Boonaa Qeerroo Rasuulaa ﷺ
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Boonaa Qeerroo Rasuulaa ﷺ, Public Figure, Dallas, TX.
03/28/2023
Zaid bin Khalid Al-Juhani irraa odeefame (Rabbiin ol tahe isa irraa haa Jaalatu);
Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana ja'an; "Namni nama somanaan ooleef nyaataa qopheesse (fursiise), nama san waliin galata(mindaa) wal qixa qaba minda nama inni fursiisee san irraa wanti tokkolleen osoo hin irratin.
At-Tirmizii 807 (Sahih).
03/28/2023
Abdullah Ibn Abbas (رضى الله عنهما)
Irraa odeefame; Nabiyyiin (ﷺ) namoota keessaa akkaan arjaa ture, Ji'a Ramadanaa keessa yeroo Jibril isa bira dhufu caalatti arjaa dha. halkan Ramadaanaa hunda Jibril (A.S) isa bira dhufuu ture hamma jiini dhumutti. Nabiyyiin(ﷺ) Qur’aana Jibriliif qara'uu ture, yeroo jibril isaan wal argu immoo qilleensa saffisaa caala arjaa dha.
Sahih Al-Bukhari 1902
03/26/2023
Abbaa Hureeyraa irraa odeefame (رضى الله عنه),
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana ja'e;
"Somanni gaachena kanaaf namni soome jaartii wajjiin wal-qunnamtii saalaa godhuu dhiisuu (guyyaa jechuu), jecha hamaa jechuu dhiisuu.
yoo namni isaan lole yeroo lama soomaan qaba haa ja'u." Nabiyyiin ﷺ itti dabaluun ni ja'e, "Rabbii lubbuun tiyya harka isaa jirtuun kakkadha, Rabbiin biratti shurufkaa afaan nama sooma someeti bahuutu urgaa Miskii tirra caala.
Rabbiin ol tahe ni ja'e; "Anaaf jecha nyaataa fi dhugaatii fi fedhii isaa dhiise. Somanni kiyya nama soome galata isaa Anaatu galcha, dalagaan gaariin kudhaniin baayyifama."
Sahih Al-Bukhari 1894
03/26/2023
Abu Hureeyrah irraa Odeefame (Rabbiin ol tahe isa irraa haa Jaalatu),
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana ja'an;
"Nama somaneef gammachuu lamaatu jira, gammachuu yeroo somana furuu fi gammachuu yeroo Rabbii isaa argu."
Bukhari& Muslim, Malik, At-Tirmizii, An-Nasa'i fi Ibn Majah.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Dallas, TX