Muslim Sound Record

Muslim Sound Record

Share

it is islamic entertainment channel that is dedicated to share dawa or reminders in a funny and ente

09/04/2022

Dhimmi;-Deeggarsa Gaafachuu Ilaala
Faawundeeshiiniin Ko/Aliyyii Cirrii hayyama qaama seerummaa baafachuun eega hujii galee waggaa tokkoo ol laakkofsisee jira. Haata’u malee hanga ammaatti kappitaala jalqaba miseensota faawundeeshiinichaa irraa walitti qabamee fi deeggarsa muraasa dhaabbileen miti mootummaa akka keessanii nuuf taasisaniin kan socho’aa jirruudha malee fandii hin arganne.Haaluma kanaan hujiin ijoon faawundeeshiiniin keenna hojjatu keessaa daa’imman harka qalleeyyii nyaataa fi paamparsii gargaaruun akkasumas akkaataa qulqullinnaa fi qabannaa guddiisa daa’immanii irratti hubannoo haawwootaaf kennuu irratti aanaa Dallo Mannaa ganda Cirrii fi M/Walaabuu ganda Maddaa irratti kan hojjataa kan jirru ta’uudha.
Akkuma beekkamu bara kana sababa roobni dhabamuutiin miidhaan waan badeef beelli jabaan hawaasa kana gaaffii keessa kan galchee fi keessattuu daa’imman hedduun yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uudha.Kanaafuu isinis kanuma nuuf hubattanii daa’imman kanneen akka lubbuu isaanii baraaruu dandeennuu qarshii kuma dhibba afurii fi saddeettamii lamaa fi dhibba tokko(482,100)lakkofsa akkaawuntii Faawundeeshinichaa _____________irratti galii gochuun deeggarsa lammiif akka gootan maqaa hawaasa Godina keennaa hoongeen miidhamee deeggarsa lammii eeggataa jiruun isin gaafachaa mata dureewwan baasii unkaa fuula tokko xalayaa tanaanaan walqabsiifnee kan isiniif ergine ta’uu kabajaan isinbeeksifna.
Naga Wajjiin

Want your establishment to be the top-listed Arts & Entertainment in Istanbul?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


Turkey Istanbul
Istanbul