo Amuumaa Naannoo Haramaayaa bakka hubata ja'amtutti dhalate. Alagaan garuu seenaa tana dabsuuf lafa tana Hubat jattee maqaa itti moggaafte. Hubata jechuun Afaan Oromoo qulqulluudha. Hubataa jechuudha.
San malees Imaam Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo ilma Garaadichaatiis kan ofii godhuuf qaadhimteeti asoosama sobaa hedduu barreeysite. Eenyummaa namaatii fi lafa nama maqaa dabsanii hatuun hin taatu. Seenaa qabaannaan tanuma ofii barreeyfachuudha.
Seenaa Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo tan ida'ataa gabaan isiniin ja'a. Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo ilma Garaadaati. Bara jireenya isaa Hawaasa Naannawa Hubataa biratti Ahmed Ibraahim Garaadoo jechuun beekkama. Maqaan kun Garaadummaa Abbaa isaarraa kan moggaafame tahuu isaati. Adeerri isaa Harbuu Ahmed Garaadoo ja'ama. Harbuu jechuun maqaa Mukaati.
Bara dur Maqaan Oromoo irra guddina maquma mukaatiin moggaafama. Ammallee numa jira. Haati Ahmed Ibraahim Garaadoo Shamsiyaa ja'amti. Gargaaraa waraanaa ture Umar Dambaraa ja'ama. Akka namni Seenaa tana lafa kaaye ja'utti Dambaara jechuun Daangaadha. Dambaara jecjuun Afaan Oromoo Oromoonni dur itti fayyadamaa turani.
Dhaabni Imaam Ahmed Ibraahim Garaadoo hundeeysee hogganaa turees Walsiimaa ja'ama. Walsiimaa jechuun walfudhachuu jechuudha. Barreeysaan kun Haadha Mana isaatiis hiikkaa wajjiin lafa kaahe. Akkuma hundi keenya beeynu Haati mana isaa Baatii Waanbaraa ja'amti.
Barreeysaan kun qorannoo gad-fagootiin seenaa tana barreeyse/lafa kaaye/ Haaluma kanaan Baatii Waanbiraa je'ee hiikkaa wajiin sirreeysee barreeyse. Kanaafiis Baatii jechuun ji'a, Waanbiraa jechuun haala gaariidha jechuudha je'eeti haala nama fudhachiisuu fi ragaa qabuun barreeyse.
Madda seenaatiif hin rakkatinaa. Yoo Rabbi je'e madda seenaa qilleensarratti osoo hin tahin kitaabaan bash-bash*tti as baafnaa.
Ebla 14, 2025
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Riyadh