Oromia Freedom Media
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Freedom Media, Nonprofit Organization, 3904 MLK JR Way S, Seattle, WA.
07/11/2026
Muslimoonni 8,000 ol kan ajjeefaman yakka duguuggaa sanyii Srebrenica yaadannoo waggaa 31ffaa Bosniyaatti kabajame.
OFM:Adoolessa.11/2026.Waraana Addunyaa Lammaffaa booda, Ardii Awurooppaa keessatti duguuggaa sanyii hamaa ta’e keessaa tokko, kan ta'e sirni Yaadannoo waggaa 31ffaa har’a Bosniyaa fi Herzegovinaatti Jiddugala Potocari keessatti gaggeeffameera.
Akka Lakkoofsa Awurooppaanotaatti Baatii Adoolessaa 1995tti, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin “naannoo nageenna qabu” kan moggaafame keessatti, Musliimaa Bosniyaa 8,000 ol ta’an Dhiirotaa fi Daa’imman humnoota Sarb Bosniyaatiin ajjeefamaniiru.
Sirna yaadannoo har’aa irratti, namoonni duguuggaa sanyii kanaan miidhaman dabalataan 10, kanneen eennummaan isaanii qorannoo DNAtiin mirkanaa’e, kabajaan awwaalcha godhaniiru.
Maatii namoonni jalaa ajjeefamanii fi namoonni saganticha irratti hirmaatan dhukkubbiin kun waggoota kurnan sadii booda ammallee haarayatti akka itti dhagahamu himaniiru.
Waggaa waggaan sirni awwaalchaa raawwatamus, reeffi(lafeen)namoota duguuggaan sanyii irratti raawwatame 1,000 ol ta'anii akka hin argamne odeeffannoon bahe ni ifoomsa.
Bakka bu’oonni hawaasa addunyaa ibsa kennaniin, duguuggaa sanyii haaluun nageennaaf balaa guddaa akka ta’e, dhugaa seenaa kunuunsuu fi miidhamtootaaf haqa kennuunis dirqamni akka jiru ibsaniiru.
Duguuggaan sanyii Srebrenica galmee mirga namoomaa irratti madaa dukkanaa’aa ta’ee kan hafe yoo ta’u, maatiin namoota ajjeefamanii addunyaan taatee kana goongumaa akka hin daganne waamicha dhiyeessaa jiru.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg
07/11/2026
Yukireen Misaa’ela Raashiyaa qolachuu hin dandeenne jette.!
OFM:Adoolessa.11/2026.Pireezidaantiin Yukireen Volodymiiyir Zeleniskii biyyi isaanii haleellaa misaa’ela balistikii Raashiyaa irraa guutummaatti of ittisuu akka hin dandeenne ifatti amanan.
Michoonni isii warra dhihaa waadaa seenan waan hin eegneef biyyattiin balaa guddaa keessa jirti jedhan pireezidaantichi.
Ibsa ariifachiisaa miidiyaalee idil-addunyaatiif kennaniin, Pireezidaanti Zeleneskiin hoggantoonni biyyoota dhihaa sirna ittisa qilleensaa ammayyaa waadaa galan hatattamaan akka dhiyeessan cimsanii dhaamaniiru.
Pireezidaantichi Michoonni isaanii waadaa galan kabajuu dhabuu isaanii kan himatan, deeggarsi harkifachuun guyyaa-guyyaan lubbuu namoota qulqulluu galaafataa jira jechuun gadda isaanii ibsaniiru.
Waamicha ariifachiisaa Zeleneskii kana hordofee, gama Moskootii haleellaan afaaniin cimaan darbatameera.
Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariyaa Zakaaroovaan ibsa kennaniin bulchiinsa Kiyeev fi pireezidaantii isii cimsanii qeeqaniiru.
Inni qaama ummata Yukireenitti maxxanee dhiiga isaanii dhuguun quufuu kan hin dandeennee 'Injiraan'(Tick)dha. Ummata ofii wareeguun biyya isaa dhiigsisaa jira jedhan Zakharovan.
Dubbi himtuun kun itti dabaluudhaan Zeleneskiin nageenna ummata Yukireen tuffachuudhaan dantaa siyaasaa biyyoota dhihaa tajaajilaa akka ture dubbataniiru.
Ibsi cimaan gama lameen jidduutti waljijjiiran waldhabdee ol'aanaa gama waraanaa irratti mul’atu kan calaqqisiisu ta’uu himama.
Yukireen madaallii humnaa waraana kana jijjiiruuf deebii ariifataa biyyoota dhihaa irraa eegaa osoo jirtuu, haleellaan tarsiimoo Raashiyaa cimee jira.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the organization
Telephone
Address
3904 MLK JR Way S
Seattle, WA
98108
Opening Hours
| Monday | 8:30am - 8pm |
| Tuesday | 8:30am - 8:30pm |
| Wednesday | 8:30am - 8pm |
| Thursday | 8:30am - 8pm |
| Friday | 8:30am - 8pm |
| Saturday | 8:30am - 4pm |
| Sunday | 8:30am - 4pm |