Caalii Hinsarmuu
Justice & Freedom!!
Jirtuu?
11/29/2025
Eeggannoo📢📢 Alert ‼️
Caasaan Faarsee Bulaa dargaggoota qabsoo Ummataatti cichanii jiran miseensota ABO fi KFO akka isaan himata tokko malee ukkaamsamanii hidhaa turaniif faarsee bultootni dhiibbaa gochaa jiru.
Faarsee Bultootni Jeneral Hailu Gonfaan kan hogganaman yoo tahu dargaggoota qaroo tahan ilaalcha siyaasaa ABO miidiyaa hawaasaa irratti ummata isaanii hubachiisan kanneen fudhatama qaban irratti akka xiyyeeffatanis beekuun dandahameera.
Gareen faarsee bulaa kun arrabsoo malee ilaalcha gaarii ummatni irraa baratu kan hin qabne yoo tahan namoota eejjennoo ABO qabatanii dhugaa barreessan ukkaamsisiisuun hanga filannoon darbutti akka himata tokko malee waajjira poolisii turan gochuuf Hailu Gonfaaf amansiisanii MNO akka eeyyamsiisuuf hojjechaa jiru.
Gareen Faarsee Bulaan kun kan Nagaa Jaallataa, Galaanaa Nagaraa,Ciimsaa Abdiisaa ,Taammiruu Caalaa,Gadaa Birmajjii fi kanneen biroon kan jiran akkasumas Dammaqaa Nagaasaa kan keessatti argamu tahuu beekameera.
Caasaan Faarsee Bulaa kun kanneen icciitii isaanii beekanii isan saaxilan akkasumas isaan waliin hojjechuu dide hunda hiisisuuf hojii eegalanii doorsisaa jiru.
Namoota hedduutti bilbiluunis GQDO keessatti hin ijaaramtan taanaan kanaa booda mootumaan isin balleessa jechaa jiru.
Ijaarsi kun caasaa ijoollee ganda tokkoon kan hogganamu tahus Ijoollee wallaggaa hiisisuuf Nagaa jaallata fi Dirribsaa Daamxee of jalatti qabanii qarshii guddaa kennaniif akka jiran namootni odeessa kana dhagahan nuuf himaniiru.
Following
The Following
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
15002 Layhill Road
Silver Spring, MD
20906