Leta Kenei Aga

Leta Kenei Aga

Share

Poet and author

06/18/2026

"GAAFTOKKO...!"

Kun mata duree kitaaba walalooti.
Gaaftokko kan jirutu bada, gaaftokko kan badetu gala. Gaaftokko kan dhaabatu ni kufa, gaaftokko kan kufe ni ka'a. Gaaftokko kan hir'atetu guuta, gaaftokko kan guutetu hir'ata.

Gaaftokko kun mataansaayyuu gaaftokko!

gurbaa qaxalee lobobni walaloo irraa boba'udha. Dhaloota abdii borii, warra ani taa'ee eessa akka ga'an abdadhu keessaa nama tokko! Dhama addaatiin, akka addaatti walaloo barreessa!

Kunoo kitaabni isaa jalqabaa, "GAAFTOKKO" jedhu, gaaftokko sun ga'ee eebbaaf qophaa'ee jira!

Gaaftokko sun dhufu kana (Waxabajjii 14, 2018)
Guyyaa sa'atii 7:00
Bakki: Galma guddaa magaalaa Naqamtee

Warri Naqamteefi naannoo sana jirtan dhangaa kanarraa hin hafiinaa!

Galatoomaa!

06/12/2026

Suura kana ilaaleen sirboota lama kan waa'ee araqee sirbaman; garuu kan wal faalleessan yaadadhe.

1.
Si hin dhiisu yaa araqee
Nama si dhiise 'bashiitaatu' xarage...

2.
Ergan araqee dhiisee
Cinaachi koo lafa ga'ee ciise..

Isa kam keessa jirta ati?😊

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Dallas?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Dallas, TX