Foollee Media

Foollee Media

Share

GadaaFoollee

01/22/2022
09/30/2021

Hidhattootni Naanno Affar Lola Uummata Walloo Aanaa Baatee Irratti Bananiin Dargaggoota Lama Rasaasaan Ajjeesan!
--
SBS-Fulbaana, 30/2021
--
Kaaba Oromiyaa Walloo Aanaa Baatee keessatti uummatni Oromoo Walloo adamfamee ajjeefamaa jiraachuun beekame.
Oromoo Walloo Kaaba Oromiyaa jiraatu kana irratti yeroodhaa gara yerootti Liyyuu Haayilii Amaaraa fi Hidhattoota Naannoo Affaariin haleellaan irratti raawwatamuu kan dubbatan jiraattonni, qaama isaaf birmatu dhabe malee duguuggaan sanyii Oromoo Walloo irratti raawwatamaa jiru duguuggaa sanyii Ruwaandaa kan 1994 waliin gargar miti jechuun dubbatu.

Keessumaa Kaaba Walloo Aanaa Baateetti tooftaan lafa isaa irraa buqqisuuf jecha shirri hawaasa naannoo kanaa irratti geggeeffamaa jiru kan umurii ganna 15 qabuu yoo ta’u, sochiin Amaarotaan naannoo Baatetti geggeeffamaa jiru walumaa gala shira eenyummaa hawaasa Oromoo naannoo sanaa dhabamsiisuu akka ta’etti jiraattonni dubbatu.

Akka odeeffannoon Fulbaana, 29/2021 Shinniigaa qaqqabe mirkaneessutti sababa tokko malee ilmaan Oromoo ol adeemaa ta’an kan maqaan isaanii Abduu Huseen Ahmad fi Mohammad Luubee jedhaman Walloo Ganda Dhakaachootti Hidhattoota Affaariin ajjeefamuudha. Hidhattoota kana booddee Liyyuu Hayilii Amaaraatu jira kan jedhan jiraattonni Shinniigaaf yaada laatan, gocha isaan godhan kana hunda kan raawwachiisaan isaan ta’uu qabatamaatti akka quba qaban dubbatu. Maqaa dantaa Waloo jedhuun Liyyuu Hayiliin Amaaraa fi Hidhattoonni Affar harka walqatanii socho’aa jiraachuu fi Oromoo Walloos lafa isaa irraa dhabamsiisuuf karoora qabaachuu isaaniis itti dabaluun nuuf himaniiru.

Kaabinee fi kaadireen Walloo yeroo hidhattootni nannoo Affaar Ummata Oromoo Walloo Aanaa Baatee irra deddeebiin ajjeesan afaan qabatanii taa'uun ummataaf dubbachuu dhabuun immoo ajjeechaa sukkaneessaan irra deddeebiin akka mudatuuf karaa akka saaqe maddeen keenya naannichaatu Shinniigaaf hime.

09/30/2021

Mootummaan Itoophiyaa Irreecha Kana Irratti Foollee Fakkeessuun Liyyuu Haayilii Amaaraa Finfinnee Galchaa Jira Jedhame!
--
SBS-Fulbaana, 30/2021
--
Mootummaan Itoophiyaa Irreecha bara kanaa irratti Foolleetti fakkeessuun uffata itti jijjiiree hidhannoo dhoksaa itti hidhuudhaan Liyyuu Haayilii Amaaraa bobbaasuuf akka jiru keessa beektonni Shinniigaaf eeruu kennaniiru.

Akka keessa beektonni kun jedhanitti mootummaan Itoophiyaa Irreecha bara kanaa irraa sodaa guddaa waan qabuuf, Humna Addaa Oromiyaattis fayyadamuu waan sodaateef Liyyuu Haayilii Amaaraa Foollee fakkeessuun bobbaasuuf dirqamee jiraa jedhu. Kanas mootummaa naannoo Oromiyaaf ajaja kennee raawwachiisuuf akka jirutu odeeffamaa jiraa jechuun dubbatu.

Guyyaa ayyaana Irreechaa kana irrattis qeerroo danuu adamsanii sababa itti barbaaduun ukkamsuudhaaf saganteeffatanii waan jiraniif qeerroo fi qarreen Oromoo of eeggannaan akka socho’an kanneen dubbii kana quba qaban dhaamsa dabarsaniiru.
Irreecha bara kanaa ilaachisuun erga abbootiin gadaa akka bara darbee dangeffama kaasuun, dhorkaa tokko malee namni hunduu irratti haa hirmaatu jedhamee mootummaan sodaa guddaa keessa jiraachuun beekamaadha.

Want your business to be the top-listed Media Company in Washington D.C.?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


Washington D.C., DC