Callaa calloo

Callaa calloo

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Callaa calloo, Shopping & retail, Four Corners, FL.

12/07/2023

Pp n jibbiinsa sanyummaan afaan Oromoo fi ilma Abbaa gadaa ofiin jedhanii Oromoo lafarraa balleessuuf uumamte waraanni pp Godina Shawaa kibba Lixaa magaalaa Walisoo Ganda 03 keessati guyyaa 7bara 2023 waaree booda sa'aa 11 irrati nama nagaa puulii taphachiisee of bulchaa jiru daandumarrati akkuma qoosaa fakkeessuun bira gahanii jilbifadhu jechuun gaaffii tokko malee dargaggoo Naggasuu Nugusee jedhamu mataa isaarrati itti dhokaasuun Aspaaltii gubbaatti dhiigini Oromoo tokko Lola"eera ppn Oromoo fakkaatee dhiiga dhuguun lafee ilmaan Oromoo akkuma salphaati cacabsan tuffii fii abdii kutannaa keessa galteerti , kan biraa ppn Loltoonni ishee Jalaa dhuminaan biyyatii keessaa Aanoota hunda keessaa milishoonni leenji"anii jiran shantama,shantama hataatamaan akka qopheessitan jedhamuun ajajini Shimalis faa qaqabeera dumini abbaa irree kanuma

12/07/2023

π—”π—Ώπ˜€π—Άπ—Άβ€ΌοΈ
( )
Rakkoo Arsii kibbaa bahaa fi Arsii Lixaa keessa deemaa jiru.
Gaafa muddee 6/2023 fi 7/2023 Godina Arsii lixaa Ganda Weeboo Kaakkaatti RIB manneen ummataa 13 ol qabeenyaa mana keessa jiru fi midhaan waliin barbadeessan.
Abbootiin warraa qabeenyaan jala ibiddaan barbada'ee
1,Huseen Qaasiim
2,kadiir Qaasiim
3,Usumaan Qaasiim
4,Gammachuu Huseen
5 Daawud Huseen
6,Suleman Hedoo
7, kadiir Dullee
8,Faaxee Kadiir
9,Huseen Gaayyoo
10,Jamaal Abduu
11,Dhaqabaa Diroo
Haaluma wol fakkatuun Muddee 7/2023 Arsii lixaa ona Gadab Hasaasaa Ganda Hulluuqqootti Humnoonni Moot*mmaa hidhattiin Sirna PP tiksuuf bobba'an ummata nagaa dhoggachuun Qe'ee isaanii irraa buqisuun Qabeenyaan tokko osoo hin hafiin midhaa woliin manneen torbaa ol (7) ibiddaan barbadeesuun dhaga'em.
Abbootii worraa Mannii fi Qabeenyaan jelaa barbada'e
1,Magarsaa Urgeessaa mana sadi(3)
2,Addunnee Magarsaa Mana sadi(3)
3,Tinted Tasfaayee mana tokko(1)

Gaafa guyyaa muddee 6/2023 Godina Arsii ona Shirkaa Ganda soolee cafaatti manneen ummataa hedduun gubachuu fi Manguddoon Ganna 65 Manni jalaa gubate Obbo Aadam Mammadoo bakkuma mana isaa jalaa gubachaa jirutti osoo kadhatu Humnoota mootummaa hidhataniin ajjeefamuu ummata irraa qulqulleeffannera.

Seensa baatii muddee gaafa 4/2023 Ona Arsii Roobee Magaalaa indatoo keessatti namni nagaa tokkoo qaamootuma mootummaa hidhatanii yoo ajjeefaman ilmaan Abashaas bulchaa Ganda 01 magaalaa indatoo Ajje*suu maddeen gabasaniiru.
Magaalaan indatoo guyyaa muddee 4/2023 irraa kaastee RIB irraa qubachuun ummata dorsisaa jirachuunis dhaga'ame.

Muddee 4/2023 Ona Zuwaay Dugdaatti Obboleessi Jaal Nadhii Gammadaa Obbo. Abdulazii Usmaan badii tokko malee lafa hojii daldalaa dukkaana isaa keessaa butamee,guyyoota 3'f Moonaa woraana RIB'tti galfamee doorsiifni irraa ga'uu fi ati obboleessa Nadhii waan taateef iddoo WBO jiru ni beektaa nu geessi jechuun daraaraa turtus guyyaa sadi booda gadhiisaniru.

11/18/2023

(Inbox)πŸ“₯
Waraanni Mattuurraa dhufaa jira jedhamu sun gara Cawwaaqaa 2ffaa ( Guduree) imala jedheen yaada.Waraanni dhufee Daarii Laga Dhidheessaa tabbarra bosona keessa faffacahuun dhokatee jira, Cawwaaqaa seenuudhaanis Waraanni mootummaa maallaqa baankii jiru fuudhanii bahani maanaajerri baankii sanaas Indaalkaachoo jedhama ilma warra kaabaati.

Yeroo ammaa kana Cawwaaqaa dhukaasa cimaatu jira jedhama.

Want your business to be the top-listed Shop in Four Corners?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Four Corners, FL
34747