ForX Entertainment LLC

ForX Entertainment LLC

Share

U.S.-based entertainment media company | Studio in Cairo, Egypt | Finfinne (Addis Ababa), Ethiopia — coming soon.

Photos from ForX Entertainment LLC's post 07/04/2026

Biyya Faransaay tti Hoo'a Cimaa torbee kanaatin Lubbuun Namoota Kuma Lamaa olii dabruun gabaafame.

Biyyoonni Awroppaa baay'een Hoo'a kanaan miidhamanis, adda dureedhaan Faransaay miidhaa hamaaf saaxilamtee jirti.

Akka Dhaabbanii Haala qilleensaa qoratu ibsetti, Waxabajjii 24 fi 25, 2026 magaalaa Paaris, Faransaay keessatti, hoo'i kun gar malee hammaatee ture.

Balaan Hoo'a hamaa kun Biyya Faransaay qofa osoo hin taane, Biyyoonni Awurooppaa adda addaa tempireechara ol aanaa magaalaalee gurguddoo keessatti gara 40°Ctti ol guddate kanaan wal qabatees torbee kana akeekachiisa baasanii jiru.
Akka ejensii metirooloojii biyya Faransaay gabaasetti, Faransaay erga rikoordiin Hoo'a qilleensaa galmeeffamuu jalqabe bara 1947 kaasee, Waxabajjii bara kanaa hoo'a cimaa ta'e keessummeessitee jirti.

Hoo'i seenaa keessatti mudatee hin beekne, kan guyyaafi halkanii, Waxabajjii 17 hanga Waxabajjii 30tti yeroo tokkootti biyyattii harka sadii keessaa harka tokkoo ol miidhee jira."
Biyyattii keessaa dhibbantaa 40% ol ta'an keessatti tempireecharri 40°C si'a tokkoo ol akka caale kan ibse ejensichi, tempireecharri jiddu-galeessaa biyyattii 22.7°C kan ture yoo ta'u, kunis bara 1991 hanga 2020 gadiitiin yoo madalamu 3.8°C ol ka'iinsa akka argisiise ibse.

Magaalaa guddoo Paaris keessatti, daarektaroonni tajaajila awwaalchaa erga reefka awwaalaniin booda ykn gubanii balleessanitti bakka geessan dhabanii rakkachaa akka jiran fi reeffa simachuu dadhabanii gara mana biraatti dabarsaa akka jiran ibsan.

Naannoon Paaris caalaatti kan miidhame yoo ta'u, torbee tokko keessatti duuti namootaa dhibbantaa 63% ol ka'ee jira.
Ejensichi ragaaleen kun hundi guutuu akka hin taane fi lakkoofsi namoota du'anii ragaa jalqabaatii ol ta'uu akka danda'u akeekachiisee jira.

Faransaayitti, Namoota Hoo'aan dhuman males, Kanneen osoo hoo'a baqatanii Bishaan laggeenii kan Too'annaa namaa hin qabne keessa seenanii bishaanin fudhstamanii dhuman 40 ol dabruun gabaafamee jira.

Photos from ForX Entertainment LLC's post 07/03/2026

Biyyi Masrii Gara Marsaa 16ffatti dabarte.

Taphni Masrii fi Awustiraaliyaa Daqiiqaa 120 tti 1 fi 1 qixxee xumuruun Rukuttaa Penalitiitin masri 4 fi 2 n moo'attee gara marsaa itti aanutti dabartee jirti.
Daqiiqaa Musaasa booda.
Arjeentinaa fi Biyyi Xiqqoon Afrikaa Cabo Vardeen waliin morkatu

07/03/2026

Eenyu Heerumta?

Photos from ForX Entertainment LLC's post 07/03/2026

Ispeeni fi Portugal waliin morkatu.
Gareen Biyyaalessa Ispeen Ostiiriyaa 3 fi 0 n injifachuun gara marsaa 16ffatti dabruun ni yaadatama.

Want your business to be the top-listed Media Company in Portland?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


Portland, OR