Waadaa Fannoo Jalaa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waadaa Fannoo Jalaa, Religious organisation, Juba.
15/05/2025
🔈AAGA DHAGAHAA🔈
''Faarfannaa Haaaraadhaan Waaqayyoon Faarfadhaa!!''
~ Isa42:10
✔️Ergaa missiiraachoo; Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti faarfattoota Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddicha fi Kolleejjiiwanii-YMMGK tiin kan qophaa'e Faarfannaawwan MKOTI Haaraa Sadii eebbisuuf qophiin hundi xumuramee isin eegaa jirra.
✝️ YMMGK (Xoofoo Sillaasee), bara 1997 irraa eegalee umurii isaa waggaa 20 keessatti hojiiwwan hedduu egeree mana kiristaanaaf wabii ta'an hojjechaa kan ture yoo ta'u, bara 2011 irraa kaasee karaa Channel Telegram 'Caffee Mooraa Jimmaa ()" tajaajila bal'aa kennaa kan ture; kana dura kitaabolee lama, ''Kiristaanummaa Gochaa'' fi "Hangafa Diyaaqonootaa Habiib Giyoorgis fi Hojiiwwan Isaa" hiikuun kan maxxansiise, ammas akka fedhaa fi hayyama Waaqayyootti tajaajila haaraadhaan ergaa missiraachoo isiniif qabatee dhufee jira.
❗️Eebba Faarfannaawwanii❗️
⏰ Dilbata guyyaa 10/09/2017ALI guyyaa keessaa sa'aatii 07:00'tti
📍 Warreen qaamaan argamanii eebbisaniif Magaalaa Jimmaa, Galma kutaa lallaba Jimmaatti yoo ta'u warreen fagoo jirtaniif immoo karaa YouTube Miidiyaa Sootiriyaa nu eegaa.
⚜️ https://youtube.com/⚜️
✔️ Maarree isinis irratti argamuun akka itti eebbifamtaniif jaalala Gooftaan affeeramtanii jirtu.
Kan nu gargaare kan nu gargaaru kan nu qajeelchu Waaqayyo Uumaaf, deessuu haadha isaaf, Ulfaataa Fannoo isaaf galanni haa ta'u. Aameen
Koree Eebba Faaruu Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddichaa fi Koollejjiiwwanii Jimmaa.
Jimma, Itiyoophiyaa
18/04/2025
Jaalalli isa moo'ee || ፍቅር አሸንፎት
Wayyoo Samii irraa gadi bu'ee
Jaalalli isa moo'ee
Waadaa Addaamiif galeen dhiigni isaa dhangala'e
Addunyaa fayyisuuf dhiigni isaa lola'e x2
Wayyoo Foon namaa uffatee dadhabaa fakkaate
Wayyoo Waaqni uumaan keenya tola nu jaallate
Wayyoo Gidiraa biyya lafaa hunda isaa simate
Wayyoo Litoosxiraa kaasee Goligootaa qubate
Wayyoo nu fayyisuuf jecha nuuf obseera Gooftaan
Wayyoo Seexana salphise hojii Waaqummaasaan
Wayyoo maaloo nuuf jedheetu beela’ee dheebote
Wayyoo badii hunda keenyaaf Fannoo guddaa baate
Wayyoo fuula Museen hawwe jibbaan kabalani
Wayyoo hunda kan mi’eessu hadhooftuu obaasani
Wayyoo urjiileen harca’uun aduun dukkanoofte
Wayyoo qomoo Yihudootaa hundaa ni salphiste
Wayyoo kan jaalalli moo'ee fide gara keenyaa
Wayyoo cubbuu keenya baatee kan nuuf ta'e beenyaa
Wayyoo qabanii fannisan hattoota gidduutti
Wayyoo yakka osoo hin qabaatiin akka yakkamaatti
Wayyoo du’a ilmaan namaa ofitti fudhachuun
Wayyoo gidiraa keenya hunda Fannoo irratti baachuun
Wayyoo cinaacha isaa mirgaa eeboon waraanname
Wayyoo addunyaa fayyisuuf du’ee awwaallame
F/ttuu Xirunash Gaaddisaa
Bitootessa 2017ALI
*✝️*✝️*✝️*
Jaalalli Isa Moo'ee // Faaruu Baganaa Haaraa // F/ttuu Xirunash Gaaddisaatiin Faaruu Baganaa Haaraa kan Afaan Oromoo Faarfattuu Xirunash Gaaddisaatiin.Tajaajila karaa Istuudiyoo Sootiriyaa kennamu argachuuf liinkiiwwan armaan gadii fay...
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Culinary Team
Attire
Contact the place of worship
Telephone
Website
Address
Juba