Dasee Js

Dasee Js

Share

King king

27/01/2026

๐—ž๐˜‚๐˜๐—ฎ๐—ฎ 1๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ฆ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—๐—ฒ๐—ป๐—ฒ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—น ๐—ง๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ

Taaddasaan bara Hayilasillaasee keessa Impaayera Itoophiyaa keessatti kutaa bulchinsaa Shawaa keessatti kan argamtu Salaaletti dhalate. Abbaan isaa obbo Birruun waraana xaaliyaanii irratti summii gaaziitin(poison gas) du'an. Haati isaa ammoo gadda kanarraa ka'uun ji'a sadi'i booda du'an.

๐—Ÿ๐—ผ๐—น๐˜๐˜‚๐˜‚ ๐—ง๐—ฎ'๐˜‚๐˜‚๐˜€๐—ฎ๐—ฎ

Erga warri isaa dhumanii booda, Taaddasaan wasiila isaa Beekaatti kan miseensa Arbanyoochi, riphxee-loltoota Xaaliyaanii lolan, turetti dabalame. Boodarras qabamee hidhaan umurii guutuu fi hojii humnaa itti murtaa'ee Moqaadishoo, Somaaliyaatti hidhame. Amma Biriitish bara 1940 Moqaadishoo qabattee bilisa ba'utti achi ture. Taaddasaanis erga hiikkamee booda leenjii waraanaa Keeniyaa deeme fudhatee bara 1941tti Itoophiyaatti deebi'e. Achii gara sadarkaa liyuutenaantiitti ol guddatee Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaatti galmaa'e. Achi keessatti akka barsiisaatti yeroo dheeradhaaf tajaajillaa ture.

Bara 1954tti, Taaddasaan gara liyuutenaant koloneelitti guddatte; waraanarraas gara humna poolisiitti jijjiirramee. Humna poolisii akka ammayyomsuufis dirqamni itti kenname. Dura ta'aa "Faxnoo-Daraash(Rapid Forces)" ta'ee muuddame. Fonqolcha mootummaa bara 1960 fashaleessuu keessattis ga'ee guddaa tabatee amanamummaa Hayilasillaaseef qabu agarsiise. Yeroodhuma dura-ta'aa "Faxnoo-Darash" ture kanatti lammii Afrikaa Kibbaa sirna Apaartaayidiin qabsaa'aa ture Niilsen Maandeellaa leenjise. Shugguxii Liliesleaf jedhamtu kan Maandeelladhaa kennes isa ture. Taaddasaa Birruu bara 1953tti gara Birgaader Jeneraalitti ol guddate. Yeroo kana inni dura ta'aa "Faxnoo-Daraash", itti aanaa komishinerii Humna Poolisii Biyyaalessa, ajaajaa waraana naannoo fi dura-ta'aa Duula Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaalessaa ture.

๐—ช๐—ฎ๐—น๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ ๐—บ๐—ฎ๐—ฐ๐—ฐ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ณ๐—ถ ๐—ง๐˜‚๐˜‚๐—น๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ

Taaddasaa Birruu jalqaba sochii sabboonummaa Oromoo hin balaaleffata ture. Erga muummicha ministeeraa Akliluu Habtawaldi wajjin

Photos from Dasee Js's post 27/01/2026

Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina Wallagga Lixaa naannoo Gimbii ganda karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.

Abbaansaa fi harmeensaa walitti aansuun duโ€™aan irraa adda baanaan Baaroon obbolootasaa lamaan Raaheel fi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessasaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti isa fidan.
Barnoota Isaa

Barnoota Isaa
Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa Makaana Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Finfinnee seenudhaan barnoota faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hin turiin yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jalqaba fudhate. Baaroon egaa turtiisaa yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaaโ€™aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarratti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pirezidaantii taโ€™uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee Yuunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa taโ€™uudhan hojachaa ture.

Qabsoo Keessa Seenuusaa

Baroota kana keessatti baayโ€™inni barattoota Oromoo yuunivarsiitii keessatti haa xiqqaatuyyuu malee, warruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Walโ€™aansoon barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hin turiin ifatti baโ€™uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hin taane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuu

27/01/2026

โ—๏ธ
Guyyaa 3 Asitti Albuuda Jiruu Kee Fi Maatii Kee Jijjiiruu Danda'u Harka Kee Haa Galchu.๐Ÿ™

As tuquun JOIN godhaa carraa qarshii yaalaa.๐Ÿฅฐ
๐Ÿ‘‡
https://t.me/Hap44lato

27/01/2026

Gootichi Oromoo Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo Amuumaa Naannoo Haramaayaa bakka hubata ja'amtutti dhalate. Alagaan garuu seenaa tana dabsuuf lafa tana Hubat jattee maqaa itti moggaafte. Hubata jechuun Afaan Oromoo qulqulluudha. Hubataa jechuudha.

San malees Imaam Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo ilma Garaadichaatiis kan ofii godhuuf qaadhimteeti asoosama sobaa hedduu barreeysite. Eenyummaa namaatii fi lafa nama maqaa dabsanii hatuun hin taatu. Seenaa qabaannaan tanuma ofii barreeyfachuudha.

Seenaa Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo tan ida'ataa gabaan isiniin ja'a. Ahmed Ibraahim Abdii Hassan Horoo ilma Garaadaati. Bara jireenya isaa Hawaasa Naannawa Hubataa biratti Ahmed Ibraahim Garaadoo jechuun beekkama. Maqaan kun Garaadummaa Abbaa isaarraa kan moggaafame tahuu isaati. Adeerri isaa Harbuu Ahmed Garaadoo ja'ama. Harbuu jechuun maqaa Mukaati.

Bara dur Maqaan Oromoo irra guddina maquma mukaatiin moggaafama. Ammallee numa jira. Haati Ahmed Ibraahim Garaadoo Shamsiyaa ja'amti. Gargaaraa waraanaa ture Umar Dambaraa ja'ama. Akka namni Seenaa tana lafa kaaye ja'utti Dambaara jechuun Daangaadha. Dambaara jecjuun Afaan Oromoo Oromoonni dur itti fayyadamaa turani.

Dhaabni Imaam Ahmed Ibraahim Garaadoo hundeeysee hogganaa turees Walsiimaa ja'ama. Walsiimaa jechuun walfudhachuu jechuudha. Barreeysaan kun Haadha Mana isaatiis hiikkaa wajjiin lafa kaahe. Akkuma hundi keenya beeynu Haati mana isaa Baatii Waanbaraa ja'amti.

Barreeysaan kun qorannoo gad-fagootiin seenaa tana barreeyse/lafa kaaye/ Haaluma kanaan Baatii Waanbiraa je'ee hiikkaa wajiin sirreeysee barreeyse. Kanaafiis Baatii jechuun ji'a, Waanbiraa jechuun haala gaariidha jechuudha je'eeti haala nama fudhachiisuu fi ragaa qabuun barreeyse.

Madda seenaatiif hin rakkatinaa. Yoo Rabbi je'e madda seenaa qilleensarratti osoo hin tahin kitaabaan bash-bash*tti as baafnaa.


Ebla 14, 2025

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Riyadh?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Riyadh