Gadisa sabaa

Gadisa sabaa

Share

Photos from Gadisa sabaa's post 30/05/2024

Qe’ee ulfoo jararraan
Nuuf baatu aduuf jiinii
Araddaa eebbifamaa
Harargee biyyi diinii,

Dirqamaan daangeffamee
Oomisha ofii gurguruu
Gaafa beelli hiraarsee
Akkasittiin hunkuru...
Warri ofirra darbanii
Kaleessa orma sooran
Beelaan manaa ba’anii
Gaafa daandiirra jooran,
Arguun nama gaddisisa
Garaa nama belbelcha
Gaddatu daangaa taree
Ibsamuuf dhaba jecha.

Madda galii hawaasaa
Albuuda baha biiftuu
Kan haati hiyyeessaa ittiin
Qoonqoo ilmaan-shee jiiftu.
Gombisaa qomoo keenya
Warra Afraan Qalloo. Ituu'f humbannaa
Maaddii irraa nyaanne dhiinnee
Maaliif hamaa dubbannaa?
Sona jireenya hawaasaa
Jalaa gogsuun cubbuudha
Jimaan uummata harargeef
Dhimma jiruu; lubbuudha.

Warri jaalala hiran
Gola onnee bananii
Ardaan gootota hedduu
Maaddiin quufaaf qananii,
Qe’een Elemoo Qilxuu
Kan Jaarraa Abbaa Gadaa
Caba sabaa okkolaa
Nuuf kulkulfataa madaa
Dhiibbaa duriiyyuu moo’ee
Har’a harka keenyaan badaa?

Akaakileen Sheek Bakrii
Ijoolleen Bakar Waaree
Falma Abbaa biyyummaaf
Dhugaa turanii raaree
Bu’aa aarsaa baasanii
Gidirfamuun jiraaree?

Soorri lubbuu hawaasaa
Labsii dabaan maaf gu’a
Oromoon Afran-qalloo
Beelaaf dheebuun maaf du’a?

Elaamee.....

Qaamni dhimmichi laalu
Dhuunfaas ta’u mootummaan
Irra dedeebiin yaadaa
Siniin jenna kootummaan,
Lameen waliif bu’uraa
Ummata harargeef jimaa,
Oksijiinii fi somba
Addaan baasuun ni cimaa,

Qabeenyi hawaasa kanaa
Wabii saba hundaatii,
Dinagdee biyyaatiifuu
Jimaan lafee dugdaatii,
Waanuma facaasantu
Hudhee namaaf daraaraa
Hin beelessinaa lakkii
Qe’ee nagaaf araaraa!

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Riyadh?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Riyadh